LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • kr boq. 13 ful. 150-165
  • Labsitoonni Mootummichaa Mana Murtiitti Iyyatan

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Labsitoonni Mootummichaa Mana Murtiitti Iyyatan
  • Mootummaan Waaqayyoo Bulchaa Jira!
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Nagaa Uummataa Booressumoo, Amanamummaadhaan Mootummaa Waaqayyoo Deggeru?
  • Mootummaarratti Fincila Kakaasumoo, Dhugaa Labsu?
  • Daldaltootamoo, Namoota Mootummaa Waaqayyoo Hinaaffaadhaan Lallabanidha?
  • “Namaaf Abboomamuu Irra, Waaqayyoof Abboomamuutu Nu Irra Jira”
  • “Yihowaan Gargaaraa Kooti”
  • Mirga Waaqeffannaatiif Qabsaaʼuu
    Mootummaan Waaqayyoo Bulchaa Jira!
  • Amanamummaadhaan Mootummaa Waaqayyoo Qofa Deggeruu
    Mootummaan Waaqayyoo Bulchaa Jira!
Mootummaan Waaqayyoo Bulchaa Jira!
kr boq. 13 ful. 150-165

BOQONNAA 13

Labsitoonni Mootummichaa Mana Murtiitti Iyyatan

YAADA IJOO BOQONNAA KANAA

Akkuma Yesus dursee dubbate duuka buutonnisaa hojii lallabaa wajjin haala wal qabateen gama seeraatiin mormiin akka isaanirra gaʼe ilaalla

1, 2. (a) Geggeessitoonni amantii hojii lallabaa wajjin haala wal qabateen maal gochuudhaan milkaaʼina argatanii turan? Haataʼu malee ergamoonni Yesus maal godhan? (b) Ergamoonni Yesus akka hin lallabne yommuu ajajamanitti abboomamuu kan didan maaliifi?

YEROONSAA Dh.K.B. bara 33 Ayyaanni Phenxeqostee kabajamee baayʼee utuu hin turinidha. Gumiin Yerusaalem keessa jiru erga hundeeffamee torban muraasa qofa ture. Seexanni yeroon kun gumicha miidhuuf yeroo mijataa akka taʼe yaadeera. Gumichi utuu hin jabaatin balleessuu barbaadee ture. Kanaaf, misiraachoon Mootummichaa akka hin lallabamneef geggeessitoota amantiitti fayyadamee dhiibbaa geessisuu jalqabe. Haataʼu malee, ergamoonni Yesus ija jabinaan lallabuusaanii kan itti fufan siʼa taʼu, dhiironniifi dubartoonni hedduunis ‘gooftaatti amananiiru.’—HoE. 4:18, 33; 5:14.

Ergamoonni Kiristoos mana murtii Saanheedriinitti erga reebaman booda gammachuudhaan baʼa jiru

Ergamoonni Yesus “ulfinni maqaa kanaaf salphachuu waan isaaniif taʼeef” gammadaniiru

2 Mormitoonni garmalee waan aaraniif, ergamoota Yesus hunda mana hidhaatti galchuudhaan yeroo lammataatiif miidhaa isaanirraan gaʼan. Taʼus, ergamaan Yihowaa halkan balbala mana hidhaa banuudhaan ergamoota Yesus kan baase siʼa taʼu, isaanis bariidhaan misiraachicha lallabuusaanii itti fufan. Yeroo kanattis qabamanii bulchitoota duratti kan dhiheeffaman siʼa taʼu, ajaja akka hin lallabne isaaniif kenname maaliif akka cabsan gaafataman. Isaanis, “Namaaf abboomamuu irra, Waaqayyoof abboomamuutu nu irra jira” jechuudhaan ija jabinaan deebisan. Bulchitoonni yommuu kana dhagaʼan baayʼee waan aaraniif ergamoota Yesus ‘ajjeesuu barbaadan.’ Yeroo kanatti garuu namichi Gamaaliʼel jedhamuufi barsiisaa seeraa taʼe, “Of eeggadhaa! . . . jara ammaa kana irrattis waan tokko illee hamaa akka hin goone isinittan hima; isaan gad dhiisaa!” jedhee bulchitoota sana akeekkachiise. Kan nama ajaaʼibsiisu, bulchitoonni sun gorsa kana dhagaʼuudhaan ergamoota Yesus gadhiisaniiru. Ergamoonni Yesus amanamoo taʼan kun maal godhan laata? ‘Barsiisuufi Yesus Masiihii akka taʼe misraachoo himuuttii gargar hin kunne.’—HoE. 5:17-21, 27-42; Fak. 21:1, 30.

3, 4. (a) Malli Seexanni saba Waaqayyoo miidhuuf yeroo dheeraadhaaf itti fayyadamaa ture maalidha? (b) Boqonnaa kanaafi boqonnaawwan ittaanan lamaan keessatti waaʼee maalii ilaalla?

3 Abbootiin taayitaa ergamoota Yesus mana murtiitti dhiheessuudhaan gumii Kiristiyaanaarratti mormii kan geessisan Dh.K.B. bara 33⁠tti qofa hin turre. (HoE. 4:5-8; 16:20; 17:6, 7) Harʼas Seexanni, namoota waaqeffannaa dhugaa mormanitti fayyadamee abbootiin taayitaa hojii lallabaa keenya akka dhorkan gochuuf yaala. Mormitoonni, sabni Waaqayyoo nagaa uummataa akka booressan, mootummaarratti fincila akka kaasaniifi daldaltoota akka taʼan dubbachuudhaan himata isaanirratti dhiheessaniiru. Yeroo barbaachisaa taʼutti obboloonni keenya himanni akkasii soba taʼuusaa mirkaneessuuf mana murtiitti iyyataniiru. Kunoo buʼaa akkamii argamsiise? Murtoowwan manneen murtii waggaa hedduu dura dabarsan dhuunfaatti isiniin kan tuqan akkamitti? ‘Misiraachichaaf falmuufi karaa seera qabeessa taʼeen labsuuf’ murtoowwan kennaman gumaacha akkamii akka godhan hubachuuf, jalqaba dhimmoota mana murtiitti dhihaatanii turan tokko tokko haa ilaallu.—Filp. 1:7, NW.

4 Boqonnaa kana keessatti carraaqqii mirga lallabuu keenya kabachiisuuf goone ilaalla. Boqonnaawwan lamaan ittaanan keessattimmoo, ulaagaa Mootummaa Waaqayyoo wajjin haala walsimuun jiraachuufi kan biyya lafaa taʼuu dhiisuu keenyaan himata mana murtiitti nurratti dhihaateefi injifannoo gama kanaan arganne keessaa muraasa ilaalla.

Nagaa Uummataa Booressumoo, Amanamummaadhaan Mootummaa Waaqayyoo Deggeru?

5. Dhuma bara 1930⁠niitti labsitoonni Mootummichaa hidhamaa kan turan maaliifi? Obboloonni itti gaafatamummaa qabanoo tarkaanfii akkamii fudhatan?

5 Xumura bara 1930⁠niitti magaalotaafi bulchiinsota Yuunaayitid Isteetis oov Ameerikaa keessa jiran hundatti, Dhugaa Baatonni Yihowaa misiraachicha lallabuuf heyyama akka baafatan dirqisiisuuf yaaliin godhamee ture. Taʼus obboloonni keenya, heyyamni haqamuu akka dandaʼuufi mootummaan kamiyyuu ajaja Yesus Kiristiyaanonni ergaa Mootummichaa akka lallaban kenne dhorkuu akka hin dandeenye hubatanii waan turaniif heyyama baafachuuf hin gaafanne. (Mar. 13:10) Kanaan kan kaʼes, labsitoonni Mootummichaa dhibbaan lakkaaʼaman ni hidhaman. Yeroo kanatti obboloonni jaarmiyicha keessatti itti gaafatamummaa qaban mana murtiitti iyyachuu yaadan. Sababiinsaas, mootummaan Ameerikaa Dhugaa Baatonni Yihowaa amantiisaanii bilisummaadhaan akka hin geggeeffanne dhorkuunsaa seera qabeessa akka hin taane akka beekamu gochuufidha. Bara 1938⁠tti haala jijjiiramni guddaan gama murtiitiin akka taʼu godhu tokkotu uumame. Haalli kun maalidha?

6, 7. Wanti maatii Niwutan mudate maal ture?

6 Obboleessi keenya Niwutan Kaantiweel inni umriinsaa waggaa 60 taʼe, haadha manaasaa Eestariifi ijoolleesaanii Henarii, Raasiliifi Jeesii wajjin Kibxata ganama, Ebla 26, 1938⁠tti magaalaa Niiwu Haaven jedhamtuufi bulchiinsa Kanatiikatitti argamtutti lallabuuf deeman. Shanansaaniiyyuu qajeelchitoota addaa yommuu taʼan, gaafa sana guyyaa tokkoo ol turuu akka dandaʼan waan yaadaniif sirriitti qophaaʼanii baʼan. Akkasitti kan yaadan maaliifi? Sanaan dura yeroo baayʼee utuu lallabanii qabamanii waan hidhamaniif, ammas hidhamuu akka dandaʼan waan beekaniifidha. Taʼus, kana beekuunsaanii lallabuurraa boodatti akka jedhan isaan hin goone. Magaalaa Niiwu Haaven kan gaʼan konkolaataa lamaan ture. Niwutan konkolaataa maatii barreeffamoonni Macaafa Qulqulluufi foonogiraafiin irratti feʼame oofaa kan ture siʼa taʼu, Henariin inni umriinsaa waggaa 22 taʼemmoo konkolaataa meeshaa sagalee guddisu qabu oofa ture. Akkuma yaadanii turan lallabuu eegalanii saʼaatii muraasa booda poolisiin akka hin lallabne isaan dhowwe.

7 Jalqaba kan qabame Raasil isa umriinsaa waggaa 18 ture ennaa taʼu, ittaansuudhaan Niwutaniifi Eestartu qabame. Jeesiin inni umriinsaa waggaa 16 taʼe, warrisaafi obboleessisaa poolisiidhaan qabamanii yommuu deeman fagootti ilaalaa ture. Henariin iddoo kan biraatti lallabaa waan tureef Jeesiin kophaatti hafe. Taʼus, foonogiraafii qabatee lallabuusaa itti fufe. Kaatolikonni lama, haasaa obboleessi keenya Raazarfordi dhiheesseefi mataduree, “Diinota” jedhu qabu akka isaan dhageessisu isa gaafatan. Haataʼu malee, namoonni sun haasicha yommuu dhaggeeffatan baayʼee waan aaraniif Jeesii rukutuu barbaadan. Jeesiin garuu callisee isaan biraa kan deeme yommuu taʼu, utuu baayʼee hin turin poolisiin tokko qabee mana hidhaatti isa geesse. Poolisoonni obboleessa keenya Niwutaniifi ilmaansaa kan hidhan taʼus, obboleettii keenya Eestariin gadhiisaniiru. Haataʼu malee, guyyaadhuma sana wabiidhaan mana hidhaatii baʼaniiru.

8. Manni murtii, Jeesiin nagaa kan booressu akka taʼetti yaaduudhaan kan itti murteesse maaliifi?

8 Jiʼoota muraasa booda, jechuunis Fulbaana 1938⁠tti maatiin Niwutan mana murtii Niiwu Haavenitti dhihaatan. Niwutan, Raasiliifi Jeesiin heyyama utuu hin baafatin gargaarsa maallaqaa walitti qabaa akka jiranitti himatamanii turan. Jeesiin Mana Murtii Olaanaa Kanatiikatitti ol iyyannoo dhiheeffatus, gocha nagaa booressu akka raawwatetti himatamee itti murteeffame. Murtoon kun irratti fudhatamuu kan dandaʼe akkamitti? Kaatolikonni haasaa waraabame dhaggeeffatanii turan, haasichi amantiisaanii kan tuqeefi kan isaan aarse taʼuusaa ragaa waan baʼaniifidha. Obboloonni jaarmiyaa keenya keessatti itti gaafatamummaa qaban, murtoo kana ilaalchisee Mana Murtii Olaanaa Yuunaayitid Isteetisitti ol iyyannoo dhiheessan.

9, 10. (a) Manni Murtii Olaanaa Yuunaayitid Isteetis ol iyyannoo maatiin Niwutan dhiheesseef murtoo akkamii dabarse? (b) Yeroo harʼaa murtoo darbe kanarraa faayidaa akkamii argachaa jirra?

9 Bitootessa 29, 1940⁠tti Abbaa Seeraa kan taʼe Chaarlis Hiiyuuziifi abbootiin seeraa saddeet, ol iyyannoo obboleessi keenya Haayidan Kaviingitan inni abukaatoo Dhugaa Baatota Yihowaa taʼe dhiheesse dhaggeeffachuu jalqaban.a Abbaan alangaa bulchiinsa Kanatiikat Dhugaa Baatonni Yihowaa nagaa kan booressan taʼuusaanii amansiisuuf ragaa ennaa dhiheessetti, abbootii seeraa sana keessaa tokko, “Ergaan Kiristos Yesus lallabe namoota duratti jibbamaa ture mitii?” jedhee gaafate. Abbaan alangaa sunis, “Eeyyee! Tarii sirriitti nan yaadadha yoon taʼe Yesusiyyuu ergaa kana lallabuusaatiin rakkinni akkamii akka isarra gaʼe Macaafni Qulqulluun ni ibsa” jedhee deebise. Yaanni kun haqa jiru ifatti kan mulʼisu ture! Abbaan alangaa sun utuu hin hubatin, Dhugaa Baatonni Yihowaa Yesusii wajjin, mootummaan immoo namoota Yesusirratti murteessanii wajjin tokko akka taʼan dubbachuusaa ture. Caamsaa 20, 1940⁠tti Manni Murtii sun sagalee tokkoon Dhugaa Baatota Yihowaatiif murteesseera.

Haayidan Kaviingitanii fi Gileen Haawu dabalatee obboloonni gammadoon kaan mana murtiitti yeroo gadi baʼan

Haayidan Kaviingitan (fuuldura, walakkaa), Gileen Haawu (bitaa) fi obboloonni kaan injifannoo erga argatanii booda mana murtiitii ennaa gad baʼan

10 Murtoon Manni Murtii kun kenne hiika guddaa akkamii qaba? Murtoon kun mirgi amantii ofii beeksisuu akka eegamu kan godhe yommuu taʼu, mootummaan fedaraalaafi mootummaan naannoo ykn bulchiinsi magaalaa mirga amantii sarbuuf aboo kan hin qabne taʼuusaa isaan hubachiiseera. Kana malees Manni Murtii kun, gochi Jeesiin raawwate ‘nageenya hawaasichaa kan booressu akka hin taane’ ibseera. Kanaaf, Dhugaa Baatonni Yihowaa matumaa nageenya hawaasaa kan hin booressine taʼuusaanii murtoon kun ifatti hubachiiseera. Kun injifannoo guddaa sabni Waaqayyoo gama seeraatiin argatanidha! Yeroo harʼaatti murtoon kun kan nu fayyadu akkamitti? Abukaatoon Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼe tokko akkas jedheera: “Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo harʼaa jiraannu, amantiin keenya ni dhorkama jennee utuu hin sodaatin bilisa taanee waaʼee amantii keenyaa dubbachuuf mirga qabaachuun keenya, namoota naannoo keenyaatiif abdii gara fuulduraa lallabuuf nu dandeessiseera.”

Mootummaarratti Fincila Kakaasumoo, Dhugaa Labsu?

Qola tiraaktii Jibbi Cimaan Kuubeek Waaqayyoof, Kiristoosiifi Bilisummaadhaaf Qabdu Kaanaadaadhaaf Qaanii Guddaadha

Jibbi Cimaan Kuubeek Waaqayyoof, Kiristosiifi Bilisummaadhaaf Qabdu Kaanaadaadhaaf Qaanii Guddaadha

11. Obboloonni keenya Kaanaadaa jiraatan duula akkamii godhan? Maaliif?

11 Bara 1940⁠nii keessa Dhugaa Baatota Yihowaa Kaanaadaa jiraatanirra ariʼatamni cimaan gaʼee ture. Kanaan kan kaʼes, bara 1946⁠tti obboloonni keenya Kaanaadaa jiraatan mootummaan mirga amantii dhiibaa kan jiru taʼuusaa uummata hubachiisuuf tiraaktii mataduree, Jibbi Cimaan Kuubeek Waaqayyoof, Kiristosiifi Bilisummaadhaaf Qabdu Kaanaadaadhaaf Qaanii Guddaadha jedhu qabate raabsuuf duula guyyaa 16 godhaniiru. Tiraaktiin fuula afur qabu kun fincila geggeessitoonni amantii, gocha gara jabinaa poolisoonniifi hammeenya uummanni obboloota keenya bulchiinsa Kuubeek keessa jiraatanirratti raawwatan kan saaxilu ture. Tiraaktichi, “Karaa seeraan ala taʼeen Dhugaa Baatota Yihowaa hidhuun itti fufeera. Gireeter Montiriiyaalitti Dhugaa Baatota Yihowaarratti himanni gara 800 dhihaateera” jechuudhaan ibseera.

12. (a) Duula tiraaktii raabsuuf godhame kanaa wajjin haala wal qabateen mormitoonni tarkaanfii akkamii fudhatan? (b) Obboloonni keenya yakka akkamii akka raawwatanitti himataman? (Miiljalees ilaali.)

12 Bulchaan Kuubeek Mooris Duppileesis, inni phaaphaasii Kaatolikii Roomaa Vileenev jedhamuu wajjin hojjetu, tiraaktiin kun raabsamuusaatiin kan kaʼe “waraana araara hin qabne” Dhugaa Baatota Yihowaarratti labse. Yeruma sana himanni Dhugaa Baatota Yihowaarratti dhihaateefi 800 ture dachaadhaan dabaluudhaan 1,600 taʼe. Obboleettiin qajeelchituu taate tokko, “Poolisoonni yeroo baayʼee waan nu hidhaniif siʼa meeqa akka hidhamnellee hin yaadannu” jetteetti. Dhugaa Baatonni Yihowaa tiraakticha utuu raabsanii qabaman “barreeffama mootummaarratti fincila kaasu” raabsaniiru jedhamanii yakkaan himataman.b

13. Yeroo jalqabaatiif mootummaarratti fincila kaastaniittu jedhamanii kan himataman eenyufaʼi? Manni murtiihoo murtoo akkamii dabarse?

13 Bara 1947⁠tti obboleessi keenya Eemaa Buushaa, akkasumas ijoolleensaa durbaa Jeezaliifi (umrii waggaa 18) Luwiseliin (umriinshee waggaa 11) obboloota mootummaarratti fincila kaastaniittu jedhamanii himatamuudhaan mana murtiitti dhihaatan keessaa warra jalqabaati. Obboloonni kun kibba Kuubeek Siitii, naannoo ooyiruusaaniitti tiraaktii Kuubeeks Barniingi Heet jedhamu raabsuusaaniitiin kan himataman taʼus, nageenya akka booressanitti isaan yaaduun baayʼee kan ulfaatudha. Obboleessi keenya Eemaan nama gad of deebisuufi garraamii ennaa taʼu, ooyiruu xinnoo qaburratti oomishee jiraata; darbee darbees gaarii fardaan harkifamuun magaalaa deema ture. Haataʼu malee, gochi gara jabinaa tiraakticharratti ibsame tokko tokko isaafi maatiisaarra gaʼeera. Abbaan seeraa mana murtichaa Dhugaa Baatota Yihowaa waan jibbuuf, ragaa maatiin Eemaa yakka kan hin raawwanne taʼuusaanii ibsuuf dhiheessan fudhachuu hin barbaanne. Kanaaf abbaan seeraa kun, himata tiraaktichi jibbiinsa kan babalʼisu taʼuusaa ibsuudhaan maatiin Eemaa balleessaa akka raawwate dubbatu deggereera. Akka ilaalcha abbaa seeraa kanaatti ‘dhugaa dubbachuun yakkadha.’ Eemaafi Jeezal barreeffama mootummaarratti fincila kaasu raabsitaniittu jedhamanii kan itti murteeffame yommuu taʼu, Luwisel isheen mucaa xinnoo taatellee guyyaa lamaaf mana cufaa keessatti hidhamteetti. Kanaan kan kaʼes obboloonni, Mana Murtii Olaanaa Kaanaadaatti ol iyyannoo kan dhiheessan yommuu taʼu, manni murtichaas dhimmicha ilaaluuf walii gale.

14. Obboloonni Kuubeek jiraatan yeroo ariʼatamni isaanirra gaʼaa turetti maal godhan?

14 Gochi gara jabinaa isaanirratti raawwatamu itti caalaa kan deeme taʼus, obboloonni keenya Kuubeek jiraataniifi ija jabeeyyii taʼan ergaa Mootummichaa lallabuusaanii itti fufaniiru. Kunimmoo buʼaa guddaa argamsiiseera. Bara 1946 yeroo duulli tiraaktichaa itti jalqabee kaasee waggaa afur gidduutti, baayʼinni Dhugaa Baatota Yihowaa Kuubeek keessa turanii 300⁠rraa gara 1,000⁠tti guddateera!c

15, 16. (a) Manni Murtii Olaanaa Kaanaadaa murtoo maatii Eemaa deggeru akkamii dabarse? (b) Injifannoon argame kun obboloonni keenyaafi namoonni kaan maal akka hubatan godhe?

15 Waxabajjii 1950⁠tti Manni Murtii Olaanaa Kaanaadaa abbootii seeraa sagal of keessatti qabate dhimma Eemaa Buushaa ilaale. Manni Murtichaa jiʼa jaʼa booda, jechuunis Muddee 18, 1950⁠tti murtoo nu deggeru dabarse. Maaliif? Abukaatoo Dhugaa Baatota Yihowaa kan taʼe obboleessi keenya Gileen Haawu, Mana Murtichaatiif yaada amansiisaa waan dhiheesseef ture. Gileen yaanni “mootummaarratti fincila kaasuu” jedhu goolii uumuu ykn mootummaan akka jijjiiramuuf jecha lola kaasuu kan dabalatu taʼuusaa ibsee ture. Haataʼu malee, tiraaktichi “ergaa fincila akkasii kakaasu kan qabate utuu hin taʼin, seera bilisummaadhaan yaada ofii ibsuu ilaalchisee baʼe kan hordofedha.” Obboleessi keenya Gileen itti dabaluudhaan, “Yihowaan injifannoo yommuu nuuf argamsiisu arguu dandaʼeera” jedheera.d

16 Dhugumayyuu murtoon Manni Murtii Olaanaa dabarse Mootummaa Waaqayyootiif injifannoo guddaa ture! Murtoon kun, himanni ‘Dhugaa Baatonni Yihowaa Kuubeek jiraatan barreeffama mootummaarratti fincila kakaasu raabasu’ jedhuufi 122 taʼu fudhatama akka hin qabaanne kan godhudha. Kana malees murtoon Manni Murtichaa dabarse, lammiileen Kaanaadaafi biyyoonni miseensa Biriitish Koomanweelz oov Neeshins taʼan, mirga yaadasaanii bilisaan ibsuu ilaalchisee mootummaatti iyyachuu kan dandaʼan taʼuusaa isaan hubachiiseera. Carraaqqiin Manneen Sagadaafi bulchiinsi Kuubeek Dhugaa Baatota Yihowaa mirga dhabsiisuuf godhanis akka fashalaaʼu godheera.e

Daldaltootamoo, Namoota Mootummaa Waaqayyoo Hinaaffaadhaan Lallabanidha?

17. Mootummoonni tokko tokko sochiiwwan lallabaa keenya toʼachuuf yaalii akkamii godhan?

17 Akkuma Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa tajaajiltoonni Yihowaa yeroo harʼaa jiranis ‘dubbii Waaqayyoo kan gurguran’ miti. (2 Qorontos 2:17 dubbisi.)f Haataʼu malee, mootummoonni tokko tokko seera ittiin daldala biyyichaa toʼatanitti fayyadamuudhaan sochii tajaajilaa keenya toʼachuu barbaadu. Gaaffii, ‘Dhugaa Baatonni Yihowaa daldaltootamoo, tajaajiltoota Waaqayyooti?’ jedhu ilaalchisee dhimmawwan mana murtiitti dhihaatan lama haa ilaallu.

18, 19. Abbootiin taayitaa Deenmaarki hojii lallabaa keenya dhorkuuf yaalii akkamii godhan?

18 Deenmaarki. Onkoloolessa 1, 1932⁠tti, seerri heyyama daldalaa utuu hin qabaatin barreeffamoota gurguruu dhowwu ni baʼe. Taʼus, obboloonni keenya heyyama daldalaa baafachuuf iyyata hin dhiheessine turan. Guyyaa ittaanutti, babalʼistoonni shan magaalaa Reskile ishee kallattii lixaatiin Koppanhaaganirraa kiilomeetira 30 ol fagaattee argamtutti lallabaa oolan. Gara galgalaa garuu babalʼisaa Oogast Leemaan jedhamu dhaban. Obboleessi kun heyyama malee meeshaa gurgurteetta jedhamee qabamee hidhamee ture.

19 Oogast Leemaan, Muddee 19, 1932⁠tti mana murtiitti dhihaate. Obboleessi keenya Oogast barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼan namootaaf kan kenne taʼus, kan hin gurgurre taʼuusaa ibse. Manni murtichaas yaada Oogast kan fudhate yommuu taʼu akkas jedheera: “Himatamaan . . . galii ittiin jiraatu kan qabu ennaa taʼu, qarshii argachuuf barreeffamoota gurguruun haa hafuutii yaada akkas gochuullee hin qabu. Kanaa mannaa sochii kanarratti hirmaachuun baasii qarshii isa gaafateera.” Manni murtichaa wanti Oogast godhe ‘akka daldalaatti ilaalamuu’ kan hin dandeenye taʼuusaa ibsuudhaan murtoo Dhugaa Baatota Yihowaa deggeru dabarseera. Haataʼu malee, diinonni saba Waaqayyoo hojiin lallabaa guutummaa biyyichaa keessatti akka dhorkamu gochuuf kutatanii kaʼanii turan. (Far. 94:20) Abbaan alangaa dhimma kana ilaalchisee Mana Murtii Olaanaatti ol iyyannoo gaafate. Obboloonnihoo maal godhan?

20. Manni Murtii Olaanaa Deenmaarki murtoo akkamii dabarse? Yeroo kanatti obboloonni keenya maal godhan?

20 Torban Manni Murtii Olaanaa sun dhimmicha ilaale dura turetti, Dhugaa Baatonni Yihowaa guutummaa Deenmaarki keessa turan hojii lallabaarratti hirmaachuusaanii itti fufanii turan. Kibxata, Onkoloolessa 3, 1933⁠tti, Manni Murtii Olaanaan, Oogast Leemaan seera kan hin cabsine taʼuusaa ibsuudhaan murtoo manni murtii kanaan dura dabarse raggaasise. Murtoon kun Dhugaa Baatonni Yihowaa lallabuusaanii itti fufuu akka dandaʼan kan argisiisu ture. Obboloonni, Yihowaan gama seeraatiin injifannoo akkasii akka argatan waan isaan gargaareef, galateeffannaasaanii ibsuuf caalaatti tajaajilarratti hirmaachuu jalqaban. Guyyaa Manni Murtichaa murtoo dabarsee kaasee obboloonni keenya Deenmaarki jiraatan, mootummaan utuu dhiibbaa isaanirraan hin geessisin tajaajilasaanii raawwachuusaanii itti fufaniiru.

Bara 1930tti Dhugaa Baatota Yihowaa Deenmaarki beeksisa baatanii hiriiranii jiran

Dhugaa Baatota Yihowaa Deenmaarki ija jabeeyyii taʼan, bara 1930⁠niitti

21, 22. Manni Murtii Olaanaa Yuunaayitid Isteetis obboleessa keenya Roobart Mardook ilaalchisee murtoo akkamii dabarse?

21 Yuunaayitid Isteetis. Dilbata, Guraandhala 25, 1940⁠tti, qajeelchaan Roobart Mardook jedhamuufi Dhugaa Baatonni Yihowaa kan biraan torba bulchiinsa Pensilvaaniyaa, magaalaa Jeeneet ishee Piitisbargitti dhihoo jirtutti utuu lallabanii qabaman. Obboloonni kun kan himataman heyyama utuu hin baafatin barreeffamoota namootaaf waan kennaniif ture. Dhimmichi Mana Murtii Olaanaa Yuunaayitid Isteetisitti kan dhihaate yommuu taʼu, manni murtichaas dhimmicha ilaaluuf walii gale.

22 Caamsaa 3, 1943⁠tti Manni Murtii Olaanaa sun murtoo mirga Dhugaa Baatota Yihowaa kabachiisu dabarse. Manni Murtichaa, qajeelfamni waaʼee heyyama baafachuu dubbatu “mirga Heera Mootummaan Fedaraalaa nama tokkoof kenne qarshiidhaan” akka bitatu dirqisiisuu wajjin tokko akka taʼe ibsuudhaan balaaleffateera. Manni Murtichaa qajeelfamni bulchiinsi magaalichaa baase, “mirga barreeffamoota maxxansuu kan daangessuufi mirga amantii ofii bilisaan geggeeffachuu kan dhiibu” akka taʼe ibsuudhaan qajeelfamichi gatii akka dhabu godheera. Abbaan seeraa Wiiliyaam Daagilaas jedhamu yaada abbootiin seeraa hedduun qaban deggeruudhaan, sochiin Dhugaa Baatota Yihowaa, “lallabuu ykn barreeffamoota amantii raabsuu qofaan kan daangeffame utuu hin taʼin, wantoota kana lamaan raawwachuu kan dabalatu” akka taʼe dubbateera. Itti dabaluudhaanis, “Sochiin gama amantiitiin godhamu akkasii . . . waaqeffannaa manneen sagadaa keessatti raawwatamuufi lallaba waltajjiirraa dhihaatuu wajjin tokkodha” jechuudhaan ibseera.

23. Injifannoowwan bara 1943⁠tti mana murtiitti arganne yeroo harʼaatti nu fayyada kan jennu maaliifi?

23 Murtoon Manni Murtii Olaanaa kun dabarse saba Waaqayyootiif injifannoo guddaadha. Murtoon kun, nuti Kiristiyaanota Waaqayyoon tajaajillu malee daldaltoota akka hin taane akka beekamu godheera. Bara 1943⁠tti guyyaa adda taʼe sanatti Dhugaa Baatonni Yihowaa ol iyyannoo Mana Murtii Olaanaatti dhiheeffatan 13 keessaa 12n injifannoo kan argatan siʼa taʼu, injifannoo argame keessaa inni tokko himata Roobart irratti dhihaatedha. Murtoowwan manneen murtii waggaa hedduu dura dabarsan kun, dhiheenyatti mormitoonni keenya mirga nuti ergaa Mootummichaa karaarrattiifi manaa gara manaatti lallabuuf qabnu dhiibuuf yaalanii ennaa turanitti mirga keenya kabachiisuuf deggersa godheera.

“Namaaf Abboomamuu Irra, Waaqayyoof Abboomamuutu Nu Irra Jira”

24. Mootummaan hojii lallabaa keenya yommuu dhorku maal gochuu qabna?

24 Tajaajiltoota Yihowaa waan taaneef, bulchitoonni biyyaa ergaa Mootummichaa akka lallabnuuf yommuu mirga nuu kennan baayʼee gammanna. Haataʼu malee, yommuu bulchitoonni hojii lallabaa keenya dhorkanitti hanga dandeenye akkaataa lallabaa keenyarratti sirreeffama gochuudhaan lallabuu ittuma fufna. Akkuma ergamoota Yesus, “namaaf abboomamuu irra, Waaqayyoof abboomamuutu nu irra jira.” (HoE. 5:29; Mat. 28:19, 20) Taʼus, yommuu isaan hojii keenya dhorkan manneen murtiitti ol iyyannoo ni dhiheeffanna. Mee gama kanaan fakkeenyota lama haa ilaallu.

25, 26. Obboloonni Nikaaraaguwaa jiraatan Mana Murtii Olaanaatti ol iyyannoo akka dhiheessan kan isaan godhe maalidha? Buʼaan argamehoo maal ture?

25 Nikaaraaguwaa. Sadaasa 19, 1952⁠tti Donavan Manistarmaan inni misiyooniifi ilaaltuu olaanaa waajjira damee taʼe, gara Waajjira Immigireeshinii magaalaa Maanaaguwaatti argamuu deeme. Donavan hogganaa waajjirichaa kan taʼe Kaappiteen Aarnoldoo Gaarseyaa duratti akka dhihaatu ajajamee ture. Hogganaan kun Dhugaa Baatonni Yihowaa Nikaaraaguwaa jiraatan hundi “barumsasaanii akka hin lallabneefi sochiiwwan amantiisaanii akka hin babalʼisne kan dhorkaman taʼuusaa” Donavanitti hime. Kaappiteen Gaarseyaan sababiisaa yommuu gaafatamu, Dhugaa Baatonni Yihowaa tajaajilasaanii raawwachuuf mootummaarraa heyyama waan hin arganneef, akkasumas koministoota akka taʼanitti waan himatamaniif akka taʼe dubbate. Himata kan nurratti dhiheesse eenyudha? Geggeessitoota amantii Kaatolikii Roomaati.

Dhugaa Baatonni Yihowaa Nikaaraaguwaa alatti walgaʼii guddaa tokko yeroo godhachaa jiran, bara 1953

Obboloota Nikaaraaguwaa yeroo hojiin keenya biyyichatti dhorkamee turetti

26 Obboleessi keenya Donavan yerumasana Ministeera Bulchiinsaafi Amantiitti, akkasumas Pireezidaantii Aanaastaasiyoo Somosaa Gaarseyaatti ol iyyannoo dhiheessus fudhatama hin arganne. Kanaaf obboloonni akkaataa ittiin tajaajilanirratti sirreeffama godhan. Galma Mootummaa cufanii garee xixiqqoodhaan walitti qabamuu eegalan. Karaarratti tajaajiluu kan dhiisan taʼus ergaa Mootummichaa lallabuusaanii itti fufaniiru. Achiis, dhorkamni isaanirratti darbe akka kaʼuuf Mana Murtii Olaanaa Nikaaraaguwaatti ol iyyannoo dhiheeffatan. Gaazexoonni dhorkama Dhugaa Baatota Yihowaarratti darbeefi ol iyyannoo isaan dhiheeffatan balʼinaan kan tamsaasan yommuu taʼu, Manni Murtichaas dhimmicha ilaaluuf walii gale. Buʼaa akkamiitu argame? Waxabajjii 19, 1953⁠tti Manni Murtii kun sagalee tokkoon Dhugaa Baatota Yihowaatiif murteesse. Manni Murtichaa, murtoon Dhugaa Baatota Yihowaarratti murteeffame mirga mootummaan yaadaafi amantii ofii bilisaan ibsuu ilaalchisee kenne kan dhiibu taʼuusaa ibseera. Akkasumas, hariiroon mootummaa Nikaaraaguwaafi Dhugaa Baatota Yihowaa gidduu jiru akkuma kanaan duraa taʼuu akka qabu ajajeera.

27. Uummanni Nikaaraaguwaa murtoo Manni Murtichaa dabarsetti kan dinqisiifaman maaliifi? Obboloonni injifannoo kana kan ilaalan akkamitti?

27 Manni Murtichaa murtoo Dhugaa Baatota Yihowaa deggeru dabarsuunsaa lammiilee Nikaaraaguwaa ajaaʼibsiiseera. Dhiibbaan geggeessitoonni amantii godhan guddaa waan tureef, Manni Murtichaa isaanii wajjin akka walitti hin buuneef of eeggannoo gochaa ture. Akkasumas, abbootiin taayitaa aboo guddaa waan qabaniif, yeroo baayʼee Manni Murtichaa murtoo faallaasaanii taʼe dabarsuun itti ulfaata ture. Obboloonni, eegumsa isaaniif gochuudhaan injifannoo kana akka argatan kan godhe Mootiisaanii akka taʼe mirkanaaʼoo taʼuudhaan lallabuusaanii itti fufaniiru.—HoE. 1:8.

28, 29. Walakkeessa bara 1980⁠niitti Zaayeritti jijjiirama akkamiitu taʼe?

28 Zaayer. Walakkeessa bara 1980⁠niitti Zaayer ishee yeroo harʼaa Koongoo Dimokiraatiik Riippabliik jedhamtu keessa Dhugaa Baatota Yihowaa gara 35,000tu ture. Guddinni waan tureef waajjirri damee ijaarsa dabalataa jalqabe. Muddee 1985⁠tti walgaʼiin biyyoolessaa magaalaa Kinshaasaatti geggeeffamee kan ture siʼa taʼu, keessummoonni 32,000 addunyaa mararraa dhaqan istaadiyomii magaalattii guutan. Utuu baayʼee hin turin garuu haalli Dhugaa Baatota Yihowaa jijjiiramuu jalqabe. Maaltu uumame laata?

29 Yeroo sanatti obboleessi keenya Maarseel Fiiltoon Kuubeek Kaanaadaadhaa gara Zaayer dhaqee misiyoonii taʼee tajaajilaa ture. Sana dura yeroo Mooris Duppileesis bulchaa turetti obboleessa kanarra ariʼatamni gaʼee ture. Akkas jechuudhaan dubbateera: “Bitootessa 12, 1986⁠tti xalayaan dhaabbanni Dhugaa Baatota Yihowaa Zaayeritti argamu seera qabeessa akka hin taane ibsu obboloota itti gaafatamummaa qaban gaʼe.” Xalayaa sanarratti pireezidaantii yeroo sanaa kan ture Moobuutuu Seesee Seekoon mallatteessee ture.

30. Koreen Waajjira Damee murtoo cimaa akkamii gochuun isa barbaachisee ture? Achiihoo maal gochuuf murteesse?

30 Guyyaa ittaanu raadiyoon biyyichaa oduu, “Kana booda [Zaayeritti] sagalee Dhugaa Baatota Yihowaa hin dhageenyu” jedhu dabarse. Achiis ariʼatamni cimaan obbolootarra gaʼuu jalqabe. Galmawwan Mootummaa ni diigamu, obboloonni ni saamamu, ni hidhamu akkasumas ni reebamu turan. Ijoolleenillee ni hidhamu turan. Onkoloolessa 12, 1988⁠tti mootummaan qabeenya jaarmiyaa keenyaa kan dhaale yommuu taʼu, kutaan waraanaa Siivil Gaard jedhamummoo qabeenya waajjira damee qabate. Obboloonni itti gaafatamummaa qaban Pireezidaantii Moobuutuutti iyyatanis deebii hin arganne. Yeroo kanatti Koree Waajjira Damee murtoo cimaa, “Mana Murtii Olaanaatti ol iyyannoo dhiheeffannumoo obsaan eeggannu?” jedhutu mudate. Tiimootii Hoolmes inni misiyooniifi biyyichatti qindeessaa Koree Waajjira Damee ture, “Yihowaan ogummaafi qajeelfama akka nuuf kennu kadhanne” jechuudhaan dubbatera. Obboloonni kun kadhannaadhaan erga irratti yaadanii booda, yeroon itti iyyatan akka hin geenye hubatan. Kanaaf obboloota kunuunsuufi karaa hojiin lallabaa itti fufuu dandaʼurratti xiyyeeffachuu jalqaban.

“Dhimmichi mana murtiitti ilaalamaa yommuu turetti Yihowaan wantoota akkamitti akka jijjiiru hubachuu dandeenyeerra”

31, 32. Manni Murtii Olaanaa Zaayer murtoo ajaaʼibsiisaa akkamii dabarse? Kunoo obboloota keenyarratti dhiibbaa gaarii akkamii geessise?

31 Waggoonni hedduun ni darban. Dhiibbaan Dhugaa Baatota Yihowaarra gaʼu hirʼachaa kan deeme yommuu taʼu, biyyicha keessatti mirgi namummaa kabajamuu jalqabe. Yeroo kanatti Koreen Waajjira Damee, Mana Murtii Olaanaa Zaayeritti ol iyyannoo dhiheeffachuuf yeroonsaa akka gaʼe itti dhagaʼame. Manni Murtichaas dhimmicha ilaaluuf walii gale. Achiis Amajjii 8, 1993⁠tti, jechuunis pireezidaantiin biyyichaa hojiin keenya akka dhorkamu qajeelfama erga dabarsee gara waggaa torbaa booda, Manni Murtii sun tarkaanfiin Dhugaa Baatota Yihowaarratti fudhatame seeraan ala akka taʼe ibsuudhaan murtichi akka hafu godheera. Kun maal jechuu akka taʼe mee yaadaa! Abbootiin seeraa murtoo pireezidaantiin biyyattii dabarse fudhatama akka dhabu gochuun lubbuusaanii balaadhaaf kan saaxilu ture! Obboleessi keenya Tiimootiin, “Dhimmichi mana murtiitti ilaalamaa yommuu turetti Yihowaan wantoota akkamitti akka jijjiiru hubachuu dandeenyeerra” jedheera. (Dan. 2:21) Injifannoon kun amantii obboloota keenyaa cimseera. Yesus Mootichi sabnisaa yoomiifi akkamitti tarkaanfii fudhachuu akka qaban akka beekan gochuudhaan akka isaan geggeesse isaanitti dhagaʼameera.

Obboleettota lama Walgaʼii guddaa Dhugaa Baatonni Yihowaan Koongoo Dimokiraatiik Riippaliikitti godhan irratti argaman

Dhugaa Baatonni Yihowaa Koongoo Dimokiraatiik Riippabliik jiran bilisaan Yihowaa waaqeffachuu waan dandaʼaniif gammadaniiru

32 Dhorkamni erga kaʼee booda misiyoononni biyyicha akka seenan, waajjirri damee haaraan akka ijaaramuufi barreeffamoonni Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼan akka galan waajjira damee Zaayeriif ni heyyamame.g Tajaajiltoonni Waaqayyoo addunyaa maratti argaman, Yihowaan nageenya hafuuraa sabasaa akkamitti akka eegu arguunsaanii baayʼee isaan gammachiiseera!—Isa. 52:10.

“Yihowaan Gargaaraa Kooti”

33. Injifannoo mana murtiitti gama seeraatiin arganneefi irra deebinee ilaalle kanarraa barumsa akkamii arganna?

33 Falmiin mana murtiitti goone, Yesus abdii akkas jechuudhaan kenne raawwachaa akka jiru nuuf mirkaneessa: “Anuu akka taʼutti akka dubbattaniif ogummaa, warri isinitti falman dura dhaabachuu yookiis ittiin mormuu hin dandeenye isiniifan kenna.” (Luqaas 21:12-15 dubbisi.) Yihowaan yeroo tokko tokko namoota akka Gamaaliʼel taʼan, jechuunis abbootiin seeraafi hayyoonni seeraa ija jabeeyyii taʼan haqaaf akka dhaabatan gochuudhaan sabasaa eegeera. Akkasumas, meeshaan mormitoonni keenya qopheessan akka doomu godheera. (Isaayaas 54:17 dubbisi.) Mormiin, hojiin Waaqayyoo akka dhaabatu gochuu hin dandaʼu.

34. Injifannoon gama seeraatiin arganne ajaaʼibsiisaa kan taʼe maaliifi? Kunoo maal mirkaneessa? (Saanduqa “Injifannoo Mana Murtii Olaanaatti Arganneefi Lallabuu Keenya Akka Itti Fufnu Godhan” jedhus ilaali.)

34 Gama seeraatiin injifannoo akkasii argachuu kan dandeenye akkamitti? Mee yaada kanarratti xiinxalaa! Dhugaa Baatonni Yihowaa hawaasa keessa jiranitti iddoo guddaa kan qaban ykn dhiibbaa guddaa geessisuu kan dandaʼan miti. Filannoo geggeeffamus taʼe duula siyaasaa geggeeffamurratti hin hirmaannu ykn gama siyaasaatiin dhiibbaa gochuuf hin yaallu. Kana malees, obboloonni dhaddacha mana murtii duratti dhihaachuudhaan nuuf falman ‘barumsa dheeraa kan hin qabnedha.’ (HoE. 4:13) Kanaaf, akka ilaalcha namootaatti manneen murtii, dhaabbata amantiifi siyaasaa humna guddaa qabaniifi mormitoota keenya taʼanirratti murtoo dabarsuudhaan mirgi keenya akka eegamu gochuuf wanti isaan dandeessisu hin jiru. Taʼus, manneen murtii yeroo baayʼee mirgi keenya akka eegamu godhaniiru! Injifannoon gama seeraatiin arganne, ‘fuula Waaqayyoo duratti Kiristosii wajjin’ akka adeemnu kan mirkaneessudha. (2 Qor. 2:17) Kanaaf, nutis akkuma Phaawulos ergamaa, “Yihowaan gargaaraa kooti, ani hin sodaadhu” jenna.—Ibr. 13:6, NW.

a Falmiin himataa Niwutaniifi himatamaa Bulchiinsa Kanatiikat gidduutti godhame, dhimmawwan obboleessi keenya Haayidan Kaviingitan obboloota bakka buʼee Mana Murtii Olaanaa Yuunaayitid Isteetisitti dhiheesse 43n keessaa isa jalqabaati. Haayidan bara 1978⁠tti boqoteera. Haati manaasaa Dorotiin bara 2015⁠tti umrii waggaa 92⁠tti hamma duutetti amanamummaadhaan Yihowaa tajaajilteetti.

b Himanni kun seera bara 1606⁠tti baʼe buʼuura kan godhatedha. Seerichi namni tokko wanti inni dubbate dhugaa yoo taʼellee, maanguddoonni biyyaa namichi sun jibbiinsa akka babalʼisu isaanitti dhagaʼameera taanaan namni sun yakkamaa akka taʼetti akka fudhatamu ibsa.

c Bara 1950⁠tti, obboloota 63 Giilʼaadii eebbifamaniifi ariʼatamni cimaan utuu jiruu Kuubeekitti tajaajiluuf fedhiidhaan of dhiheessan dabalatee, tajaajiltoonni yeroo guutuu 164 taʼan biyyattii keessatti tajaajilaa turaniiru.

d Obboleessi keenya Gileen Haawu, abukaatoo bara 1943 hanga 2003⁠tti Kaanaadaattis taʼe biyyoota kaan keessatti falmiiwwan seeraa dhibbaan lakkaaʼaman ija jabinaan Dhugaa Baatota Yihowaa bakka buʼee falmaa turedha.

e Himata kana ilaalchisee ibsa balʼaa argachuuf mataduree, “Lolli Kun Kan Waaqayyooti Malee Kan Keessan Miti” jedhuufi Dammaqaa! Ebla 22, 2000, fuula  18-24⁠rra jiru ilaali. (Ingiliffa)

f 2 Qorontos 2:17 (NW): “Nuyi akka namoota baayʼee dubbii Waaqayyoo hin gurgurru; kanaa mannaa akka namoota Waaqayyo biraa ergamaniitti Kiristosii wajjin fuula Waaqayyoo duratti garaa qulqulluudhaan dubbanna.”

g Siivil Gaard waajjira damee sana dhiisee kan deeme taʼus waajjirri damee haaraan iddoo kan biraatti ijaarameera.

Mootummichi Isiniif Hammam Dhugoomeera?

  • Manneen murtii, nuti Dhugaa Baatonni Yihowaa nagaa kan booressinu, fincila kan kaasnuufi daldaltoota utuu hin taʼin, tajaajiltoota Waaqayyoo akka taane kan mirkaneessan akkamitti?

  • Injifannoon gama seeraatiin kanaan dura arganne hamma harʼaatti kan nu fayyadu akkamitti?

  • Hojiin keenya ennaa dhorkamu tarkaanfii akkamii fudhanna?

  • Akka ilaalcha namootaatti sabni Yihowaa manneen murtiitti injifannoo hedduu argachuunsaanii ajaaʼibsiisaa kan taʼe maaliifi?

  • Falmii gama seeraatiin godhame kana irra deebinee ilaaluun keenya amantii keessan kan isiniif cimse akkamitti?

Hiriyoonni gaaʼelaa Sarbiyaatti argaman dubartii tokkoof yeroo balbala ishii irra dhaabatanii misiraachichaa ishiitti himan

Istaaraa Paazoovaa, Sarbiyaa

INJIFANNOO MANA MURTII OLAANAATTI ARGANNEEFI LALLABUU KEENYA AKKA ITTI FUFNU GODHAN

MURTOON KAN KENNAME Sadaasa 11, 1927

BIYYA Siwiizarlaandi

DHIMMISAA Mirga amantii.

WANTA TAʼE Poolisiin tokko obboleessi keenya Adoolf Huubar lallabaa utuu jiruu erga isa dhaabee booda nagaa amantii booressaa jirta jechuudhaan tiraaktii Macaafa Qulqulluu inni qabatee ture humnaan harkaa fudhate.

MURTOO Obboleessi keenya Adoolf tarkaanfii poolisichi isarratti fudhate ilaalchisee Mana Murtii Olaanaatti ol iyyannoo dhiheeffate. Manni Murtichaa tiraaktota waaʼee amantii dubbatan humnaan fudhachuun “mirga amantii” dhiibuu akka taʼe hubachiise.

BUʼAA ARGAME Poolisiin tajaajila Barattoonni Macaafa Qulqulluu raawwatan gidduu akka hin galle murtoon ni kenname.

MURTOON KAN KENNAME Adoolessa 9, 1935

BIYYA Rumaaniyaa

DHIMMISAA Mirga yaada ofii ibsuu.

WANTA TAʼE Dhugaa Baatonni Yihowaa jaʼa kitaaba, “ageenasti pabiliik oordar eend isteet seekuriitii” jedhamu waan raabsaniif ni qabaman. Achiis hidhaan guyyaa 15 isaanitti murteeffame.

MURTOO Manni Murtii Olaanaan sochiin Dhugaa Baatonni Yihowaa godhan naga qabeessa akka taʼe kan bira gaʼe yommuu taʼu, barreeffamoonnisaanii nagaa uummataa kan hin booressine, akkasumas yaadasaanii namoota kaaniif ibsuuf mirga akka qaban ibse.

BUʼAA ARGAME Murtoo kana dabalatee iyyanni Dhugaa Baatonni Yihowaa bara 1933 hanga 1939⁠tti dhiheeffachaa turaniifi 530 taʼu, obboloonni keenya lallabuusaanii akka itti fufan gargaareera. Yeroo harʼaa hojiin lallabaa keenya bilisaan geggeeffamaa jira.

MURTOON KAN KENNAME Bitootessa 17, 1953

BIYYA Neezarlaandi

DHIMMISAA Mirga yaada ofii ibsuufi barreeffamoota maxxansuu.

WANTA TAʼE Obboleessi keenya Piitar Haavanaar qajeelfama barreeffamoota raabsuun kan dandaʼamu Kibxataafi Roobii ganama saʼaatii 3:00 hanga 5:00⁠tti qofa akka taʼe ibsu waan cabseef hidhame.

MURTOO Manni Murtii Olaanaan dhorkamni kun daangaa kan darbe akka taʼe ibse.

BUʼAA ARGAME Murtoon kun mirgi barreeffamoota raabsuu sochii akkasii gochuun rakkisaa hamma taʼutti dhorkamuu akka hin qabne ibseera.

MURTOON KAN KENNAME Onkoloolessa 6, 1953

BIYYA Kaanaadaa

DHIMMISAA Mirga waaqeffannaafi yaada ofii ibsuu.

WANTA TAʼE Bulchaan Kuubeek Siitii, qajeelfama heyyama poolisii utuu hin argatin barreeffamoota raabsuu dhowwu baase. Daawwataa olaanaa kan taʼe obboleessi keenya Looriyaa Soomuyer qajeelfama kana waan cabseef jiʼa sadiif hidhame.

MURTOO Manni Murtii Olaanaan, qajeelfamni kun Dhugaa Baatota Yihowaarratti akka hojjetu gochuun sirrii akka hin taane ibse. Manni Murtichaa barreeffamoota ergaa Macaafa Qulqulluu qabatan namootaaf raabsuun waaqeffannaa Dhugaa Baatota Yihowaa keessaa tokko taʼuusaafi seerri mootummaan baase barreeffamootasaanii sakattaʼuun akka hin dandaʼamne kan dubbatu taʼuusaa ibseera.

BUʼAA ARGAME Murtoon kun bulchiinsa Kuubeekitti qajeelfama cabsitaniittu jechuudhaan himatawwan dhihaatanii turan 1,600 ol taʼan fudhatama akka dhaban godheera.

MURTOON KAN KENNAME Adoolessa 13, 1983

BIYYA Sarbiyaa

DHIMMISAA Mirga yaada ofii ibsuufi barreeffamoota maxxansuu.

WANTA TAʼE Obboleettonni lama barreeffamoota Macaafa Qulqulluu raabsaa utuu jiranii qabaman. “Seeraafi Nageenya Hawaasaa jeeqaniiru” jechuudhaan himatamanii guyyaa shaniif hidhaman.

MURTOO Manni Murtii Olaanaan ragaan obboleettonni kun seera akka cabsaniifi nagaa uummataa akka booressan mirkaneessu akka hin jirre ibseera.

BUʼAA ARGAME Gama seeraatiin injifannoon erga argamee booda hidhaafi barreeffamoota humnaan fudhachuun xiqqaachaa deeme.

MURTOON KAN KENNAME Caamsaa 26, 1986

BIYYA Turkii

DHIMMISAA Mirga amantii.

WANTA TAʼE Maatiiwwan sadii Dhugaa Baatota Yihowaa taʼuunsaanii akka isaaniif galmeeffamu erga gaafatanii booda, obboloonni 23 seera hawaasaa ykn siyaasaa jijjiiruuf yaalaniiru jedhamanii hidhaman.

MURTOO Manni Murtii Olaanaa himanni kun fudhatama akka dhabuufi Dhugaa Baatonni Yihowaas himata isaanirratti dhihaaterraa bilisa akka taʼan gochuudhaan mirgi amantiisaanii akka kabajamu godheera.

BUʼAA ARGAME Murtoon kun sochii amantii gochuudhaan kan kaʼe hidhamuun akka hafuufi lammiileen Turki hundi mirga amantii akka qabaatan godheera.

MURTOON KAN KENNAME Caamsaa 25, 1993

BIYYA Giriik

DHIMMISAA Mirga amantii ofii ibsuu.

WANTA TAʼE Bara 1986⁠tti obboleessi keenya Meenoos Kookinaakis namoota kaan amantiisaanii jijjiirsisuuf yaaleera jedhamee yeroo 18⁠ffaatiif hidhame. Bara 1938 hanga 1992⁠tti seera Giriik isa yaada namoota kaanii jijjiirsisuu dhorku buʼuura godhachuudhaan Dhugaa Baatonni Yihowaa 19,000 ol taʼan hidhamaniiru.

MURTOO Manni Murtii Mirgoota Namummaa Awurooppaa gochi kun, mirga yaadaa, ilaalchaafi amantii kan dhiibu taʼuusaa, mirga namni tokko amantiisaa ibsuuf qabu keessa galuun sirrii akka hin taane, akkasumas amantiin Dhugaa Baatota Yihowaa “amantiiwwan beekamoo” taʼan keessaa tokko akka taʼe ibseera.

BUʼAA ARGAME Mootummaan Giriik, abbootiin seeraa hundi murtoo Meenoos wajjin haala wal qabateen darbe akka kabajan qajeelfama kan dabarse siʼa taʼu, kunis himanni namoonni kaan amantiisaanii akka jijjiiran gochuuf yaaleera jechuudhaan dhihaatu akka hafu godheera.

MURTOON KAN KENNAME Waxabajjii 17, 2002

BIYYA Yuunaayitid Isteetis

DHIMMISAA Mirga yaada ofii ibsuu.

WANTA TAʼE Mandara Istiraatan jedhamtuufi bulchiinsa Ohaayoo keessatti argamtutti, qajeelfama, namni sochii manaa gara manaatti godhamu kamirrattiyyuu hirmaachuu barbaadu heyyama baafachuu akka qabu ibsutu baʼe. Manni Murtii Fedaraalaafi manni murtii ol iyyannoo qajeelfamni kun seera mootummaan baase taʼuusaa ibsaniiru.

MURTOO Manni Murtii Olaanaa qajeelfamni kun seera mootummaa wajjin kan wal hin simne, akkasumas mirga amantii ofii geggeeffachuufi yaada ofii ibsuu kan dhiibu taʼuusaa ibsuudhaan gatii akka dhabu godheera. Manni Murtichaa, Dhugaa Baatonni Yihowaa “mirga lallabuu kan argatan Macaafa Qulqulluurraa” akka taʼe ibsuusaanii hubachiiseera.

BUʼAA ARGAME Bulchiinsawwan magaalaa dhibbaan lakkaaʼaman, tajaajila Dhugaa Baatonni Yihowaa raawwatanii wajjin haala wal qabateen qajeelfamni Manni Murtii Olaanaan baase hojiirra akka oolu godhaniiru.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi