LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • jy boq. 42 ful. 104-ful. 105 key. 2
  • Yesuus Fariisota Balaaleffate

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yesuus Fariisota Balaaleffate
  • Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Dogoggorasaarraa Barateera
    Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
  • Ooʼa Argisiisuu Barateera
    Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
  • Yoonaasiifi Qurxummii Guddicha
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Qabiyyee Yoonaas
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
jy boq. 42 ful. 104-ful. 105 key. 2
Mootittiin Saabaa gara teessoo Solomoon Mootichaatti yommuu deemtu

BOQONNAA 42

Yesuus Fariisota Balaaleffate

MAATEWOS 12:33-50 MAARQOS 3:31-35 LUQAAS 8:19-21

  • YESUUS WAAʼEE “MALLATTOO YOONAAS” DUBBATE

  • MAATII ISAA CAALAA BARATTOOTA ISAATTI DHIHAATA

Barsiisonni seeraa fi Fariisonni tokko tokko, Yesuus jinniiwwan kan baasu humna Waaqayyootiin taʼuu isaa ganuudhaan cubbuu hafuura qulqulluu arrabsuutiif of saaxilaniiru. Namoonni kun Waaqayyo moo Seexana cina dhaabatu laata? Yesuus akkana jedhe: “Mukti tokko firii isaatiin waan beekamuuf, muka gaarii yoo dhaabdan firii gaarii argattu yookiin muka gadhee yoo dhaabdan firii gadhee argattu.”—Maatewos 12:33.

Damee mukaa firii qabu

Yesuus jinniiwwan baasuudhaan firii gaarii argachuu kan dandaʼe, Seexana waan tajaajiluufi jechuun gowwummaa dha. Yesuus Lallaba Isaa Isa Gaara Irraa irratti akkuma dubbate, mukti gaariin firii gaarii malee firii gadhee hin godhatu. Mormii Fariisonni Yesuus irratti kaasan, firii isaan godhatan ilaalchisee maal mirkaneessa? Firii gadhee akka taʼan argisiisa. Yesuus akkana isaaniin jedhe: “Isin yaa ijoollee buutii nana, hamoota taatanii utuu jirtanii akkamitti wanta gaarii dubbachuu dandeessu? Afaan wanta garaa keessa guute dubbata.”—Maatewos 7:16, 17; 12:34.

Eeyyee, wanti dubbannu wanta garaa keenya keessa jiru ibsa, murtii kennuufis buʼuura taʼa. Kanaaf Yesuus akkana jedhe: “Ani isinitti nan hima, namoonni wanta gadhee dubbatan hundumaatiif Guyyaa Murtiitti itti gaafatamu; sababiin isaas, dubbii keetiin qajeelaa jedhamta; akkasumas dubbii keetiin sitti murteeffama.”—Maatewos 12:36, 37.

Yesuus dinqiiwwan kan hojjete taʼus barsiisonni seeraa fi Fariisonni, “Yaa Barsiisaa, mallattoo akka nutti argisiistu barbaadna” jechuudhaan wanta dabalataa akka isaanitti argisiisu gaafatan. Jarri kun Yesuus yommuu dinqiiwwan hojjetu arganis arguu baatanis, namoonni hedduun wanta inni hojjechaa jiru arganiiru. Kanaaf Yesuus akkana jedhe: “Dhaloonni hamaanii fi ejjaa taʼe yeroo hunda mallattoo ilaaluu barbaada; taʼus mallattoo Yoonaas raajichaa malee mallattoon kan biraan isaaf hin kennamu.”—Maatewos 12:38, 39.

Qurxummii guddaan Yoonaasiin yommuu liqimsu

Yesuus maal jechuu isaa akka taʼe akkana jechuudhaan ibse: “Akkuma Yoonaas garaa qurxummii guddaa keessa guyyaa sadii fi halkan sadii ture, Ilmi namaas garaa lafaa keessa guyyaa sadii fi halkan sadii ni tura.” Yoonaas qurxummii guddaadhaan kan liqimfame taʼus, booda achi keessaa baʼeera; kunis akka waan inni duʼaa kaafametti ilaalama. Kanaaf, Yesuus akka duʼuu fi guyyaa sadii booda duʼaa akka kaafamu dursee dubbachuu isaa ti. Yeroo booda yommuu duʼaa kaʼe, geggeessitoonni amantii yaada geddarachuu fi jijjiiramuu waan didaniif, “mallattoo Yoonaas” akka hin fudhanne argisiisaniiru. (Maatewos 27:63-66; 28:12-15) Faallaa kanaatiin, “namoonni Nanawwee” lallaba Yoonaas dhagaʼanii yaada geddarataniiru. Kanaaf, namoonni kun dhaloota kanatti ni murteessu. Yesuus, mootuun Saabaas fakkeenya waan taateef dhaloota kanatti akka murteessitu dubbateera. Mootuun kun ogummaa Solomoon qabu dhagaʼuuf fedhii argisiisteetti, ogummaa isaas dinqisiifatteetti. Sana booda Yesuus, “Kunoo Solomoon irra kan caalu as jira” jedhe.—Maatewos 12:40-42.

Yesuus dhaloota hamaa kana nama hafuurri xuraaʼaan keessaa baʼee wajjin wal fakkeesse. (Maatewos 12:45) Namni kun bakka duwwaa sana wantoota gaariidhaan waan hin guunneef, hafuuronni hamoon isa duraa caalaa hamoo taʼan torba isatti galan. Akkuma hafuurri xuraaʼaan namicha keessaa baafamee ture, sabni Israaʼelis qulqulleeffamee ture. Taʼus sabichi raajota Waaqayyoo simachaa hin turre; amma immoo Yesuus isa hafuurri Yihowaa isa irra jiru morman. Kunis, haalli sabichaa isa jalqabaa caalaa akka hammaate argisiisa.

Yesuus utuu dubbachaa jiruu haati isaa fi obboloonni isaa dhufanii namoota walitti qabamanii jiran bira dhaabatan. Namoota isa cinaa taaʼan keessaa tokko tokko, “Haati kee fi obboloonni kee si argachuu barbaadanii ala dhaabachaa jiru” isaan jedhan. Yeroo kanatti Yesuus barattoota isaa warra akka obboloota, obboleettotaa fi haadhota isaa taʼanitti hammam akka dhihaatu argisiise. Barattoota isaatti harka diriirsee, “Haati koo fi obboloonni koo warra dubbii Waaqayyoo dhagaʼanii hojii irra oolchan kana dha” jedhe. (Luqaas 8:20, 21) Yesuus akkas jechuudhaan walitti dhufeenyi inni maatii isaa wajjin qabu bakka guddaa kan qabu taʼus, walitti dhufeenya barattoota isaa wajjin qabuuf caalaatti bakka guddaa akka kennu argisiise. Nutis keessumaa namoonni yommuu nu shakkan ykn nuunis taʼe wanta gaarii nuti hojjennu yommuu ceephaʼanitti, obboloota keenyaa wajjin walitti dhufeenya akkasii qabaachuun boqonnaa nuuf argamsiisa.

  • Fariisonni muka gadhee wajjin kan wal fakkaatan karaa kamiini dha?

  • ‘Mallattoon Yoonaas’ maali dha? Yeroo booda namoonni fudhachuu kan didan hoo akkamitti?

  • Sabni Israaʼel jaarraa tokkoffaatti ture nama hafuurri xuraaʼaan keessaa baafamee wajjin kan wal fakkaatu akkamitti?

  • Yesuus walitti dhufeenya cimaa barattoota isaa wajjin qabu kan ibse akkamitti?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi