LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • bm kutaa 23 ful. 26
  • Misiraachichi Ni Babal’ate

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Misiraachichi Ni Babal’ate
  • Macaafni Qulqulluun Dhaamsisaa Maalidha?
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yihowaan Gargaaraa Keessan Waan Taʼeef Ija Jabaadhaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2020
  • Abbootii Taayitaa Duratti Misiraachichaaf Falmuu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
  • “Falmii Ani . . . Dhiheeffadhu Dhaggeeffadhaa”
    Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
  • “Ani Qeesaaritti Ol Iyyadheera!”
    Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
Dabalataan Ilaaluuf
Macaafni Qulqulluun Dhaamsisaa Maalidha?
bm kutaa 23 ful. 26
Phaawulos Ateenaatti haasaa kennaa jira

KUTAA 23

Misiraachichi Ni Babal’ate

Phaawulos, hojii lallabaatiif jecha lafarras ta’e galaanarra deemeera

PHAAWULOS, Kiristiyaana erga ta’ee booda, misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo fedhii guddaadhaan kan lallabe si’a ta’u, yeroo kanatti namni kanaan dura warra kaan mormaa ture kun, ammammoo mormii cimaan isarra ga’aa jira. Ergamaan kun, nan dadhabe utuu hin jedhin bakka addaddaa dhaqee lallabeera. Phaawulos, Mootummaan Waaqayyoo, kaayyoo Waaqayyo jalqabarratti ilmaan namootaatiif qabu akka raawwatu misiraachoo himeera.

Phaawulos adeemsa misiyoonummaasaa jalqabaatti, Lisxiraa keessatti nama erga dhalatee kaasee naafa ture tokko fayyise. Yeroo kanatti namoonni hedduun, inniifi hiriyaansaa Barnaabaas waaqayyoliidha jedhanii wacuu jalqaban. Phaawulosiifi Barnaabaas garuu, namoonni sun aarsaa akka isaaniif hin dhiheessine cimsanii isaan dhowwan. Haata’u malee yeroo booda namoonni kun, diinonni Phaawulos dhiibbaa waan isaanirratti godhaniif, Phaawulosiin dhagaadhaan erga rukutanii booda du’eera jedhanii dhiisanii adeeman. Phaawulos rukuttaa sanarraa kan oole si’a ta’u, yeroo boodas bartoota jajjabeessuuf deebi’ee gara magaalattii dhaqe.

Kiristiyaanonni Yihudoota ta’an muraasni, amantoonni Yihudoota hin taane, Seera Musee tokko tokko eeguu qabu jedhanii falman. Phaawulosis, dhimma kana ergamoota Yesusiifi jaarsolii Yerusaalemitti argamanitti dhiheesse. Ergamoonniifi jaarsoliin kunimmoo, of eeggannoodhaan Caaffata Qulqullaa’oo qoratanii hafuura qulqulluutiin geggeeffamuudhaan murtoo dabarsan. Achiis, obboloonni waaqolii tolfaman akka hin waaqeffanne, dhiigaafi foon dhiigni akka gaariitti keessaa hin dhangalaane akka hin nyaanne, akkasumas ejjarraa akka fagaatan gumiiwwaniif barreessan. Abboommiin kun, “waan barbaachisu” yoo ta’ellee, abboommii kana hordofuun Seera Musee eeguu kan gaafatu hin turre.—Hojii Ergamootaa 15:28, 29.

Phaawulos adeemsa misiyoonummaa isa lammataatti, Beriyaa ishee yeroo ammaa Giriik keessatti argamtu dhaqe. Yihudoonni achi jiraatanis, guyyaa guyyaadhaan Caaffata Qulqullaa’oo qoranii barumsi inni barsiise sirrii ta’uusaa erga hubatanii booda, dubbicha gammachuu guddaadhaan fudhatan. Phaawulos, ammas ari’atamni waan irratti ka’eef gara Ateenaatti baqate. Phaawulos namoota Ateenaa barumsa guddaa qaban dura dhaabatee, malaan, hubannaafi beekumsaan haasawaa gaarii isaanii kenne.

Phaawulos adeemsa misiyoonummaa isa sadaffaa booda, gara Yerusaalem dhaqe. Yommuu mana qulqullummaa dhaqus, Yihudoonni tokko tokko isa ajjeesuu barbaadanii lola irratti kaasan. Loltoonni Roomaa dhimmicha keessa galuudhaan, Phaawulosiin gaaffii addaddaa gaafatan. Phaawulos lammii Roomaa waan ta’eef, yeroo booda Mootii Roomaa Feeliks duratti ol iyyannoo dhiheeffate. Yihudoonni himata isarratti dhiheessaniif ragaa argachuu hin dandeenye. Phaawulos, bulchaan warra Roomaa Fesxoos, Yihudootatti dabarsee akka isa hin kennine, “Ani mooticha warra Roomaa nan dhageessifadha” jedhe. Fesxoosis, “Egaa mooticha bira in dhaqxa” jedheen.—Hojii Ergamootaa 25:11, 12.

Loltoonni Roomaa Phaawulos namoota aaran jalaa akka miliqu gargaaraa jiru

Phaawulos ol iyyannoosaa akka dhageessifatuuf markabaan gara Ixaaliyaatti ergame. Utuu achi deemaa jiranii, markabnisaanii kan cabe si’a ta’u, innis ganna sana odoola Malaaxiyaatti dabarse. Dhumarratti yommuu Roomaa ga’u, mana kireeffate keessa waggaa lama taa’e. Ergamaa ija jabeessa kan ta’e Phaawulos loltootaan eegamaa kan ture ta’us, namoota isa gaafachuu dhufan hundaaf waa’ee Mootummaa Waaqayyoo lallabaa ture.

—Hojii Ergamootaa 11:22–28:31⁠rratti kan hundaa’e.

  • Phaawulos Lisxiraatti nama naafa ture tokko erga fayyisee booda maaltu ta’e?

  • Seera Musee eeguu ilaalchisee, gaaffiin ka’e furmaata kan argate akkamitti?

  • Phaawulos gara Roomaa kan dhaqe maaliifi? Achittoo maal godhe?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi