LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • hf kutaa 3 ful. 9-11
  • Akkaataa Rakkina Furuun Itti Dandaʼamu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Akkaataa Rakkina Furuun Itti Dandaʼamu
  • Maatiin Keessan Gammachuu Qabaachuu Ni Dandaʼa
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • 1 RAKKINA UUMAMERRATTI MARIʼADHAA
  • 2 SIRRIITTI DHAGGEEFFACHUUFI HUBACHUUF YAALI
  • 3 WANTA IRRATTI MARIʼATTAN HOJIIRRA OOLCHI
  • Hiriyaa Gaaʼelaakee Kabaji
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Walii Keessaniif Amanamaa
    Maatiin Keessan Gammachuu Qabaachuu Ni Dandaʼa
  • Gaaʼela Gaarii Qabaachuuf Gargaarsa Waaqayyoo Gaafadhaa
    Maatiin Keessan Gammachuu Qabaachuu Ni Dandaʼa
  • Firoota Keessanii Wajjin Nagaadhaan Jiraachuu
    Maatiin Keessan Gammachuu Qabaachuu Ni Dandaʼa
Dabalataan Ilaaluuf
Maatiin Keessan Gammachuu Qabaachuu Ni Dandaʼa
hf kutaa 3 ful. 9-11
Abbaa manaa haati manaa isaa yeroo miira ishee ibsitu ishee dhaggeeffachaa jiru

KUTAA 3

Akkaataa Rakkina Furuun Itti Dandaʼamu

“Baayʼinni cubbuu akka deebiʼee hin argamne kan godhu jaalala waan taʼeef . . . jaalala hoʼaa waliif qabaadhaa!”—1 Phexros 4:8

Atiifi hiriyaan gaaʼelaakee waliin jiraachuu yeroo jalqabdan rakkinni garaagaraa uumamuu dandaʼa. Rakkoowwan kun kan uumaman karaa yaadaa, miiraafi akkaataa jireenyaarratti garaagarummaa waan qabdaniif taʼuu dandaʼa. Wantoonni iddoo gara biraatii dhufan ykn wantoonni utuu itti hin yaadin uumamanis kanaaf sababii taʼuu dandaʼu.

Dhugaa jirurraa baqachuuf kan qoramnu taʼus, Macaafni Qulqulluun rakkina uumameef furmaata kennuuf akka yaallu nu gorsa. (Maatewos 5:23, 24) Seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuudhaan rakkoowwan isin mudatan furuu ni dandeessu.

1 RAKKINA UUMAMERRATTI MARIʼADHAA

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA? ‘Dubbachuun yeroo qaba.’ (Lallaba 3:7) Rakkina uumamerratti waliin mariʼachuuf yeroo ramadaa. Rakkoo uumame ilaalchisee miira sitti dhagaʼameefi wanta gochuu yaadde amanamummaadhaan hiriyaa gaaʼelaakeetti himi. Yeroo hundumaa hiriyaa gaaʼelaakee wajjin ‘dhugaa dubbadhu.’ (Efesoon 4:25) Yommuu baayʼee aartuttillee hiriyaa gaaʼelaakee wajjin akka wal hin lolle of eeggadhu. Deebii qabbanaaʼaa waliif deebisuun, mareen keessan gara lolaatti akka hin jijjiiramne godha.​—Fakkeenya 15:4; 26:20.

Walii galuu yoo dadhabdanillee, hiriyaa gaaʼelaakeetti gaarummaa, jaalalaafi kabaja argisiisuu hin dagatin. (Qolosaayis 4:6) Rakkina uumameef hatattamaan furmaata kennuuf yaali; waliin mariʼachuu keessanis hin dhiisinaa.—Efesoon 4:26.

Hiriyoota gaaʼelaa rakkina uumame furuuf mariʼachaa jiran

WANTA GOCHUU DANDEESSU:

  • Rakkina uumamerratti hiriyaa gaaʼelaakee wajjin mariʼachuuf yeroo mijataa taʼe ramadi

  • Yeroo hiriyaan gaaʼelaakee dubbattu addaan kutuu mannaa dabareekee eegii dubbadhu

2 SIRRIITTI DHAGGEEFFACHUUFI HUBACHUUF YAALI

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA? “Hoʼisaa wal jaalladhaa; walii keessaniif ulfina kennuudhaaf wal dorgomaa!” (Roomaa 12:10) Akkaataan itti dhaggeeffattu murteessaadha. Ilaalcha hiriyaa gaaʼelaakee ‘gara laafinaafi gad of deebisuudhaan’ hubachuuf yaali. (1 Phexros 3:8; Yaaqoob 1:19) Sobdee wanta dhaggeeffachaa jirtu hin fakkeessin. Dandaʼamnaan wanta hojjechaa jirtu dhiisiitii hiriyaa gaaʼelaakee xiyyeeffanaadhaan dhaggeeffadhu ykn “Booda mariʼachuu ni dandeenyaa?” jedhii gaafadhuun. Hiriyaa gaaʼelaakee akka mormituutti utuu hin taʼin akka michuukeetti ilaalta taanaan, ‘daftee itti hin aartu.’—Lallaba 7:9.

WANTA GOCHUU DANDEESSU:

  • Wanti dhagaʼaa jirtu yoo sitti toluu baateyyuu yaada qulqulluudhaan dhaggeeffadhu

  • Jecharratti utuu hin taʼin ergaasaarratti xiyyeeffadhu. Sochii qaamaafi akkaataa hiriyaan gaaʼelaakee itti dubbattu xiyyeeffannaa keessa galchi

3 WANTA IRRATTI MARIʼATTAN HOJIIRRA OOLCHI

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA? “Hojiin itti dadhaban hundinuu buʼaa qaba, haasaa duwwaan garuu deegatti nama geessa.” (Fakkeenya 14:23) Furmaata tokkorratti walii galuun qofti gaʼaa miti. Wanta murteessitan hojiirra oolchuun keessan barbaachisaadha. Akkas gochuun carraaqqii cimaa kan gaafatu taʼus buʼaa gaarii argamsiisa. (Fakkeenya 10:4) Waliin taatanii tokkummaadhaan yoo hojjettan, “gatii gaarii” argattu.—Lallaba 4:9.

WANTA GOCHUU DANDEESSU

  • Rakkina uumame furuuf lamaan keessaniyyuu wanta gochuu dandeessan murteessaa

  • Yeroodhaa gara yerootti jijjiirama gochaa jirtan qoraa

RAKKINA UUMAMEEF WALIIN FURMAATA BARBAADAA

Lamaan keessan waliin taʼuudhaan gaaʼelli keessan dadhabaafi gaddisiisaa akka taʼu gochuu mannaa, cimaafi gammachuu kan qabu akka taʼu gochuu dandeessu. (Fakkeenya 24:3) Rakkina darberratti xiyyeeffachuu mannaa wanta gara fuulduraarratti yaadaa. (Fakkeenya 17:9) Yoo wal deggertaniifi seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu yoo hojiirra oolchitan rakkina uumameef furmaata kennuu ni dandeessu.

AKKAS JEDHII OF GAAFADHU . . .

  • Rakkinni hatattamaan furmaata argachuu qabuufi hiriyaa gaaʼelaakoo wajjin irratti mariʼachuun na barbaachisu jiraa?

  • Rakkina uumame ilaalchisee miira hiriyaa gaaʼelaakootti dhagaʼamu hubachuuf maal gochuun dandaʼa?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi