FAARFANNAA 47
Guyyaa Guyyaadhaan Yihowaa Kadhadhaa
Isa Bifa Maxxansaan Jiru
1. Kadhannaa dhiheessaa Yihowaatti.
Nu dhagaʼa, kun mirga addaa ti.
Akka michuutti ittʼ himaa hunda,
Inni yoomiyyuu amanamaa dha.
Yeroo hunda kadhadhaa.
2. Galateeffadhaa nu jiraachisa,
Dhiifama goonaan innis nuuf dhiisa.
Waaqa keenyatti cubbuu himanna.
Uumaan beeka biyyoo taʼuu keenya.
Yeroo hunda kadhadhaa.
3. Kadhadhaa yeroo buutan rakkoorra.
Abbaan keenya nutti dhihoo jira.
Eegumsaa fi gargaarsasaa fedhaa;
Hin romʼinaa isa amanadhaa.
Yeroo hunda kadhadhaa.
(Dabalataan, Far. 65:5; Mat. 6:9-13; 26:41; Luq. 18:1 ilaali.)