BOQONNAA 129
Philaaxos, “Namichi Kunoo Ti!” Jedhe
MAATEWOS 27:15-17, 20-30 MAARQOS 15:6-19 LUQAAS 23:18-25 YOHAANNIS 18:39–19:5
PHILAAXOS YESUUSIIN HIIKUUF YAALE
YIHUDOONNI BARBAAN AKKA HIIKAMU GAAFATAN
YESUUSITTI NI QOOSAME, NI DHIPHIFAMES
Philaaxos namoota duʼa Yesuus barbaadan kanaan akkana jedhe: “Ani . . . himata isin nama kana irratti dhiheessitaniif wanta buʼuura taʼu tokko illee hin arganne. Heroodisis homaa . . . isa irratti hin arganne.” (Luqaas 23:14, 15) Amma immoo, Philaaxos Yesuusiin gargaaruuf mala kan biraatti fayyadame. Namoota kanaan akkana jedhe: “Akka barsiifata keessaniitti guyyaa Faasikaatti nama tokko isiniif nan hiika. Kanaaf, Mootii Yihudootaa sana akkan isiniif hiiku barbaadduu?”—Yohaannis 18:39.
Philaaxos namicha Barbaan jedhamuu fi yakka saamichaa, mootummaa irratti namoota kakaasuu fi ajjeechaatiin hidhamee jiru beeka. Kanaaf, “Ani eenyuun akkan isiniif hiiku barbaaddu? Barbaaniin moo Yesuus isa Kiristoos jedhamu sana?” jedhee gaafate. Namoonni kun dura buutonni lubootaa waan isaan kakaasaniif Yesuus utuu hin taʼin, Barbaan akka hiikamu gaafatan. Philaaxos ammas, “Lamaan isaanii keessaa eenyuun akka ani isiniif hiiku barbaaddu?” jedhee gaafate. Namoonni kunis, “Barbaaniin” jedhan!—Maatewos 27:17, 21.
Philaaxos aaree, “Yesuus isa Kiristoos jedhamu sana maal godhu ree?” jedhee isaan gaafate. Isaanis, “Isa fannisi!” jedhanii iyyan. (Maatewos 27:22) Qaanii tokko malee namni qulqulluu taʼe kun akka ajjeefamu barbaadan. Philaaxos akkana jedhee isaan kadhate: “Maaliif? Namichi kun balleessaa maalii hojjete? Ani wanta isa ajjeesisu tokko illee isa irratti hin arganne; kanaaf, adabeen isa gadhiisa.”—Luqaas 23:22.
Philaaxos carraaqqii garaa garaa godhus, namoonni aariidhaan finiinan kun sagalee tokkoon, “Isa fannisi!” jedhanii iyyuu jalqaban. (Maatewos 27:23) Namoonni geggeessitoota amantiitiin kakaafaman kun dhiiga dhangalaasuu barbaadaniiru! Dhiigni isaan akka dhangalaʼu barbaadan garuu dhiiga nama yakkamaa ykn nama nama ajjeesee miti. Dhiiga nama qulqulluu, guyyaa shan dura yommuu inni gara Yerusaalem dhufe akka Mootiitti simatamee ti. Yeroo kanatti barattoonni Yesuus achitti argamaniiru taanaan, afaan isaanii hin saaqqanne ykn of dhoksaniiru.
Philaaxos carraaqqiin inni namoota kana amansiisuuf godhe akka hin milkoofne hubate. Jeequmsi kaaʼuuf akka jedhu waan hubateef, bishaan fudhatee namoota kana duratti harka isaa dhiqachuudhaan, “Ani dhiiga namicha kanaatiif itti hin gaafatamu. Isinumatu itti gaafatama” isaaniin jedhe. Kun illee namoonni kun yaada isaanii akka jijjiiran isaan hin taasisne. Kanaa mannaa, “Dhiiga isaatiif kan itti gaafatamu nuu fi ijoollee keenya dha” jedhan.—Maatewos 27:24, 25.
Bulchaan kun wanta sirrii akka taʼe beeku gochuu mannaa, fedha isaanii guutuuf filate. Kanaaf, Philaaxos Barbaaniin isaaniif hiike. Yesuusiin garuu uffata isaa irraa baasisee isa garafsiise.
Loltoonni kun Yesuusiin haala suukanneessaa taʼeen erga garafanii booda, gara masaraa bulchaa biyyaatti geessan. Miseensonni loltootaa walitti qabamanii miidhaa dabalataa isa irraan gaʼan. Gonfoo qoree irraa hojjetame mataa isaa irra kaaʼanii mataa isaatti asii gad dhiiban. Kana malees, loltoonni kun harka isaa mirgaatti ulee shomboqqoo isa qabsiisanii uffata diimaa dhiiga fakkaatuu fi maatiin moototaa uffatan isatti uffisanii, “Yaa Mootii Yihudootaa, nagaan siif haa taʼu!” jedhanii isatti qoosan. (Maatewos 27:28, 29) Kana irras darbee hancufa itti tufan, akkasumas isa kakkabalan. Shomboqqoo jabaa harka Yesuus irra jiru fuudhanii yommuu mataa isaa ittiin rukutan qoreewwan “gonfoo” mataa isaa irra jiru irratti argaman caalaatti mataa isaa keessa seenu.
Philaaxos, Yesuus wanta suukanneessaa isa irratti raawwatame hunda keessattis ciminaa fi tasgabbii argisiisuun isaa baayʼee waan isa ajaaʼibsiiseef, isa hiikuuf carraaqqii kan biraa gochuudhaan itti gaafatamummaa irraa walaba of gochuu waan barbaadeef akkana jedhe: “Kunoo, ani balleessaa tokko illee akka isa irratti hin arganne akka beektaniif isa gad isiniif nan baasa” jedhe. Philaaxos yeroo kanatti Yesuusiin kan gad baase namoonni kun dhaqna isaa isa dirmammaaʼee fi dhiigaa jiru yommuu argan garaa laafu jedhee yaadeetii laata? Philaaxos, Yesuusiin namoota gara jabeeyyii taʼan kana dura dhaabee, “Namichi kunoo ti!” jedhee dubbate.—Yohaannis 19:4, 5.
Yesuus kan reebamee fi kan madaaʼe taʼus, ciminaa fi tasgabbii argisiiseera. Wanti Philaaxos dubbatee fi kabaja, akkasumas gadda of keessaa kan qabu fakkaatu haala kana akka inni hubate argisiisa.