LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • yc barumsa 11 ful. 24-25
  • Waa’ee Yesus Barreessaniiru

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Waa’ee Yesus Barreessaniiru
  • Ijoollee Keessan Barsiisaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Dhiifama Gochuu Gooftaasaarraa Barateera
    Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
  • Dhiifama Gochuu Gooftaasaarraa Barateera
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • Gorsa Amantii, Amalaafi Jaalala Ilaalchisee Kenname
    Macaafni Qulqulluun Dhaamsisaa Maalidha?
  • “Namoota hin Barannee fi Iddoo Guddaa hin Qabne”
    Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
Dabalataan Ilaaluuf
Ijoollee Keessan Barsiisaa
yc barumsa 11 ful. 24-25
Namoonni Waa’ee Yesus Barreessan Maatewos, Maarqos, Luqaas, Yohannis, Pheexiros, Yaaqoob, Yihudaa fi Phaawulos dha

BARUMSA 11

Waaʼee Yesus Barreessaniiru

Namoota fakkicharra jiran ni argitaa?— Namoonni kun Maatewos, Maarqos, Luqaas, Yohannis, Phexros, Yaaqoob, Yihudaafi Phaawulos jedhamu. Namoonni kun hundi, Yeroo Yesus lafarra jiraatetti kan jiraatan siʼa taʼu, waaʼee Yesus barreessaniiru. Mee waaʼee namoota kanaa caalaatti haa barannu.

Waa’ee namoota kanaa maal beekta?

Isaan keessaa sadansaanii ergamootasaa warra isa duukaa lallabaa turanidha. Namoonni sadan kun eenyufaa akka taʼan beektaa?— Maatewos, Yohannisiifi Phexrosidha. Maatewosiifi Yohannis Yesusin akka gaariitti waan beekaniif lamaansaaniiyyuu kitaaba waaʼee jireenya Yesus dubbatu barreessaniiru. Kana malees, Yohannis ergamaan macaafa Mulʼataa, akkasumas ergaa Yohannis Isa Duraa, Yohannis Isa Lammaffaafi Yohannis Isa Sadaffaa jedhaman barreesseera. Phexros ergamaanimmoo, ergaawwan Macaafa Qulqulluu keessatti argaman lama barreesseera. Ergaawwan kun, Phexros Isa Duraafi Phexros Isa Lammaffaa jedhamu. Phexros ergaasaa isa lammaffaarratti, Yihowaan ‘Kun Ilmakooti. Ani isa nan jaalladha, isattis nan gammada’ jedhee samiirraa waaʼee Yesus akka dubbate barreesseera.

Namoonni fakkicharra jiran kaanis, macaafa waaʼee Yesus barsiisu barreessaniiru. Isaan keessaa tokko Maarqosidha. Maarqos, yeroo Yesus qabametti achuma kan tureefi wanta raawwatame hunda kan arge taʼuu hin oolu. Inni kaanimmoo Luqaasidha. Luqaas doktoora kan ture siʼa taʼu, Kiristiyaana kan taʼe erga Yesus duʼee booda taʼuu hin oolu.

Namoonni fakkicharratti argituufi Macaafa Qulqulluu barreessan kaanimmoo, obboloota Yesus warra quxisuusaa taʼanidha. Maqaasaanii beektaa?— Yaaqoobiifi Yihudaa jedhamu. Obboloonni Yesus kun jalqabarratti isatti hin amanan turan. Kan maraateyyuu isaanitti fakkaatee ture. Booda garuu isatti amananii Kiristiyaanota taʼaniiru.

Barreessaan Macaafa Qulqulluu fakkicharratti argitu inni kaan Phaawulosidha. Phaawulos Kiristiyaana taʼuusaa dura maqaansaa Saaʼol jedhama ture. Kiristiyaanota waan jibbuuf isaan miidhaa ture. Phaawulos Kiristiyaana akka taʼu kan isa godhe maal akka taʼe beektaa?— Gaaf tokko Phaawulos karaa deemaa utuu jiruu, akka tasaa sagaleen tokko samiirraa yeroo isatti dubbatu dhagaʼe. Kan dubbate Yesus ture! ‘Namoota anatti amananirra miidhaa kan geessistu maaliifi?’ jedhee Phaawulosiin gaafate. Sana booda Phaawulos jijjiiramee Kiristiyaana taʼe. Phaawulos, macaafa Roomaatii kaasee hamma Ibrootaatti kitaabota Macaafa Qulqulluu 14 barreesseera.

Macaafa Qulqulluu yeroo hundumaa dubbisuu hin qabnuu?— Macaafa Qulqulluu dubbisuudhaan waaʼee Yesus waan baayʼee barachuu dandeenya. Waaʼee Yesus caalaatti barachuu barbaaddaa?—

MACAAFA QULQULLUU KEERRAA DUBBISI

  • 2 Phexros 1:16-18

  • Maarqos 3:21; 14:51

  • Yihudaa 1

  • Hojii Ergamootaa 9:1-18

GAAFFII:

  • Ergamoonni Yesus warri waaʼeesaa barreessan eenyufaʼi?

  • Namoota Macaafa Qulqulluu barreessan keessaa, obboloonni Yesus lamaan eenyufaʼi?

  • Phaawulos Kiristiyaana kan taʼe akkamitti?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi