LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • jy boq. 11 ful. 30-ful. 31 key. 14
  • Yohaannis Cuuphaan Daandicha Qopheesse

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yohaannis Cuuphaan Daandicha Qopheesse
  • Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yesuus Ni Cuuphame
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Yohaannis Cuuphaan Eenyu Dha?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Yohaannis Yesuus Irraa Dhagaʼuu Barbaade
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Yesuus Dabalaa Yohaannis Immoo Hirʼachaa Adeeme
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
Dabalataan Ilaaluuf
Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
jy boq. 11 ful. 30-ful. 31 key. 14
Yohaannis Cuuphaan waaʼee yaada geddarachuu yommuu lallabu

BOQONNA 11

Yohaannis Cuuphaan Daandicha Qopheesse

MAATEWOS 3:1-12 MAARQOS 1:1-8 LUQAAS 3:1-18 YOHAANNIS 1:6-8, 15-28

  • YOHAANNIS LALLABAA FI CUUPHAA DHUFE

  • NAMOONNI HEDDUUN NI CUUPHAMAN, GARUU HUNDA MITI

Yesuus umurii isaa waggaa 12⁠tti mana qulqullummaa keessatti barsiisota gaaffii erga gaafatee waggaan 17 darbeera. Amma yeroon isaa Dh.K.B. bara 29 waqtii arfaasaa ti. Namoonni hedduun waaʼee Yohaannis isa fira Yesuus taʼee fi biyyoota Laga Yordaanos irraa gara lixaatti argaman hunda keessatti lallabaa jiruu odeessaa jiru.

Uffannaan Yohaannisis taʼe dubbiin isaa xiyyeeffannaa namaa kan harkisu dha. Huccuun isaa rifeensa gaalaa irraa kan hojjetame siʼa taʼu, teephaan mudhii isaa hidhata. Hawwaanisaa fi damma bosonaa nyaata. Ergaan isaa hoo maali dha? “Mootummaan samii waan dhihaateef, yaada geddaradhaa” kan jedhu dha.—Maatewos 3:2.

Ergaan Yohaannis namoota hedduu isa dhagaʼuu dhufan kakaase. Hedduun isaanii yaada geddarachuun, jechuunis jireenyi isaanii kanaan duraa sirrii akka hin taane hubachuudhaan, ilaalcha fi akkaataa jireenyaa isaanii jijjiiruun akka isaan barbaachisu hubatan. Namoonni kun gara isaa kan dhufan, ‘Yerusaalem, Yihudaa hundaa fi biyya naannoo Yordaanos hunda’ keessaa ti. (Maatewos 3:5) Namoota gara Yohaannis dhufan keessaa hedduun yaada ni geddaratu. Innis bishaan Yordaanos keessa gad isaan liccisuudhaan isaan cuupha. Maaliif?

Yihudoonni yaadan geddaratan cuuphamuudhaaf gara Yohaannis yommuu dhufan

Namoonni kun cuuphamuun isaanii cubbuu Seera Waaqayyoo irratti raawwatan irraa garaadhaa yaada akka geddaratan argisiisa. (Hojii Ergamootaa 19:4) Ulaagaa cuuphaa kan guutan garuu hunda miti. Fariisonnii fi Saduuqonni warri geggeessitoota amantii taʼan gara isaa yeroo dhufanitti, Yohaannis, “Ijoollee buutii” isaaniin jedhe. Achiis akkana isaaniin jedhe: “Firii yaada geddarachuu keessan argisiisu godhadhaa. ‘Abbaan keenya Abrahaami’ jettanii hin yaadinaa. Ani isinitti nan hima, Waaqayyo dhagaawwan kana keessaa Abrahaamiif ijoollee kaasuu ni dandaʼa. Ammuma iyyuu qottoon hidda mukeetii muruuf qophaaʼeera. Kanaaf, mukti firii gaarii hin godhanne hundi muramee ibiddatti gatama.”—Maatewos 3:7-10.

Yohaannis xiyyeefannaa waan argateef, ergaa cimaa waan dubbatuu fi namoota hedduu cuuphaa waan jiruuf, “Ati eenyu?” jedhanii akka isa gaafataniif lubootaa fi Lewwoota isatti ergan.

Yohaannisis, “Ani Kiristoos miti” jechuudhaan dhugaa isaa dubbate.

Isaan immoo, “Maarree ati eenyu? Eliyaasii?” jedhanii isa gaafatan.

Innis, “Ani isa miti” jedhee deebiseef.

Achiis, “Ati Raajichaa ree?” jedhanii isa gaafatan. Yeroo akkas jedhan waaʼee Raajii isa guddaa, akka dhufu Museen waaʼee isaa dubbatee dubbachuu isaanii ti.—Keessa Deebii 18:15, 18.

Innis, “Lakki” isaaniin jedhe.

Isaan garuu beekuu waan barbaadaniif, “Maarree ati eenyu? Namoota nu ergan sanaaf deebii akka kenninuuf nutti himi. Waaʼee ofii kee maal jetta?” isaan jedhan. Yohaannisis, “Akkuma Isaayyaas raajichi dubbate, ani sagalee namicha, isa ‘Daandii Yihowaa qajeelchaa’ jedhee lafa onaa keessaa iyyu dha” isaaniin jedhe.—Yohaannis 1:19-23.

Ammas baruu waan barbaadaniif, “Ati Kiristoos yookiin Eliyaas yookiin Raajicha miti taanaan, maaliif cuuphxa ree?” isaan jedhan. Innis, “Ani bishaaniin nan cuupha. Inni isin isa hin beekne tokko garuu isin gidduu dhaabateera; inni ana booda dhufaa jira” jedhee deebise.—Yohaannis 1:25-27.

Eeyyee, Yohaannis namoonni yaada garaa qajeelaa Masiihii isa abdachiifamee fi gara fuulduraatti Mootii taʼu fudhachuuf isaan dandeessisu akka qabaatan gochuudhaan daandicha qopheessaa akka jiru beeksise. Yohaannis waaʼee isaa yommuu dubbatu, “Inni ana booda dhufu garuu ana caalaa jabaata; ani kophee isaa illee isa irraa baasuuf gaʼumsa hin qabu” jedhe. (Maatewos 3:11) “Inni ana booda dhufu ana dura waan tureef inni ana irra ni caala” jechuudhaanis dhugaa jiru dubbateera.—Yohaannis 1:15.

Kanaaf, Yohaannis, “Mootummaan samii waan dhihaateef, yaada geddaradhaa” jechuun isaa sirrii dha. (Maatewos 3:2) Ergaan kun Yesuus Kiristoos inni Yihowaan moosisu tajaajila isaa jalqabuuf akka jedhu namoonni akka beekan taasiseera.

  • Yohaannis nama akkamii ti? Maal hojjechaa jira?

  • Yohaannis namoota kan cuuphu maaliifi?

  • Ergaan Yohaannis maali dha? Ergaa kana dubbachuun isaa sirrii kan taʼe hoo maaliifi?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi