KUTAA 14
Waaqayyo Karaa Raajotasaa Dubbate
Raajonni, Yihowaadhaan kan dibamaniifi waa’ee firdii, waa’ee waaqeffannaa dhugaafi waa’ee abdiiwwan Masiihichi raawwatuu kan dubbatanidha
BARA mootota Israa’eliifi Yihudaatti, namoonni dhaamsa Waaqayyoo dabarsan jechuunis raajonni ka’anii turan. Namoonni kun, firdii Waaqayyoo warra kaanitti himuuf amantiifi ija jabina guddaa kan qaban turan. Mee dhaamsa barbaachisaa raajonni Waaqayyoo dabarsan arfan ilaali.
1. Badiisa Yerusaalem. Raajonni Waaqayyoo, keessumaa Isaayaasiifi Ermiyaas, Yerusaalem akka balleeffamtuufi ona akka taatu yeroo dheeraa dura akeekkachiisuu jalqaban. Waaqayyo magaalaa kanatti maaliif akka aare karaa ifa ta’een ibsaniiru. Jiraattonni Yerusaalem, gochawwan amantii sobaa, malaammaltummaafi hammeenyaa waan raawwataniif, Yihowaa bakka buuna jedhanii dubbachuunsaanii soba ture.—2 Mootota 21:10-15; Isaayaas 3:1-8, 16-26; Ermiyaas 2:1–3:13.
2. Waaqeffannaa qulqulluu deebisanii hundeessuu. Sabni Waaqayyoo waggaa 70 boojuudhaan erga dabarsanii booda, Baabilon keessaa ni ba’u. Biyyasaanii ishee ona taatetti deebi’anii, Yerusaalemitti Yihowaadhaaf mana qulqullummaa ijaaru. (Ermiyaas 46:27; Amos 9:13-15) Isaayaas, mootiin biyya Baabilon mo’ee saba Waaqayyoo birmaduu baasuudhaan mana qulqullummaa akka ijaaran isaanii heyyamu maqaansaa Qiiros akka ta’e gara waggaa 200 dura raajii dubbateera. Isaayaas, mala addaa Qiiros magaalattii qabachuuf itti fayyadamullee bal’inaan ibseera.—Isaayaas 44:24–45:3.
3. Dhufaatii Masiihichaafi wantoota isarra ga’an. Masiihichi magaalaa Betlihemitti dhalata. (Miikiyaas 5:2) Ilmoo harreerra taa’ee gara Yerusaalem dhaquudhaan, kan gad of deebisu ta’uusaa argisiiseera. (Zakaariyaas 9:9) Inni nama gaarii ta’us, kan jibbameefi kan tuffatame ta’eera. (Isaayaas 42:1-3; 53:1, 3) Gara jabinaan ajjeefame. Garuu akka du’etti hafee? Aarsaan inni kaffale namoota baay’eedhaaf dhiifama cubbuu waan argamsiisuuf akka du’etti hin hafne. (Isaayaas 53:4, 5, 9-12) Kun ta’uu kan danda’ummoo yoo du’aa ka’e qofadha.
4. Masiihichi lafa bulchuusaa. Ilmaan namootaa cubbamoo ta’an, karaa nagaatiin of geggeessuu kan hin dandeenye yoo ta’aniyyuu, Masiihichi inni Mootii ta’e garuu Angafa Nagaa jedhameera. (Isaayaas 9:6, 7; Ermiyaas 10:23) Bulchiinsasaa jalatti namoonni walii wajjinis ta’e bineensotaa wajjin nagaadhaan jiraatu. (Isaayaas 11:3-7) Dhukkubni hin jiraatu. (Isaayaas 33:24) Duutis barabaraaf ni balleeffama. (Isaayaas 25:8) Yommuu Masiihichi bulchu, namoonni du’anillee ka’anii lafarra jiraatu.—Daani’el 12:13.
—Macaafa Isaayaas, Ermiyaas, Daani’el, Amos, Miikiyaasiifi Zakaariyaas irratti kan hundaa’e.