KUTAA AFUR
“Qulqullina Maqaa Kootiif Nan Falma”—Waaqeffannaa Qulqulluun Haleellaa Jalaa Ni Oola
YAADA IJOO: Yihowaan yeroo rakkina guddaatti saba isaa ni oolcha
Yihowaan namoota ni jaallata, taʼus wanta raawwataniif isaan gaafata. Namoota akka isa waaqeffatan dubbatan, garuu immoo gocha isaaniitiin isa ganan ilaalchisee maaltu itti dhagaʼama? Yeroo rakkina guddaatti namoonni oolan namoota akkamii akka taʼan kan murteessu akkamitti? Yihowaan inni Waaqa jaalalaa taʼe, namoota hamoo miliyoona hedduutti lakkaaʼaman kan balleessu hoo maaliifi?