Faarfannaa 19
Abdii Jannataa Waaqayyo Kenne
1. Jannatattii Waaqni nuu galchaa,
Yesus bara kumaaf buulchaa,
Cubbuuf yakka hunda balleessaa,
Gaddaaf du’a ni hambisaa.
(WALLEE)
Jannata taati lafti kuun.
Ni eeggannaa amantiidhaan.
Gooftaan kana ni raawwataa,
2. Kaayyoo Waaqaa fiixaan ni baasaa,
Yesus warra du’an kaasaa.
Akkuma Kiristos jedhetti
‘Waliin taana Jannatatti.’
(WALLEE)
Jannata taati lafti kuun.
Ni eeggannaa amantiidhaan.
Gooftaan kana ni raawwataa,
3. Jannatatti nu galcha Yesus.
Kennameeraaf Mootummichis.
Waaqa keenya galateeffannaa,
Garaa guutuun ni jajannaa.
(WALLEE)
Jannata taati lafti kuun.
Ni eeggannaa amantiidhaan.
Gooftaan kana ni raawwataa,
Fedha Abbaasaa ni guutaa.
(Dabalataan Mat. 5:5; 6:10; Yoh. 5:28, 29 ilaali.)