LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • jy boq. 1 ful. 10-ful. 11 key. 8
  • Ergaawwan Waaqayyo Biraa Dhufan Lama

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Ergaawwan Waaqayyo Biraa Dhufan Lama
  • Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Namni Daandicha Qopheessu Tokko Ni Dhalate
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Ergamaan Tokko Maariyaamiin Haasofsiise
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Yesuus Dhalachuu Isaa Dura Ulfina Argateera
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Masiihichi ni Mulʼate
    Amantii Dhugaa—Furtuu Jireenya Gammachuu Qabu Argamsiisu
Dabalataan Ilaaluuf
Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
jy boq. 1 ful. 10-ful. 11 key. 8
Gabriʼeel Zakkaariyaasitti yommuu mulʼatemulʼatu; Elsaabex ni ulfooftee

BOQONNAA 1

Ergaawwan Waaqayyo Biraa Dhufan Lama

LUQAAS 1:5-33

  • MALEEKAAN GABRIʼEEL JEDHAMU YOHAANNIS CUUPHAAN AKKA DHALATU DUBBATE

  • GABRIʼEEL YESUUS AKKA DHALATU MAARIYAAMITTI HIME

Kitaabni Qulqulluun guutummaan isaa ergaa Waaqayyo biraa dhufe akka taʼetti ilaaluu dandeenya. Abbaan keenya inni samii kitaaba kana kan nuuf kenne qajeelfama akka irraa argannuufi dha. Mee amma garuu ergaawwan waggaa 2,000 dura dubbataman lama haa ilaallu. Ergaawwan kana kan dubbate maleekaa Gabriʼeel jedhamuu fi “fuula Waaqayyoo dura dhaabatu dha.” (Luqaas 1:19) Maleekaan kun ergaawwan barbaachisoo taʼan kana lamaan kan dubbate haala akkamii keessatti ture?

Yeroon isaa Dh.K.D. naannoo bara 3 ture. Gabriʼeel ergaa isa jalqabaa kan dubbate eessatti dha? Naannoo tulluuwwan Yihudaatti siʼa taʼu, iddoon kun Yerusaalemitti dhihoo taʼuu hin oolu. Lubni Yihowaa Zakkaariyaas jedhamu tokko bakka kana jiraachaa ture. Innii fi haati manaan isaa Elsaabex kan dullooman taʼanis ijoollee hin godhanne turan. Yeroo kanatti mana qulqullummaa Yerusaalem keessa jiru keessatti luba taʼee tajaajiluun dabaree Zakkaariyaas ture. Utuu Zakkaariyaas mana qulqullummaa keessa jiruu Gabriʼeel iddoo ixaana itti aarsan biratti isatti mulʼate.

Yeroo kanatti Zakkaariyaas baayʼee naʼe. Haa taʼu malee, maleekaan sun isa tasgabbeessuuf, “Yaa Zakkaariyaas, wawwaannaan ati dhiheessite waan siif dhagaʼameef hin sodaatin, haati manaa kee Elsaabex ilma siif deessi; atis maqaa isaa ‘Yohaannis’ jettee moggaasta” jedheen. Itti dabaluudhaanis, Yohaannis ‘Yihowaa duratti guddaa akka taʼuu’ fi ‘namoota Yihowaadhaaf akka qopheessu’ dubbate.—Luqaas 1:13-17.

Zakkaariyaas harka isaatiin mallattoo yommuu argisiisu

Wanta kana amanuun Zakkaariyaasitti baayʼee ulfaatee ture. Maaliif? Innii fi Elsaabex dulloomanii waan turaniifi dha. Kanaaf Gabriʼeel akkana isaan jedhe: “Ati dubbii koo isa yeroo isaaf murteeffametti raawwatamu kana waan hin amanneef, hamma guyyaa wantoonni kun raawwatamaniitti duudaa taata; dubbachuus hin dandeessu.”—Luqaas 1:20.

Zakkaariyaas mana keessa yeroo dheeraadhaaf maaliif akka ture namoota ala turanitti gaaffii uume. Dhuma irrattis gad baʼe; taʼus dubbachuu hin dandeenye. Wanti inni gochuu dandaʼu harka isaatiin mallattoo argisiisuu qofa ture. Yeroo mana qulqullummaa keessa turetti wanta adda taʼe tokko argee taʼuu qaba.

Zakkaariyaas tajaajila mana qulqullummaa keessatti raawwatu erga xumuree booda gara mana isaa deeme. Sana booda utuma baayʼee hin turin Elsaabex ni ulfoofte! Elsaabex ilmi ishii hamma dhalatutti jiʼoota shaniif manaa utuu hin baʼin nama irraa adda baatee turte.

Gabriʼeel Maariyaamitti yommuu mulʼatu

Achiis Gabriʼeel yeroo lammaffaadhaaf mulʼate. Yeroo kanatti eenyutti mulʼate? Shamarree hin heerumnee fi Maariyaam jedhamtutti mulʼate; shamarreen kun kaaba Yerusaalemitti naannoo Galiilaa, magaalaa Naazireet keessa jiraatti turte. Maleekaan kun maal ishiitti hime? ‘Waaqayyo duratti surraa akka argatte’ ishiitti hime. Gabriʼeel itti fufuudhaan, “Kunoo, ulfooftee ilma ni deessa; maqaa isaas Yesuus jettee moggaasta” jedheen. Itti dabalees akkana ishiidhaan jedhe: “Inni guddaa ni taʼa; Ilma Isa Hundaa Olii ni jedhama; . . . inni mana Yaaqoob irratti bara baraaf Mootii taʼee bulcha; Mootummaan isaas dhuma hin qabu.”—Luqaas 1:30-33.

Gabriʼeel ergaawwan kana lamaan dubbachuun isaa mirga guddaa akka taʼetti isatti dhagaʼamee akka ture hubachuu ni dandeessa. Waaʼee Yohaannisii fi waaʼee Yesuus yaada dabalataa dubbisuu keenya yommuu itti fufnu, ergaawwan samii irraa dhufan kun baayʼee barbaachisoo kan taʼan maaliif akka taʼe ifa nuuf taʼa.

  • Ergaawwan barbaachisoo samii irraa dhufan lama kan dubbate eenyu dha?

  • Ergaawwan kun lamaan eenyufaatti himaman?

  • Ergaawwan samii irraa dhufan lamaan amanuun baayʼee ulfaata kan taʼu maaliif sitti fakkaata?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi