LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • yc barumsa 1 ful. 4-5
  • Dhoksaa Beekuu Barbaannu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Dhoksaa Beekuu Barbaannu
  • Ijoollee Keessan Barsiisaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Baafata Mata Duree
    Dammaqaa!—2018
  • “Ogummaa Waaqayyoo Isa Iccitii Qulqulluu Keessa Jiru”
    Yihowaatti Dhihaadhu
  • Waaqayyo Jannata Akka Fidu Abdii Kenneera
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Kaayyoon Waaqayyo Lafaaf Qabu Maalinnii?
    Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa?
Dabalataan Ilaaluuf
Ijoollee Keessan Barsiisaa
yc barumsa 1 ful. 4-5
Ergamoonni Waaqayyoo yommuu Yesuus waa’ee Mootummaa Waaqayyoo namootati himu ni dhaggeeffattu turan

BARUMSA 1

Dhoksaa Beekuu Barbaannu

Namni wanta dhoksaa taʼe sitti himee beekaa?—a Macaafni Qulqulluun, waaʼee “dhoksaa” addaa Waaqayyo biraa dhufe tokkoo ni dubbata. Dhoksaan kun dhoksaa kan jedhame namoonni waaʼeesaa kan hin beekne waan turaniifidha. Ergamoonni Waaqayyoollee waaʼee dhoksaa kanaa caalaatti beekuu ni barbaadu turan. Atoo dhoksaan kun maal akka taʼe beekuu barbaaddaa?—

Ergamoonni Waaqayyoo waa’ee maalii beekuuf hawwaa kan turan sitti fakkaata?

Dur dur, Waaqayyo dhiiraafi dubartii jalqabaa uume. Maqaansaanii Addaamiifi Hewwaan jedhama. Waaqayyo bakka jireenyaa bareedaa Eeden jedhamu isaaniif kenne. Addaamiifi Hewwaan Waaqayyoof utuu ajajamaniiru taʼee, isaaniifi ijoolleensaanii guutummaa lafaa jannata gochuu dandaʼu turan. Kana malees, Jannata keessa barabaraaf jiraachuu dandaʼu turan. Haataʼu malee, Addaamiifi Hewwaan maal akka godhan ni yaadattaa?—

Addaamiifi Hewwaan Waaqayyoof ajajamuu didan; nuyi yeroo harʼaa jannata keessa kan hin jiraannes kanaafidha. Waaqayyo garuu, guutummaa lafaa akka bareechu, namni hundumtuu barabaraaf akka jiraatuufi gammachuu akka qabaatu dubbateera. Waaqayyo kana kan godhu akkamitti? Yeroo dheeraadhaaf namoonni kana hin beekan turan. Kun dhoksaa ture.

Yesus yeroo lafarra ture, waaʼee dhoksaa kanaa caalaatti namoota barsiiseera. Dhoksaan kun waaʼee Mootummaa Waaqayyoo akka taʼe isaanitti hime. Mootummaan kun akka dhufu akka kadhatanis isaan barsiiseera. Mootummichi lafa kana jannata bareedduu godha.

Dhoksaa kana beekuu keetti gammaddeettaa?— Jannata keessa kan jiraatan namoota Yihowaadhaaf ajajaman qofa akka taʼan hin irraanfatin. Macaafni Qulqulluun seenaa dhiirotaafi dubartoota Yihowaadhaaf ajajamanii baayʼee nutti hima. Waaʼee namoota kanaa barachuu ni barbaaddaa?— Isaan keessaa tokko tokko eenyufaa akka taʼaniifi akkamitti akkasaanii taʼuu akka dandeenyu haa ilaallu.

MACAAFA QULQULLUU KEERRAA DUBBISI

  • Maarqos 4:11

  • 1 Phexros 1:12

  • Uumama 1:26-28; 2:8, 9; 3:6, 23

  • Maatewos 6:9, 10

  • Faarfannaa 37:11, 29

a Seenaawwan kana keessatti, gaaffiiwwan tokko tokkotti aansee mallattoon akkasii (—) jira. Yeroo kanatti takka dhaabattanii, mucaan keessan deebii akka kennu utuu gootanii gaariidha.

GAAFFII:

  • Yeroo harʼaa lafti jannata kan hin taane maaliifi?

  • Macaafni Qulqulluun waaʼee dhoksaa adda taʼe isa kamii dubbata?

  • Yesus waaʼee dhoksaa kanaa maal barsiise?

  • Jannata keessa jiraachuuf maal gochuu qabda?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi