LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • rk kutaa 8 ful. 20-21
  • Masiihichi ni Mulʼate

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Masiihichi ni Mulʼate
  • Amantii Dhugaa—Furtuu Jireenya Gammachuu Qabu Argamsiisu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Masiihichi Ni Dhufe
    Macaafni Qulqulluun Dhaamsisaa Maalidha?
  • Masiihicha Eeggachaa Turaniiru
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Ergamaan Tokko Maariyaamiin Haasofsiise
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • “Ani Garbittiin Gooftaa Kunoo Asan Jira”
    Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
Dabalataan Ilaaluuf
Amantii Dhugaa—Furtuu Jireenya Gammachuu Qabu Argamsiisu
rk kutaa 8 ful. 20-21

KUTAA 8

Masiihichi ni Mulʼate

DAANIʼEL raajichi raajii erga dubbatee waggaa 500 booda, maleekaa Waaqayyoo kan taʼe Gabriʼeel durba Maariyaam jedhamtuu fi sanyii Daawit Mootichaa taatetti mulʼate. Gabriʼeel, “Yaa ishii baayʼee eebbifamtuu nana, nagaan siif haa taʼu, Yihowaan sii wajjin jira” ishiidhaan jedhe. (Luqaas 1:28) Maariyaam garuu ni sodaatte. Nagaan Gabriʼeel ishii gaafate hiika maalii qaba?

Gabriʼeel Maleekichi Maariyaamitti mulʼate

Gabriʼeel Maariyaam Masiihicha akka deessu itti hime

Gabriʼel itti fufuudhaan akkana jedhe: “Yaa Maariyaam, Waaqayyo duratti fudhatama waan argatteef hin sodaatin. Kunoo, ulfooftee ilma ni deessa; maqaa isaas Yesuus jettee moggaasta. . . . Yihowaanis teessoo abbaa isaa Daawit isaaf ni kenna; . . . Mootummaan isaas dhuma hin qabaatu.” (Luqaas 1:30-33) Misiraachoo nama gammachiisu akkamiiti! Maariyaam Masiihicha, jechuunis ‘sanyii’ isa yeroo dheeraadhaaf eegamaa ture ni deessi!

Waggaa itti aanutti, Yesuus Beetaliheem keessatti dhalate. Halkan sana maleekaan tokko tiksitoota naannoo sana jiraniin akkana jedhe: “Kunoo, ani misiraachoo . . . gammachuu guddaa argamsiisu isinitti nan hima. Harʼa magaalaa Daawit keessatti fayyisaan isiniif dhalateera; innis Kiristoos Goofticha dha.” (Luqaas 2:10, 11) Yeroo booda, maatiin Yesuus gara Naazireet jechuunis, gara bakka inni itti guddatee dhaqan.

Dhaloota Kiristoos Booda bara 29⁠tti, jechuunis bara Masiihichi itti mulʼachuu qabutti, Yesuus ‘umurii isaa gara waggaa 30⁠tti’ raajii Waaqayyoo taʼee tajaajiluu eegale. (Luqaas 3:23) Namoonni baayʼeen inni Waaqayyo biraa ergamee akka dhufe hubatanii turan. “Raajii guddaan tokko nu gidduutti kaʼeera” jedhan. (Luqaas 7:16, 17) Haa taʼu malee, Yesuus maal barsiise?

Yesuus namoonni Waaqayyoon akka jaallatanii fi akka waaqeffatan barsiiseera: Akkana jedhe: “Waaqni keenya Yihowaan, Yihowaa tokkicha dha; atis Waaqa kee Yihowaa garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, sammuu kee guutuudhaan, akkasumas humna kee guutuudhaan jaalladhu.” (Maarqos 12:29, 30) Akkasumas, “Waaqa kee Yihowaa waaqeffadhu; isa qofaaf tajaajila qulqulluu dhiheessi” jedheera.—Luqaas 4:8.

Yesuus namoonni akka wal jaallatan jajjabeesseera: “Nama akka ofii keetti jaalladhu” jedheera. (Maarqos 12:31) Akkasumas, “Wanta namoonni akka isiniif godhan barbaaddan hundumaa isinis isaaniif godhaa. Wanti Seerichii fi Raajonni jedhanis kanuma” jedheera.—Maatewos 7:12.

Yesuus hinaaffaadhaan waaʼee Mootummaa Waaqayyoo namootatti himeera: “Misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo magaalota kaanittis lallabuun qaba; sababiin isaas, ani kanaafan ergame” jedheera. (Luqaas 4:43) Mootummaan Waaqayyoo hammana barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

Kitaabni Qulqulluun Mootummaan Waaqayyoo bulchiinsa samii isa gara fuulduraatti lafa bulchu akka taʼe barsiisa. Waaqayyo, Yesuus Masiihicha mootii mootummaa kanaa godhee muudeera. Daaniʼel raajichi, Waaqayyo samii irratti Masiihichaaf ‘bulchiinsa, ulfinaa fi mootummaa’ akka kennu dursee dubbateera. (Daaniʼel 7:14) Mootummichi lafti Jannata akka taatu godha; namoota Waaqayyoon tajaajilaniifis jireenya bara baraa argamsiisa. Kun misiraachoo guddaa mitii?

Maal Jettee Deebista?

  • Maleekaa Waaqayyoo kan taʼe Gabriʼeel Maariyaamitti maal hime?

  • Raajiin Dh.K.B. bara 29⁠tti raawwatame isa kami?

  • Yesuus maal barsiise?

  • Mootummaan Waaqayyoo maali dha? Gara fuulduraatti hoo maal raawwata?

Yesuus namoota hedduu yeroo barsiisu

Yesuus Masiihichi Eenyu?

Jechoonni “Masiihii” fi “Kiristoos” jedhan “Isa Dibame,” jechuunis qaama Waaqayyo muude jechuu dha. Waaqayyo Yesus Masiihichaaf jireenya kenneera. Waaqayyo dinqii guddaadhaan Yesuus abbaa malee Maariyaam irraa akka dhalatu godheera.

Namoonni hedduun Yesuusitti kan amanan maaliifi? Sababiiwwan muraasni akka armaan gadiitti ibsamaniiru:

  • Barumsi isaa Kitaaba Qulqulluu irratti kan hundaaʼe ture.

  • Barumsii fi fakkeenyummaan isaa namoota dhugaa fi haqa jaallatan ni hawwatu turan.

  • Humna Waaqayyootiin dinqiiwwan hedduu raawwateera.

  • Raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu irratti galmeeffaman hedduu raawwateera.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi