KUTAA 24
Phaawulos Gumiiwwaniif Ergaa Barreesse
Ergaawwan Phaawulos barreesse, gumiiwwan Kiristiyaanaa jaarraa jalqabaa jajjabeessaniiru
GUMIIN Kiristiyaanaa reefuu hundeeffame, yeroo xinnoo booda raawwii kaayyoo Yihowaa keessatti bakka guddaa qabaata ture. Haata’u malee, utuu baay’ee hin turin Kiristiyaanota jaarraa jalqabaarra ari’atamni ni ga’e. Utuma ari’atamni isaanirra ga’uu Waaqayyoof amanamoo ta’anii jiraatuu? Yookiin rakkina gumii keessatti uumameefi balaa guddaa qabu ni mo’uu laata? Caaffanni Qulqullaa’oon afaan Giriikii, ergaawwan 21 kan qabatan si’a ta’u, isaanis gorsaafi jajjabina yeroo sanatti barbaachisaa ta’an kennaniiru.
Ergaawwan kana keessaa kudha afur, jechuunis ergaa warra Roomaarraa jalqabee hanga Ibrootaatti kan barreesse Phaawulos ergamaadha. Maqaan ergaawwan kanaa, nama ykn gumii ergaan kun itti barreeffameen kan moggaafamedha. Yaadawwan ergaa Phaawulosirratti ibsaman tokko tokko ilaali.
Gorsa amala ilaalchisee kenname. Warri halaleen, warri ejjaniifi cubbuu guddaa raawwatan, “mootummaa Waaqayyootti hin galan.” (Galaatiyaa 5:19-21; 1 Qorontos 6:9-11) Namoonni Yihowaa waaqeffatan, lammii isa kam keessaayyuu yoo dhufan, tokkummaa qabaachuu qabu. (Roomaa 2:11; Efesoon 4:1-6) Warri hidhata amantiisaanii ta’an yommuu rakkatan, gammachuudhaan isaan gargaaruu qabu. (2 Qorontos 9:7) Phaawulos, “Kadhata keessan ittuma fufaa malee hin dhiisinaa!” jedheera. Waaqeffattoonni Yihowaa, wanta isaanitti dhaga’amu kadhannaadhaan akka isatti himatan jajjabeeffamaniiru. (1 Tasaloniiqee 5:17; 2 Tasaloniiqee 3:1; Filiphisiiyus 4:6, 7) Kadhannaan keenya Waaqayyo biratti akka dhaga’amu yoo barbaadame, amantiidhaan dhihaachuu qaba.—Ibroota 11:6.
Maatiin gammachuu akka argatu kan gargaaru maalidha? Abbootiin manaa, haadhotii manaasaanii akka dhagnasaaniitti jaallachuu qabu. Haadhotiin manaa, abbootii manaasaaniitiif ulfina guddaa kennuu qabu. Ijoolleen, warrasaaniitiif abboomamuu kan qaban si’a ta’u, kunis Waaqayyoon ni gammachiisa. Warri, seerawwan Waaqayyootti fayyadamanii ijoolleesaanii jaalalaan qajeelchuufi leenjisuu qabu.—Efesoon 5:22–6:4; Qolosaayis 3:18-21.
Kiristiyaanonni kaayyoo Waaqayyoo akka hubatan gargaarsa argatan. Seerawwan Musee hedduun, hanga Kiristos dhufutti Israa’eloota eeguufi geggeessuuf gargaaranii turan. (Galaatiyaa 3:24) Kiristiyaanonni garuu, Waaqayyoon waaqeffachuuf Seericha eeguun isaan hin barbaachisu. Phaawulos Ibrootaaf, jechuunis Kiristiyaanota Yihudoota ta’aniif yommuu barreessu, Seerichi hiika maalii akka qabuufi kaayyoon Waaqayyoo Kiristosirratti akkamitti raawwiisaa akka argate ibseera. Phaawulos, qophiiwwan Seericha keessatti ibsaman hedduun wantoota gara fuulduraatti ta’aniif gaaddidduu akka ta’an ibseera. Fakkeenyaaf aarsaan horii, aarsaa du’a Yesus kan argisiisuufi dhugumaan dhiifama cubbuu kan argamsiisu ture. (Ibroota 10:1-4) Waaqayyo, du’a Yesusitti fayyadamee kakuu Seera Musee waan hambiseef, sana booda Seerichi hin barbaachisu.—Qolosaayis 2:13-17; Ibroota 8:13.
Akkaataa gumiin itti qindaa’urratti qajeelfama kenname. Dhiironni gumii keessatti itti gaafatamummaa argachuu barbaadan, amala gaarii qabaachuufi ulaagaa Macaafa Qulqulluu keessatti ibsame guutuu qabu. (1 Ximotewos 3:1-10, 12, 13; Tiitoos 1:5-9) Waaqeffattoonni Yihowaa, warra hidhata amantiisaanii ta’anii wajjin wal jajjabeessuuf yeroo hunda walga’iirratti argamuu qabu. (Ibroota 10:24, 25) Walga’iiwwan waaqeffannaadhaaf godhaman, kan nama jajjabeessaniifi barumsa kan namaa kennan ta’uu qabu.—1 Qorontos 14:26, 31.
Phaawulos yommuu Ximotewosiif ergaa isa lammaffaa barreesse, Roomaatti hidhamee murtoosaa eeggachaa ture. Lubbuusaanii balaarra buusanii isa gaafachuu kan dhaqan, namoota muraasa turan. Phaawulos yeroon itti ajjeefamu ga’uusaa beeka ture. Kanaaf, “Wal’aansoo isa gaarii sanas dhaabadhee qabeera; dorgomee koos raawwadheera, amantiis eegeera” jedhe. (2 Ximotewos 4:7) Phaawulos, amantiisaatiif jedhee yeroo muraasa booda utuu hin ajjeefamin hin oolle. Haata’u malee, ergaawwan Phaawulos barreesse hanga yoonaatti waaqeffattoota dhugaatiif qajeelfama ta’aniiru.
—Roomaa; 1 fi 2 Qorontos; Galaatiyaa; Efesoon; Filiphisiiyus; Qolosaayis; 1 fi 2 Tasaloniiqee; 1 fi 2 Ximotewos; Tiitoos; Filemon; Ibroota irratti kan hundaa’e.