LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • rk kutaa 6 ful. 15-17
  • Kaayyoon Waaqayyo Lafaaf Qabu Maali Dha?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Kaayyoon Waaqayyo Lafaaf Qabu Maali Dha?
  • Amantii Dhugaa—Furtuu Jireenya Gammachuu Qabu Argamsiisu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Kaayyoon Waaqayyo Lafaaf Qabu Maalinnii?
    Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa?
  • Waaʼeen Eeden Siin Kan Ilaalltu Akkamitti?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Jannata Lafa Irraa​—⁠Abjuu moo Dhugaa Dha?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2017
  • Kaayyoon Waaqayyo Lafaaf Qabu Maalidha?
    Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe!
Dabalataan Ilaaluuf
Amantii Dhugaa—Furtuu Jireenya Gammachuu Qabu Argamsiisu
rk kutaa 6 ful. 15-17

KUTAA 6

Kaayyoon Waaqayyo Lafaaf Qabu Maali Dha?

WAAQAYYO lafa kan uume namootaaf bakka jireenyaa gaarii akka taatuufi. Dubbiin Waaqayyoo, “Samiiwwan kan Yihowaa ti, lafa garuu ilmaan namootaatiif kenne” jedha.—Faarfannaa 115:16.

Waaqayyo Addaam nama isa jalqabaa uumuu isaa dura, lafa irratti bakka xiqqoo Eedan jedhamtu filatee iddoo biqiltuu bareedaa qopheesse. Kitaabni Qulqulluun lageen Efraaxisii fi Xegros (Hidakel) Eedana keessaa maddaa akka turan dubbata. Bakki biqiltuu Eedan iddoo yeroo ammaa baha Turkiitti argamtu keessa akka ture yaadama. Eeyyee, bakki biqiltuu Eedan lafa irra jira ture!

Waaqayyo Addaamiin uumee akka inni iddoo biqiltuu Eedan “misoomsuu fi kunuunsuuf” achi keessa isa kaaʼe. (Uumama 2:15) Sana booda, Waaqayyo Addaamiif haadha manaa Hewaan jedhamtu uume. Hiriyoota gaaʼelaa kanaanis, “Horaa, baayʼadhaa, lafa guutaa; isas toʼannaa keessan jala galfadhaa!” jedhe. (Uumama 1:28) Ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, Waaqayyo “bakka jireenyaa akka taatuuf malee akkanumaan [lafa] hin uumne.”—Isaayyaas 45:18.

Addaamii fi Hewaan taʼe jedhanii seera Waaqayyoo cabsuudhaan is morman. Kanaafuu, Waaqayyo bakka biqiltuu Eedan keessaa isaan baase. Jannannis ni bade. Miidhaan cubbuu Addaam raawwateen dhufe kana irratti qofa hin dhaabbanne. Kitaabni Qulqulluun, “Cubbuun karaa nama tokkoo addunyaatti gale, duutis karaa cubbuu dhufe; kanaafuu, namoonni hundi cubbuu waan hojjetaniif, duuti namoota hundumaa waliin gaʼe” jedha.—Roomaa 5:12.

Waaqayyo kaayyoo isaa isa jalqabaa, jechuunis kaayyoo lafti namoota gammadoo taʼaniin akka guutamtuuf baase dhiiseeraa? Lakki! Waaqayyo, “Dubbiin afaan koo keessaa baʼus akkanuma ni taʼa. dhugumaan wantan itti gammadu ni raawwata, wantan itti isa erges fiixaan ni baasa malee, akkanumaan gara kootti hin deebiʼu” jedheera. (Isaayyaas 55:11) Kanaafuu, lafti deebitee Jannata ni taati!

Jannata keessatti jireenyi maal fakkaata? Abdiiwwan Kitaaba Qulqulluu fuula itti aanan lamaan kana irratti ibsaman ilaali.

a Uumamni 2:10-14 akkana jedha: “Iddoo biqiltuu sana obaasuufis lagni tokko Eedan keessaa ni yaaʼa ture; innis sana booda hihhiramee laga afur taʼe. Maqaan laga isa tokkoffaa Fiishoon jedhama; . . . maqaan laga isa lammaffaa Giyoon jedhama; . . . maqaan laga isa sadaffaa Hidikeel jedhama; innis gara kallattii bahaa Asooritti kan yaaʼu dha. Lagni arfaffaan immoo Efraaxis jedhama.” Lageen jalqabaa lamaan eessa akka turanii fi warra kam akka taʼan hin beekamu.

Maal Jettee Deebista?

  • Kaayyoon Waaqayyo jalqaba lafaa fi namootaaf qabu maal ture?

  • Waaqayyo kaayyoo isaa kana akka raawwatu akkamitti beekna?

Namoota Jannata Keessa Jiran

Jannata Gara Fuulduraatti Dhufu

Warri duʼan duʼaa ni kaʼu: “Saʼaatiin warri awwaala yaadannoo keessa jiran hundi sagalee isaa itti dhagaʼan ni dhufa . . . awwaala keessaa ni baʼu.”—Yohaannis 5:28, 29.

Dullumni, dhukkubni ykn duuti hin jiraatu: “Jiraattota biyyattii keessaa tokko illee, ‘Na dhukkuba’ hin jedhu.” (Isaayyaas 33:24) Waaqayyo, “Imimmaan hundumaa ija isaanii irraa ni haqa; duutis kana booda hin jiraatu; gaddis taʼe iyyi yookiin dhiphinni kana booda hin jiraatu.”—Mulʼata 21:4.

Nyaanni gaariin baayʼinaan ni argama: “Lafti oomisha ishii ni kenniti; Waaqayyo, Waaqni keenya nu eebbisa.”—Faarfannaa 67:6.

Manneen gaggaarii fi hojii nama gammachiisu: “Isaan manneen ni ijaaru, keessas ni jiraatu, . . . Warri ani filadhes hojii harka isaaniitti guutummaatti ni gammadu.”—Isaayyaas 65:21, 22.

Waraanni, yakki ykn fincilli hin jiraatu: Yihowaan, “guutummaa lafaa irraa waraana ni balleessa.” (Faarfannaa 46:9) ‘Hamoonni lafa irraa ni buqqifamu.’—Fakkeenya 2:22.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi