LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • od boq. 12 ful. 123-129
  • Naannoo Keenyattii fi Addunyaa Maratti Hojii Mootummichaa Deggeruu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Naannoo Keenyattii fi Addunyaa Maratti Hojii Mootummichaa Deggeruu
  • Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • ADDUNYAA MARATTI FEDHII MOOTUMMICHAA RAAWWACHUU
  • WANTA GUMII KEENYAAF BARBAACHISU GOCHUU
  • AKKAATAA MAALLAQNI BUUSII TAʼE ITTI QABAMU
  • BAASII AANAA
  • HIYYEESSOTA GARGAARUU
  • BARREEFAMOOTA RAABSUU
  • Qarshiin Hojii Mootummichaaf Oolu Eessaa Argama?
    Mootummaan Waaqayyoo Bulchaa Jira!
  • Ilaaltoota Ol Aanaa Tuuta Hoolotaa Tiksan
    Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu
  • Karaawwan Tajaajila Kee Itti Balʼifattu
    Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu
  • Waaqa Waan Hundumaa Qabuuf kan Kenninu Maaliifi?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
Dabalataan Ilaaluuf
Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu
od boq. 12 ful. 123-129

BOQONNAA 12

Naannoo Keenyattii fi Addunyaa Maratti Hojii Mootummichaa Deggeruu

RAAJIIN Yesuus guyyoota dhumaa ilaalchisee dubbate akka raawwatamuuf, Dhugaa Baatonni Yihowaa “hanga andaara lafaatti” misiraachicha lallabaa jiru. (HoE. 1:8; Mat. 24:14) Kana galmaan gaʼuuf, wantoota hafuuraa namootaan gaʼuu irratti yeroo fi humna isaani tolaan kennaa jiru. Yihowaan namoota isaa wajjin hojjetaniif wanta barbaachisu akka godhu isatti amanamuudhaan jireenya isaanii keessatti Mootummaa Waaqayyoo dursuu isaanii itti fufaniiru. (Mat. 6:25-34; 1 Qor. 3:5-9) Buʼaan argames Yihowaan kanatti akka gammadee fi eebbisaa akka jiru kan argisiisu dha.

ADDUNYAA MARATTI FEDHII MOOTUMMICHAA RAAWWACHUU

2 Namoonni tokko tokko mala lallabaa keenya yommuu argan, akkasumas Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota keenya Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan kaffaltii malee raabsaa akka jirru yommuu hubatan, “Kana hunda gochuu kan dandeessan akkamitti?” jedhanii gaafatu. Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan qopheessuu fi maxxansuun maallaqa akka gaafatu beekamaa dha. Kana malees, namoota maashinii maxxansaa irra hojjetaniif, hojii lallabaa hordofaniif, akkasumas obboloonni misiraachicha babalʼisuuf karaawwan kan birootiin tajaajilan keessa akka jiraataniif manneen Beetel ijaaruu fi kunuunsuun maallaqa hedduu akka gaafatu beekamaa dha. Kana malees, ilaaltonni ol aanaa aanaa, misiyoononni dirree irra tajaajilan, qajeelchitoonni addaa fi tajaajiltoonni yeroo guutuu addaa kan biroo hojicha akka itti fufaniif deggersi maallaqaa murtaaʼe isaaniif godhama. Yeroo harʼaatti, naannoo keenyattis taʼe addunyaa maratti misiraachicha lallabuun, maallaqa hedduu baasuu akka gaafatu ifa dha. Maarree maallaqni kun hundi eessaa dhufa?

3 Namoonni hojii Dhugaa Baatonni Yihowaa Kitaaba Qulqulluu barsiisuuf hojjetan dinqisiifatan hedduun hojii addunyaa maraatti hojjetamu kanaaf buusii gochuun isaan gammachiisa. Haa taʼu malee, hojiin keenya adda durummaadhaan Dhugaa Baatotumaan deggerama; isaan keessa tokko tokko, waajjira damee biyya isaaniitti fedhii isaaniitiin buusii ergu. Dhugaa Baatonni kun miira tajaajiltoonni Waaqayyoo bara durii ijaarsa iddoo waaqeffannaa Yihowaa deggeruuf arjummaadhaan kennanii wajjin wal fakkaatu qabu. (Bau. 35:20-29; 1 Sen. 29:9) Obboloonni tokko tokko qabeenya hin sochoone dhaamsa dhaalaatiin kennu; namoonni dhuunfaa, gumiiwwanii fi aanaawwanis yeroo baayʼee maallaqa xixiqqoo buusii godhu. Kennaawwan kun walitti dabalamanii maallaqa tajaajilicha itti fufsiisuuf gargaaru argamsiisu.

Dhugaa Baatonni Yihowaa maallaqaa fi qabeenya isaanii kan biroo hojii lallabaa babalʼisuuf itti fayyadamuu akka mirga guddaatti ilaalu

4 Dhugaa Baatonni Yihowaa maallaqaa fi qabeenya isaanii kan biroo hojii lallabaa babalʼisuuf itti fayyadamuu akka mirga guddaatti ilaalu. Yesuusii fi barattoonni isaa, saanduqa maallaqaa wanta isaan barbaachisuuf maallaqa keessa kaaʼatan qabu turan. (Yoh. 13:29) Kitaabni Qulqulluun, dubartoonni Yesuusii fi barattoota isaa tajaajilan akka turan nutti hima. (Mar. 15:40, 41; Luq. 8:3) Phaawulos ergamaan gargaarsa namoonni misiraachicha babalʼisuu fi tajaajila inni raawwatu deggeruu barbaadan jaalalaan isaaf godhan galateeffatee fudhateera. (Filp. 4:14-16; 1 Tas. 2:9) Dhugaa Baatonni Yihowaa, hinaaffaadhaan tajaajiluu fi arjummaadhaan kennuudhaan fakkeenya tajaajiltoota bara durii kana hordofuu isaanii itti fufaniiru. Kanaafuu, namoota garaa qajeelaa qabanii fi bakka kam iyyuu jiraataniif “bishaan jireenyaa tola” kennuun dandaʼameera.—Mul. 22:17.

WANTA GUMII KEENYAAF BARBAACHISU GOCHUU

5 Baasiin gumii keenyaas buusii fedhiidhaan godhamuun deggerama. Taʼus, maallaqni hin sassaabamu; namni tokko ‘Hangana kenni’ jedhamee itti hin murtaaʼu ykn maallaqa akka kennu hin dirqisiifamu. Namni hundi “akkuma garaa isaatti yaadetti” akka kennuuf, saanduqawwan buusii bakkawwan walgaʼii ni kaaʼamu.—2 Qor. 9:7.

6 Maallaqni buusii godhamu adda durummaadhaan kunuunsaa fi hojii Galma Walgaʼiitti hojjetamuuf baasii taʼa. Qaamni jaarsolii, maallaqni hammi tokko hojii addunyaa maratti hojjetamu babalʼisuuf waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaatti akka ergamu murteessuu dandaʼa. Murtoon kun gumiitti dhihaatee sagaleedhaan raggaasifamuu qaba. Gumiiwwan hedduun haala kanaan hojii addunyaa maraatiif dhaabbataadhaan buusii godhu. Obboloonni hundi wanta yeroo yerootti gumichaaf barbaachisu kan hubatan yoo taʼe, irra deddeebiʼanii waaʼee buusii beeksisa himuun hin barbaachisu.

AKKAATAA MAALLAQNI BUUSII TAʼE ITTI QABAMU

7 Tokkoon tokkoon walgaʼii booda, obboloonni lama maallaqa saanduqa buusii keessa kaaʼame baasanii galmeessu. (2 Mot. 12:9, 10; 2 Qor. 8:20) Qaamni jaarsolii, maallaqni kun hamma waajjira dameetti ergamutti ykn wantoota gumiidhaaf barbaachisaniif baasii taʼutti, haala gaariidhaan akka kaaʼamu qophii barbaachisaa taʼe godhu. Obboleessi herrega gumii hojjetu, jiʼa jiʼaan gumiin akka beekuuf gabaasa qopheessa; jiʼa sadii sadiitti immoo qindeessaan qaama jaarsolii, herregichi odiitii akka taʼu qophii godha.

BAASII AANAA

8 Baasiin walgaʼii aanaatiif baʼee fi baasiiwwan aanichaa kan biroon, buusii Dhugaa Baatonni aanicha keessa jiran godhaniin deggerama. Namoonni fedhiidhaan aanichaaf buusii akka godhaniif, saanduqawwan buusii iddoo walgaʼiin aanaa itti godhamu ni kaaʼamu. Kana malees, baasii yeroo yerootti baʼuuf akka taʼuuf gumiiwwan yeroo kan biraatti buusii gochuu ni dandaʼu.

9 Hamma dandaʼametti, aanaawwan maallaqa baasii isaaniitiif barbaachisu ofuma isaaniitii kaffalachuu qabu; isa isaan irraa hafe immoo, hojii addunyaa maraatiif buusii godhu. Aanichi maallaqa baasii walgaʼii aanaatiif barbaachisu hin qabu yoo taʼe ykn baasii walgaʼii aanaa itti aanuuf barbaachisu, fakkeenyaaf kiraa galmaa kaffaluuf herrega isaa keessaa maallaqa gaʼaa hin qabu yoo taʼe, ilaaltuun ol aanaa aanichaa gumiiwwan mirga kanatti fayyadamanii buusii akka godhan akka itti himamu gaafachuu dandaʼa. Tokkoon tokkoon qaama jaarsolii erga mariʼatee booda, maallaqa gumichi aanichaaf buusii gochuu dandaʼu ni murteessa. Sana booda, buusiin sun gumiidhaaf dhihaatee sagaleedhaan raggaasifama.

10 Dhimmi maallaqaa xiyyeeffannaa jaarsolii aanicha keessa jiran hunda barbaadu yommuu uumamu, jaarsoliin aanichaa guyyaa walgaʼii aanaatti walgaʼii godhu. Baasiiwwan aanichaa dhaabbataa taʼan irraan kan hafe, baasiiwwan hundi jaarsolii aanichaatiif dhihaatanii sagaleedhaan raggaasifamuu qabu. Maallaqni sagaleedhaan raggaasifame sun hammi isaa barreeffamee yeroo baasiin aanichaa kaffalamu hundatti akka ragaatti dhihaachuu qaba.

11 Herregni aanichaa yeroo yerootti odiitii akka taʼuuf, qophiin ni godhama.

HIYYEESSOTA GARGAARUU

12 Kaayyoon Yesuusii fi barattoonni isaa saanduqa maallaqaa itti qabatan keessaa tokko, hiyyeessota gargaaruu dha. (Mar. 14:3-5; Yoh. 13:29) Yesuus ‘hiyyeeyyiin yeroo hunda isinii wajjin ni jiraatu’ waan jedheef, itti gaafatamummaan Kiristiyaanotaa kun itti fufeera. (Mar. 14:7) Maarree Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo harʼaatti itti gaafatamummaa kana raawwachaa kan jiran akkamitti?

13 Yeroo tokko tokko, obboloota amanamoo gumii keessa jiranii fi sababa dullumaatiin, rakkina qaamaatiin ykn rakkina humna isaaniitii ol taʼe kan biraatiin kan kaʼe, wanta ittiin jiraatan akka argatan gargaaruun barbaachisaa taʼuu dandaʼa. Miseensonni maatii, firoonnii fi namoonni kaan waaʼee rakkina kanaa beekanis isaan gargaaruuf kakaʼuu dandaʼu. Kun yaada Yohaannis ergamaan akkana jedhee dubbatee wajjin wal sima: “Namni qabeenya addunyaa kanaa qabu kam iyyuu obboleessi isaa utuu rakkatuu argee yoo garaa isaaf laafuu dide, jaalalli Waaqayyoo akkamitti isa keessa jiraata? Yaa ijoolle, dubbiidhaan yookiin afaaniin utuu hin taʼin, hojii fi dhugaadhaan wal haa jaallannu.” (1 Yoh. 3:17, 18; 2 Tas. 3:6-12) Waaqeffannaa dhugaan, obboloota amanamoo waan ittiin jiraatan argachuun isaan rakkisu gargaaruu dabalata.—Yaq. 1:27; 2:14-17.

14 Phaawulos ergamaan, xalayaa Ximotewosiif barreesse isa jalqabaa irratti, warra gargaarsi isaaniif maluuf, akkamitti gargaarsa gochuun akka dandaʼamu ibseera. Gorsa isaa, 1 Ximotewos 5:3-21 irraa dubbisuu dandeessa. Tokkoon tokkoon Kiristiyaanaa, wanta maatii isaatiif barbaachisu gochuuf adda durummaadhaan itti gaafatamummaan isa irra jira. Maanguddoonni ykn warri humni isaanii daangeffame, ijoollee isaanii, ijoollee ijoollee isaanii ykn firoota dhihoo irraa gargaarsa argachuu qabu. Yeroo tokko tokko, mootummaan ykn dhaabbanni gargaarsaa, gargaarsa kennuu dandaʼa; kanaafuu, firoonni ykn warri kaan namoonni kun gargaarsa kana argachuuf iyyata akka galfatan isaan gargaaruu dandaʼu. Yeroo tokko tokko guutummaan gumichaa, obbolootas taʼe obboleettota yeroo dheeraadhaaf amanamoo taʼanii jiraatanii fi gargaarsi barbaachisuuf gargaarsa akka godhu haalli dirqisiisaan uumamuu dandaʼa. Namni tokko miseensota maatii ykn firoota isa gargaaran kan hin qabnee fi dhaabbanni mootummaa gargaarsa gaʼaa isaaf kennu hin jiru yoo taʼe, qaamni jaarsolii nama kanaaf gargaarsi akka kennamu yaada dhiheessu dandaʼa. Kiristiyaanonni, warra rakkataniif wanta qaban kennuu akka mirga guddaatti ilaalu.

15 Obboloonnii fi obboleettonni hedduun, ariʼatamaan, waraanaan, kirkira lafaatiin, lolaadhaan, beelaan ykn balaawwan kan biroo guyyoota dhumaa rakkisoo taʼan kanatti uumamaniin kan kaʼe, gargaarsi isaan barbaachisuu dandaʼa. (Mat. 24:7-9) Gumiiwwan naannoo sana jiran gargaarsa kana gochuu hin dandaʼan yoo taʼe, Qaamni Ol Aanaan obboloonni bakka biraa jiran gargaarsa akka godhan qophii gochuu dandaʼa. Kun, wanta obboloonni Eeshiyaa Ishii Xinnoo keessa jiraatan yeroo beelli buʼetti akkaataa obboloota Yihudaa jiran gargaaranii wajjin wal fakkaata. (1 Qor. 16:1-4; 2 Qor. 9:1-5) Fakkeenya isaanii hordofuudhaan, obboloota keenya akka jaallannuu fi barattoota Yesuus Kiristoos warra dhugaa taʼuu keenya mirkaneessina.—Yoh. 13:35.

BARREEFAMOOTA RAABSUU

16 Kitaabni Qulqulluu fi barreeffamoonni Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan ergaa Mootummichaa babalʼisuu irratti gaʼee guddaa qabu. Yeroo baayʼee, qaamni jaarsolii, tajaajilaan gumii tokko, barreeffama gumii akka hordofu ni ramada. Obboloonni hojii kana irratti ramadaman, itti gaafatamummaa isaaniitiif bakka guddaa kennuu qabu. Barreeffamoonni gumichaaf barbaachisan gaʼaan akka jiraataniif akka gaariitti galmeessanii qabatu.

17 Kiristiyaanota Yihowaadhaaf of murteessine waan taaneef, yeroon keenya, sammuun keenya, jabinni qaamaa keenya, dandeettiin keenyaa fi qabeenyi keenya, akkasumas jireenyi keenya illee kennaa Waaqayyo biraa arganne waan taʼeef tajaajila isaatiif itti fayyadamuu akka qabnu beekna. (Luq. 17:10; 1 Qor. 4:7) Wanta qabnu hundatti karaa sirrii taʼeen fayyadamuudhaan jaalalli Yihowaaf qabnu hammam guddaa akka taʼe argisiisna. Kennaa nuti garaa guutuudhaan kenninutti akka gammadu beekuudhaan, qabeenya keenya isa gatii guddaa qabu hundaan Yihowaa kabajuu barbaanna. (Fak. 3:9; Mar. 14:3-9; Luq. 21:1-4; Qol. 3:23, 24) Yesuus, “Tola waan fudhattaniif, tola kennaa” jedheera. (Mat. 10:8) Ofii keenyas taʼe qabeenya keenya tajaajila Yihowaatiif kennuun keenya gammachuu guddaa nuuf argamsiisa.—HoE. 20:35.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi