LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lfb barumsa 68 ful. 162-ful. 163 key. 1
  • Elsaabex Ilma Deesse

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Elsaabex Ilma Deesse
  • Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Namni Daandicha Qopheessu Tokko Ni Dhalate
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Ergaawwan Waaqayyo Biraa Dhufan Lama
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Yesuus Dhalachuu Isaa Dura Ulfina Argateera
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
lfb barumsa 68 ful. 162-ful. 163 key. 1
Zakkaariyaas ilmi isaa Yohaannis akka jedhamu michootaa fi firoota isaaniitti yommuu himu

BARUMSA 68

Elsaabex Ilma Deesse

Dallaawwan Yerusaalem deebiʼanii erga ijaaramanii waggoota 400 booda, lubni Zakkaariyaas jedhamuu fi haati manaa isaa Elsaabex jedhamtu naannoo magaalaa kanaa jiraatu turan. Erga gaaʼela godhatanii waggoonni hedduun kan darban taʼus, ijoollee hin qaban turan. Gaaf tokko Zakkaariyaas mana qulqullummaa keessatti ixaana aarsaa utuu jiruu, maleekaan Gabriʼeel jedhamu gara isaa dhufe. Zakkaariyaas baayʼee sodaatee waan tureef, Gabriʼeel akkana isaan jedhe: ‘Hin sodaatin. Yihowaa biraa misiraachoo siif fideera. Haati manaa kee Elsaabex ilma ni deessi; maqaan isaas Yohaannis jedhama. Yihowaan hojii adda taʼeef Yohaannisiin filateera.’ Zakkaariyaas garuu, ‘Akkamittan si amanuu dandaʼa? Anii fi haati manaa koo baayʼee waan dulloomneef mucaa godhachuu hin dandeenyu’ isaan jedhe. Achiis Gabriʼeel, ‘Misiraachoo kana akkan sitti himu kan na erge Waaqayyo dha. Garuu ati waan na hin amanneef, hamma mucichi dhalatutti dubbachuu hin dandeessu’ isaan jedhe.

Zakkaariyaas isa yeroo kaanii caalaa mana qulqullummaa keessa baayʼee ture. Kanaaf, yeroo gad baʼu namoonni alatti isa eegaa turan wanta uumame beeku barbaadan. Zakkaariyaas garuu dubbachuu hin dandeenye. Wanti inni gochuu dandaʼu harka isaatiin mallattoo kennuu qofa dha. Achiis namoonni sun Zakkaariyaas Waaqayyo biraa ergaan tokko akka isaaf dhufe hubatan.

Akkuma maleekaan sun dubbatetti yeroo booda Elsaabex ulfooftee ilma deesse. Michoonnii fi firoonni ishii mucicha ilaaluu dhufan. Isaan baayʼee ishiidhaaf gammadanii turan. Elsaabexis, ‘Maqaan isaa Yohaannis jedhama’ jette. Isaanis, ‘Maatii keessan keessaa namni maqaa Yohaannis jedhamu hin jiru. Maqaan isaa akkuma abbaa isaa Zakkaariyaas jedhamuu qaba’ jedhan. Zakkaariyaas garuu, ‘Maqaan isaa Yohaannisi’ jedhee barreesse. Innis battaluma sanatti deebiʼee dubbachuu dandaʼe! Oduun waaʼee mucichaa dubbatamu guutummaa Yihudaa keessatti babalʼate; namoonnis dinqisiifamanii, ‘Mucaan kun yommuu guddatu maal taʼa laata?’ jedhanii yaadu turan.

Achiis Zakkaariyaas hafuura qulqulluutiin guutame. Akkana jedhee raajii dubbate: ‘Yihowaan haa jajamu. Nu fayyisuuf Masiihicha isa fayyisaa taʼe akka ergu Abrahaamiif waadaa galee ture. Yohaannis raajii taʼa; akkasumas Masiihichaaf karaa qopheessa.’

Wanti adda taʼe Maariyaam ishii fira Elsaabex taateefis raawwatameera. Boqonnaa itti aanu irratti waaʼee kanaa ilaalla.

“Kun namootaaf hin dandaʼamu; Waaqayyoof garuu wanti hundi ni dandaʼama.”—Maatewos 19:26

Gaaffii: Gabriʼeel Zakkaariyaasitti maal hime? Yohaannis hojii adda taʼe akkamii hojjeta?

Maatewos 11:7-14; Luqaas 1:5-25, 57-79; Isaayyaas 40:3; Miilkiyaas 3:1

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi