LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • bm kutaa 25 ful. 29
  • Gorsa Amantii, Amalaafi Jaalala Ilaalchisee Kenname

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Gorsa Amantii, Amalaafi Jaalala Ilaalchisee Kenname
  • Macaafni Qulqulluun Dhaamsisaa Maalidha?
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Waa’ee Yesus Barreessaniiru
    Ijoollee Keessan Barsiisaa
  • Yaadawwan Ijoo Macaafota Yohannisiifi Yihudaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
  • Phaawulos Gumiiwwaniif Ergaa Barreesse
    Macaafni Qulqulluun Dhaamsisaa Maalidha?
  • Xalayaawwan Pheexiros Barreesse Lamaanirraa Maal Baranna?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
Dabalataan Ilaaluuf
Macaafni Qulqulluun Dhaamsisaa Maalidha?
bm kutaa 25 ful. 29
Barreessaan Macaafa Qulqulluu tokko xalayaa barreessaa jira

KUTAA 25

Gorsa Amantii, Amalaafi Jaalala Ilaalchisee Kenname

Yaaqoob, Phexros, Yohannisiifi Yihudaan Kiristiyaanota jajjabeessuuf ergaawwan barreessaniiru

YAAQOOBIIFI Yihudaan, obboloota Yesus turan. Phexrosiifi Yohannisimmoo ergamoota Yesus 12an keessaa tokko turan. Namoonni arfan kun, walumaa galatti ergaa torba kan barreessan si’a ta’u, ergaan kunis Caaffata Qulqullaa’oo afaan Giriikii keessatti argama. Tokkoon tokkoon ergaawwan kanaa, maqaa nama ergicha barreesseetiin waamama. Ergaawwan kun, Kiristiyaanonni Yihowaadhaafi Mootummaasaatiif amanamoo akka ta’an gargaaruuf barreeffaman.

Kiristiyaanonni amantiisaanii hojiidhaan argisiisuu qabu. Amantii akka qaban dubbachuu qofti ga’aa miti. Amantii dhugaan hojiidhaaf nama kakaasa. Yaaqoob, “amantiin hojii gaarii hin argisiifne du’aa dha” jedheera. (Yaaqoob 2:26) Yommuu rakkinni namarra ga’u, amantiidhaan tarkaanfii fudhachuun jabina namaaf argamsiisa. Kiristiyaanni tokko milkaa’ina argachuu yoo barbaade, Waaqayyo ogummaa akka isaaf kennu amanuudhaan kadhachuu qaba. Jabinnimmoo, Waaqayyo biratti fudhatama namaaf argamsiisa. (Yaaqoob 1:2-6, 12) Kiristiyaanni tokko amanamaa yoo ta’e, Yihowaan isa gargaara. Yaaqoob, “Waaqayyotti dhi’aadhaa, innis isinitti in dhi’aata” jedheera.—Yaaqoob 4:8.

Amantiin Kiristiyaana tokkoo, qorumsaafi dhiibbaawwan gocha gadhee akka raawwatu isa godhan mo’uuf kan isa gargaaru ta’uu qaba. Bara sana amalli gadheen babal’atee waan tureef, Yihudaan Kiristiyaanonni ‘amantiidhaaf akka lolan’ isaanii barreessuuf dirqameera.—Yihudaa 3.

Kiristiyaanonni amala gaarii qabaachuu qabu. Yihowaan, waaqeffattoonnisaa karaa hundumaan qulqulloota akka ta’an isaanirraa eega. Phexros, “Adeemsa keessan hundumaan qulqulloota ta’aa! Inni caaffata qulqullaa’aa keessatti, ‘Ani [Yihowaan] qulqulluu waanan ta’eef, isinis qulqulloota ta’aa!’ jedheera” jechuudhaan barreesseera. (1 Phexros 1:15, 16) Phexros, “Kristos immoo isiniif dhiphatee, faana isaa duukaa akka buutaniif fakkeenya isiniif kenneera” waan jedheef, Kiristiyaanonni fakkeenya Yesus hordofuu qabu. (1 Phexros 2:21) Kiristiyaanonni seera Waaqayyoo eeguusaaniitti rakkinni yoo isaanirra ga’ellee, ‘yaada garaa isaan hin ceephaane’ qabu. (1 Phexros 3:16, 17) Phexros, Kiristiyaanonni guyyaa firdii Waaqayyoofi addunyaa haaraa “qajeelummaan keessa buufatu” eeggachaa yeroo jiranitti, amalaafi gocha qulqulluu nama Waaqayyoo ta’uusaanii argisiisu akka qabaatan isaan gorseera.—2 Phexros 3:11-13.

“Waaqayyotti dhi’aadhaa, innis isinitti in dhi’aata.”—Yaaqoob 4:8

Kiristiyaanonni jaalalasaanii argisiisuu qabu. Yohannis ergamaan, “Waaqayyo jaalala” jechuudhaan barreesseera. Akkasumas, Waaqayyo “cubbuu keenyaaf furee” akka ta’uuf Ilmasaa erguudhaan, jaalala guddaa nuuf qabu akka argisiise ibseera. Kiristiyaanonni, wanta isaanii godhame kanaaf dinqisiifannaasaanii akkamitti argisiisuu qabu? Yohannis, “Michoota ko! Waaqayyo akkana erga nu jaallatee, nuufis immoo wal jaallachuun in ta’a” jechuudhaan barreesseera. (1 Yohannis 4:8-11) Karaa jaalala akkasii itti argisiisnu keessaa inni tokko, warra hidhata amantii keenya ta’an keessummeessuudha.—3 Yohannis 5-8.

Haata’u malee, waaqeffattoonni Yihowaa jaalala isaaf qaban argisiisuu kan danda’an akkamitti? Yohannis, “Waaqayyoon jaallachuu jechuunis abboommota isaa eeguu dha; abboommonni isaa immoo ba’aa ulfaatoo miti” jechuudhaan deebii kenneera. (1 Yohannis 5:3; 2 Yohannis 6) Namoonni Waaqayyoof abboomaman, isa biratti jaallatamoo akka ta’an beeku; akkasumas abdiidhaan ‘jireenya barabaraa eeggatu.’—Yihudaa 21.

—Yaaqoob; 1 fi 2 Phexros; 1, 2 fi 3 Yohannis; Yihudaa irratti kan hundaa’e.

  • Kiristiyaanni tokko amantiisaa argisiisuu kan danda’u akkamitti?

  • Waaqayyo waaqeffattoonnisaa amala akkamii akka qabaatan barbaada?

  • Namni tokko dhugumaan Waaqayyoon akka jaallatu argisiisuu kan danda’u akkamitti?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi