LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • jy boq. 127 ful. 290-ful. 291 key. 6
  • Saanhediriin, Achiis Philaaxos Duratti Gaaffiidhaaf Dhihaate

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Saanhediriin, Achiis Philaaxos Duratti Gaaffiidhaaf Dhihaate
  • Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yesuus Ajjeefamuuf Dabarfamee Kenname
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Philaaxosis Taʼe Heroodis Balleessaa Isa Irratti Hin Arganne
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Philaaxos, “Namichi Kunoo Ti!” Jedhe
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
jy boq. 127 ful. 290-ful. 291 key. 6
Yesuus Phonxos Philaaxos dura dhaabatee

BOQONNAA 127

Saanhediriin, Achiis Philaaxos Duratti Gaaffiidhaaf Dhihaate

MAATEWOS 27:1-11 MAARQOS 15:1 LUQAAS 22:66–23:3 YOHAANNIS 18:28-35

  • SAANHEDIRIIN GANAMAAN DHADDACHA TAAʼE

  • YIHUDAA ASQOROTUUN OF FANNISUUF YAALE

  • YESUUS AKKA ISATTI MURTEEFFAMUUF PHILAAXOSITTI ERGAME

Pheexiros yeroo sadaffaadhaaf Yesuusiin gane. Yeroo kanatti lafti bariʼuuf jedha. Miseensonni Saanhediriin dhaddacha sobaa Yesuusiin ilaalchisee taaʼan xumuraniiru. Dhaddachi seeraan alaa halkaniin taaʼan kun fudhatama akka argatu gochuuf, Jimaata ganamaan walitti qabaman. Yesuus isaan duratti dhiheeffame.

Ammas dhaddachichi, “Ati Kiristoos yoo taate nutti himi” jedhee Yesuusiin gaafate. Innis, “Utuma ani isinitti himee illee, isin matumaa hin amantan. Kana malees, utuun isin gaafadhee isin hin deebistan” jedheen. Haa taʼu malee, raajiin Daaniʼel 7:13 irratti dubbatame isa akka argisiisu ija jabinaan isaanitti hime. “Ammaa jalqabee Ilmi namaa mirga Waaqayyoo isa humna qabeessa taʼe sanaa ni taaʼa” jedhe.—Luqaas 22:67-69; Maatewos 26:63.

Isaanis, “Maarree ati Ilma Waaqayyoo ti jechuu dhaa?” jedhaniin. Yesuusis, “Ani akkan taʼe isinumti iyyuu dubbachaa jirtu” jedheen. Deebii Yesuus kenne kun Waaqayyoon arrabseera jedhanii isa ajjeesuuf karaa kan banu fakkaata. “Kana caalaa ragaa dabalataa maaliitu nu barbaachisa?” waliin jedhan. (Luqaas 22:70, 71; Maarqos 14:64) Achiis, Yesuusiin hidhanii Phonxos Philaaxos isa Bulchaa lammii Roomaa taʼetti isa ergan.

Yihudaa Asqorotuun, Yesuus gara Philaaxositti yeroo geeffamu arguu hin oolu. Yesuusitti akka murteeffame yommuu hubate hamma tokko ni gaabbe, akkasumas abdii kutate. Taʼus, yaada geddaratee gara Waaqayyootti deebiʼuu mannaa saantima meetii 30 fudhatee ture deebisuuf deeme. Dura buutota lubootaatiin, “Ani dhiiga nama qulqulluu dabarsee kennuudhaan cubbuu hojjedheera” jedhe. Isaan garuu gara jabinaan, “Maaltu nu dhibe ree? Dhimma mataa kee ti!” isaan jedhan.—Maatewos 27:4.

Yihudaan saantima meetii 30 kana mana qulqullummaa keessatti erga bittinsee booda of ajjeesuuf yaaluudhaan balleessa dabalataa raawwate. Yihudaan of fannisuuf yommuu yaalu, dameen muka inni funyoo itti hidhee cabuu hin oolu. Dhagaa mukicha jala jiru irratti waan kufeef qaamni isaa ni tarsaʼe.—Hojii Ergamootaa 1:17, 18.

Yesuus gara masaraa Phonxos Philaaxositti kan geeffame siʼa taʼu, yeroon isaa amma iyyuu ganama dha. Yihudoonni isa fuudhanii deeman garuu ol seenuu didan. Kana kan godhan nama Yihudii hin taanetti siquun nu xureessa jedhanii waan yaadaniifi dha. Kun guyyaa jalqabaa Ayyaana Maxinoo isa Niisaan 15 kabajamuu fi kutaa Ayyaana Faasikaa akka taʼetti ilaalamu irraa akka hin nyaanne isaan dhorkuu dandaʼa.

Philaaxos gad baʼee, “Namicha kana irratti himata maalii dhiheessitu?” jedhee gaafate. Isaanis, “Namichi kun utuu balleessaa hin hojjenne taʼee, dabarsinee sitti hin kenninu turre” jedhanii deebisaniif. Philaaxos namoonni kun dhiibbaa isa irratti gochaa akka jiran isatti dhagaʼamee taʼuu hin ooluu, “Isin ofii keessanii isa fudhadhaatii akka seera keessaniitti itti murteessaa” jedheen. Yihudoonni, “Nuti eenyyuun iyyuu akka ajjeesnu seerri nuuf hin heyyamu” jechuun isaanii hammeenya isaanii kan argisiisu dha.—Yohaannis 18:29-31.

Yihudoonni yeroo Ayyaana Faasikaatti Yesuusiin yoo ajjeesan uummata biratti jeequmsi kaʼuu hin oolu. Yesuus mootummaa warra Roomaa irratti yakka akka hojjetetti yoo himatan garuu, gama kanaan dhimmichi warra Roomaa waan ilaallatuuf Yihudoonni uummata biratti itti hin gaafataman.

Geggeessitoonni amantii Philaaxos biratti Yesuusiin kan himatan Waaqayyoon arrabseera jedhanii miti. Akkana jedhanii sobaan isa himatan: “Namichi kun [1] utuu saba keenya karaa irraa jalʼisuu, [2] Qeesaariif gibira akka hin kaffalle utuu dhowwuu fi [3] inni mataan isaa Kiristoos mooticha akka taʼe utuu dubbatuu isa arganne.”—Luqaas 23:2.

Philaaxos bakka buʼaa warra Roomaa waan taʼeef, himanni Yesuus mootii taʼuu isaa ibsu isa yaaddessee taʼuu qaba. Kanaaf Philaaxos ammas gara manaatti ol seenee Yesuusiin waamee, “Ati Mootii Yihudootaa tii?” jedhee gaafate. Yaadni kun karaa gara biraadhaan, ‘Seera warra Roomaa cabsitee Qeesaar irratti kaʼuudhaan ani mootii dha kan ofiin jettu maaliifi?’ jechuu dha. Wanta Philaaxos waaʼee isaa dhagaʼe mirkaneeffachuuf taʼuu hin oolu Yesuus, “Ati ofuma keetiin kakaatee kana na gaafatte moo, warra kaantu waaʼee koo sitti hime?” jedhee gaafate.—Yohaannis 18:33, 34.

Philaaxos, Yesuusiin ilaalchisee wanta taʼe beekuuf hawwuudhaan akkana jedhee gaafate: “Ani Yihudii dhaa ree? Sabuma keetii fi dura buutota lubootaatu dabarsee natti si kenne. Ofii, wanti ati goote maali dha?”—Yohaannis 18:35.

Yesuus dhimma ittiin himatame, jechuunis waaʼee mootii taʼuu isaa callisee irra darbuu hin barbaanne. Kanaaf, haala Philaaxosiin ajaaʼibsiisuun deebii akka kenne hin shakkisiisu.

LAFA DHIIGAA

Yihudaan saantima meetii 30 mana qulqullummaa keessatti yommuu bittinsu

Dura buutonni lubootaa saantima meetii Yihudaan mana qulqullummaa keessatti bittinsee deeme waan godhan wallaalan. Akkana jedhan: “Saantimni kun gatii dhiigaa waan taʼeef, kutaa mana qulqullummaa buusiin itti kuufamu keessa kaaʼuun seeraan dhorkamaa dha.” Kanaaf keessummootaaf bakka awwaalchaa akka taʼuuf qarshichaan lafa namicha suphee dhaʼu tokkoo bitan. Kanaan kan kaʼes, “Lafa Dhiigaa” jedhamee waamama.—Maatewos 27:6-8.

  • Miseensonni Saanhediriin ganamaan dhaddacha kan taaʼan maaliifi?

  • Yihudaan haala akkamiitiin duʼe? Saantima meetii 30n sanaan maaltu godhame?

  • Philaaxos Yesuusiin akka ajjeesisuuf, Yihudoonni himata akkamii isa irratti dhiheessan?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi