Sababa Itti Gammaddan Qabdu
SEELII xinnoo lubbuu qaburraa kaasee hamma tuuta gaalaaksota hedduu jiraniitti, uumamni hundi seeraan kan gurmaaʼedha. Uumaan, ‘Waaqa sabirii hin qabne’ waan hin taaneef, kun taʼuunsaa kan nama dinqisiisu miti. (1 Qor. 14:33) Karaan Yihowaan waaqeffannaadhaaf sabasaa itti gurmeesses kan nama dinqisiisudha. Mee wanta Yihowaan godhe hubadhu. Yihowaan ilmaan namootaa lafarra jiran, akkasumas ergamoonni miliyoona dhibbaan lakkaaʼamaniifi mirga filannaa qaban, waaqeffannaa dhugaatiin tokko akka taʼan jaarmiyaa uumama cufaa tokko keessatti walitti isaan qabeera. Kun baayʼee nama dinqisiisa!
Israaʼel durii keessatti, jaarmiyaan Waaqayyoo kutaan inni lafarraa Yerusaalem, bakka manni qulqullummaa Yihowaa itti argamuufi mootiin Waaqayyo dibe keessa jiraatuun bakka buʼa ture. Namni Israaʼel boojuudhaan Baabilon ture tokko Yerusaalemiin ilaalchisee, “Ani yoon si yaadachuu dhaabaadhe, wanta ani itti gammadu hundumaa irra Yerusaalemin yoon caalchifachuu dhaabaadhe, arrabni koo laagaa kootti haa gogu!” jechuudhaan wanta itti dhagaʼame dubbateera.—Far. 137:6.
Isinoo waaʼee jaarmiyaa Waaqayyoo akkas isinitti dhagaʼamaa? Jaarmiyaan kun hunda caalaa gammachuu isiniif argamsiisaa? Ijoolleen keessan seenaa jaarmiyaa Waaqayyoo kutaa isa lafarraafi akkaataa jaarmiyaan kun sochii itti godhu beekuu? Kutaa obbolummaa addunyaa maraa Dhugaa Baatota Yihowaa taʼuusaanii ni hubatuu? Akkasumas ni dinqisiifatuu? (1 Phe. 2:17) Dinqisiifannaan maatiin keessan jaarmiyaa Yihowaatiif qabu akka guddatu gochuuf, yaada armaan gaditti dhihaate waaqeffannaa maatii keessanirratti itti fayyadamuu dandeessu.
Waaʼee “Bara Durii” Dubbachuu
Bara durii maatiiwwan Israaʼel ayyaana Faasikaa kabajuuf waggaa waggaadhaan walgaʼu turan. Yommuu ayyaanni kun hundeeffame, Museen, “Eger-bor ilmi kee, ‘Inni ati akkas gootu kun maali?’ jedhee yommuu si gaafatu, ati immoo, ‘Waaqayyo irree jabaadhaan mana garbummaa biyya Gibxii keessaa nu baase’ [jedhii itti himi]” jedhee sabicha ajajee ture. (Bau. 13:14) Wanti Yihowaan Israaʼelootaaf godhe seenaa irraanfatamuu qabu hin turre. Dhugaadha, Israaʼeloonni abboota taʼan baayʼeen ajaja Museen kenne hordofaniiru. Dhaloota hedduu booda namni Israaʼel tokko, “Yaa Waaqayyo, nuyi gurra keenyaan dhageenyeerra, wanta ati bara durii sanatti goote, gochaa ati bara isaaniitti isaaniif raawwattes, abboonni keenya nutti himaniiru” jedhee kadhannaa dhiheesseera.—Far. 44:1.
Dargaggoota yeroo harʼaa jiraniif, seenaan Dhugaa Baatota Yihowaa waggoottan 100 darbanitti ykn isaa olitti taʼe, akka wanta “bara durii” raawwatametti isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa. Ijoolleen keessan seenaa kana akka gaariiti akka hubatan gochuu kan dandeessan akkamitti? Kana gochuuf, warri tokko tokko kitaaba Jehoovaas Wiitinasis—Prokileemarsi oov Goodsi Kiingidam, Kitaaba Waggaa ykn seenaa jireenyaa barreeffamoota keenyarratti baʼaniifi gabaasa waaʼee seenaa tiʼookraasii ibsu, akkasumas DVD haaraa seenaa saba Waaqayyoo ammayyaa qabatetti fayyadamu. Viidiyoon ariʼatama obboloonni keenya bulchiinsa Tokkummaa Sooviyeet duriifi Naazii Jarman keessatti dabarsan ibsu, maatiin Kiristiyaanotaa qorumsawwan keessatti Yihowaatti akka amanaman isaan barsiisa. Meeshaalee kana Waaqeffannaa Maatii galgala gootanirratti itti fayyadamaa. Kana gochuun keessan, ijoolleen keessan amanamummaasaanii eeguurratti rakkinni yommuu isaan mudatu amantii cimaa akka qabaatan isaan gargaara.
Haataʼu malee, ijoolleen yommuu seenaa isaan barsiistan dafanii nuffuu dandaʼu. Kanaafuu, ijoolleen keessan akka irratti hirmaatan godhaa. Fakkeenyaaf, mucaan keessan biyya barbaade tokko filatee, seenaa tiʼookraasii biyya sanaarratti qorannoo erga godhee booda barumsa argate maatichaaf akka dhiheessu gochuu dandeessu. Kiristiyaanota gumii keessanii waggoota dheeraaf amanamummaadhaan Yihowaa tajaajilan, Waaqeffannaa Maatii galgala gootanirratti akka argaman afeeruu dandeessu. Intalli keessanimmoo, muuxannoosaanii akka isinitti himaniif gaaffii akka dhiheessitu gochuu dandeessu. Yookiinimmoo, mucaan keessan fakkii hojii tiʼookraasii bakka guddaa qabu argisiisu, hojii ijaarsa waajjira dameefi walgaʼii koonyaa biyyoolessaa ykn tajaajila manaa gara manaatti meeshaa sagalee dhageessisutti yommuu fayyadaman argisiisu akka hojjetu gochuu dandeessu.
‘Dhagni Adduma Addaan Tooraan Akkamitti Akka Hojjetu’ Beekuu
Phaawulos ergamaan, gumii Kiristiyaanaa qaamaa wajjin wal fakkeessuudhaan ibseera. Caqasichi, “Buʼaan dhagnaa hundinuu wal fudhatanii, buusaa adduma addaan argataniin walitti qabsiifamaniiru; yeroo buʼaan dhagnaa adduma addaan tooraan hojjetuttis, dhagnichi in guddata, jaalalaanis of in cimsa” jedha. (Efe. 4:16) Haala qaamni keenya itti hojjetu barachaa yommuu adeemnu, dinqisiifannaafi kabajni Uumaa keenyaaf qabnus dabalaa adeema. Haaluma wal fakkaatuun, gumiin addunyaa maratti argamu akkamitti akka hojjetu yommuu qorru, haalli “ogummaan Waaqayyoo inni dachaa baayʼee qabu” itti mulʼatu nu dinqisiisa.—Efe. 3:10.
Yihowaan kutaa isa samii dabalatee, akkaataa jaarmiyaansaa itti hojjetu nuu ibseera. Fakkeenyaaf Yihowaan, jalqabarratti Yesus Kiristosiif mulʼata akka kenne, achiis Yesus ‘ergamaa waaqarraa ergee hojjetaasaa Yohannisitti akka beeksise’ nutti hima. (Mul. 1:1, 2) Waaqayyo kutaan jaarmiyaasaa inni ijaan hin mulʼanne haala kanaan akka hojjetu erga ifa nuu godhee, jaarmiyaansaa inni lafarraa ‘dhagna adduma addaan tooraan hojjetu’ taʼuusaa akka beeknu akka barbaadu hin shakkisiisu!
Fakkeenyaaf, daawwataan olaanaa aanaa dhiheenyatti gumii keessan kan daawwatu yoo taʼe, maatii keessanii wajjin taʼuudhaan hojiin inni hojjetu maal akka taʼeefi eebba tajaajila kanarraa argatu hubachuuf maaliif yaalii hin gootan? Daawwattoonni olaanaa aanaa tokkoon tokkoon keenyaaf gargaarsa kan godhan akkamitti? Gaaffiiwwan kan biroo kanneen akka armaan gadiirrattis yaaduu dandeenya: Gabaasa tajaajilaa dhiheessuun maaliif barbaachise? Jaarmiyaan Waaqayyoo gargaarsa qarshii kan argatu akkamitti? Qaamni Olaanaan kan gurmaaʼe, akkasumas nyaata hafuuraa kan dhiheessu akkamitti?
Akkaataa sabni Yihowaa itti gurmaaʼe yommuu hubannu, yoo xinnaate karaa sadiin faayidaa argachuu dandeenya: Dinqisiifannaan obboloota itti gaafatamummaa qabaniifi jabaatanii hojjetaniif qabnu ni guddata. (1 Tas. 5:12, 13) Namoota Yihowaan jaarmiyaasaa keessatti murtoowwan inni godhu raawwachiisuuf itti fayyadamuu wajjin walii galuudhaan qajeelfama isaan nuu kennan hordofuuf kakaana. (HoE. 16:4, 5) Akkasumas, murtoofi qajeelfama Caaffata Qulqullaaʼoorratti hundaaʼuudhaan kennaman ilaalchisee, amanannaan obboloota itti gaafatamummaa qabaniif qabnu ni guddata.—Ibr. 13:7.
“Dallaa Ishee Yaadaan Qabaa”
“Mandara Xiyoon naannaʼaa, ishees marsaa, riqaa dhagaa ishee keessatti ijaaramanis lakkaaʼaa! Dhaloota dhufutti akka himtaniifis dallaa ishee yaadaan qabaa, mana ishee warra jajjaboo keessa adeemaa!” (Far. 48:12, 13) Asirratti faarfatichi Israaʼeloonni Yerusaalemiin akka gaariitti akka ilaalan isaan jajjabeesseera. Maatiiwwan Israaʼel ayyaana waggaa waggaadhaan kabajamurratti argamuuf gara Yerusaalem dhaqanii mana qulqullummaa dinqisiisaa taʼe yommuu argan, gammachuun akkamii akka isaanitti dhagaʼamu tilmaamuu dandeessaa? Waan kana “dhaloota dhufutti” himuuf akka kakaʼan hin shakkisiisu.
Mootuu biyya Sheebaa, ishee jalqabarratti bulchiinsa gaariifi ogummaa guddaa Solomoon qabu shakkitee turte yaadi. Wantoonni isheen dhageesse dhugaa taʼuusaanii akka amantu kan ishee godhe maalidha? Mootuun tun, “Hamma ani ofii kootii dhufee isa argutti wanta anatti himame sana amanuu hin dandeenye” jettee turte. (2 Sen. 9:6) Eeyyee, wanta tokko ija keenyaan ‘arguun’ jijjiirama guddaa fiduu dandaʼa.
Ijoolleen keessan jaarmiyaa Yihowaa isa dinqisiisaa taʼe ijasaaniitiin akka ‘argan’ gargaaruu kan dandeessan akkamitti? Waajjirri damee Dhugaa Baatota Yihowaa naannoo keessan jira taanaan, dhaqxanii daawwachuuf carraaqqii godhaa. Fakkeenyaaf, Maandiiniifi Betaaniin bakki isaan itti guddatan Betʼel biyyasaaniitti argamurraa kiilomeetira 1,500 fagaata. Taʼus, warrisaanii ijoollee durbaa kanaa wajjin xinnummaasaaniitii kaasanii irra deddeebiʼanii daawwachuuf sagantaa baafatan. “Betʼeliin daawwachuu keenya dura, bakki kun baayʼee kan namatti ulfaatuufi maanguddoonni qofti keessa kan jiraatan nutti fakkaata ture” jedhaniiru. “Haataʼu malee, dargaggoota garaa guutuudhaan Yihowaa tajaajilaniifi gammachuudhaan hojjetan argineerra! Jaarmiyaan Yihowaa naannoo xiqqoo nuti jiraannurra balʼaa akka taʼe hubanneerra. Akkasumas, daawwannaan Betʼelitti goone karaa hafuuraa akka jabaannu nu gargaareera.” Maandiiniifi Betaaniin jaarmiyaa Waaqayyoo ilaaluunsaanii, qajeelchaa akka taʼan kan isaan kakaase yommuu taʼu, Betʼel keessatti yeroodhaaf tajaajiluufis mirga argataniiru.
Israaʼeloota duriirraa haala adda taʼeen, karaa itti jaarmiyaa Yihowaa ‘arguu’ dandeenyu qabna. Waggoottan dhihoodhaa asitti sabni Waaqayyoo viidiyoowwaniifi DVD addaddaa waaʼee jaarmiyaa Waaqayyoo ibsan kanneen akka, Jehoovaas Wiitinasis—Orgaanaayizdi tuu Sheer za Gud Niiwus, Aawar Ool Asooseeshin of Biraazarsi, Tuu za Eends oov za Eerzi, akkasumas Yunaayitid baay Divvaayiin Tiichiingi jiran argataniiru. Maatii keessanii wajjin obboloota Betʼel keessatti jabaatanii hojjetan, obboloota hojii gargaarsaarratti hirmaatan, misiyoonota, akkasumas obboloota walgaʼiiwwan gurguddaa qindeessan yommuu argitan, dinqisiifannaan obbolummaa addunyaa maraatiif qabdan akka guddatu beekamaadha.
Gumiin saba Waaqayyoo hundi, misraachoo labsuufi Kiristiyaanota miseensa gumiisaanii taʼan gargaaruudhaan gaʼee barbaachisaa taʼe raawwatu. Taʼus, maatii keessanii wajjin “obboloota keessan warra guutummaa biyya lafaa keessa” jiran yaadachuuf yeroo ramadaa. Akkas gochuun keessan sababii itti gammaddan akka qabdan hubachuudhaan, isiniifi ijoolleen keessan ‘amantiitti jabaattanii’ akka jiraattan isin gargaara.—1 Phe. 5:9.
[Saanduqa/Fakkii fuula 18]
Jaarmiyaa Waaqayyoo—Mataduree Qayyabannaadhaaf Barbaachisaa Taʼe
Waaʼee seenaafi hojii jaarmiyaa Yihowaa ilaalchisee, namoonni hedduun beekumsa dabalataa akka argatan isaan gargaaruuf meeshaalee itti fayyadamuu dandeenyu hedduu qabna. Gaaffiiwwan armaan gadii namoota gargaaruudhaaf si fayyaduu dandaʼu:
☞ Hojiin daawwattoonni olaanaa yeroo harʼaa raawwatan kan jalqabame akkamitti?—Masaraa Eegumsaa, Sadaasa 15, 1996, fuula 10-15. (Amaariffa)
☞ Mataduree “Guyyaa Ijoollee” jedhuun Walgaʼiin Koonyaa bara 1941tti dhihaate akka yaadatamu kan godhu maalidha?—Masaraa Eegumsaa Adoolessa 15, 2001 fuula 8. (Amaariffa)
☞ Qaamni Olaanaa murtoowwan kan godhu akkamitti?—Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo “Guutummaatti Dhugaa Baʼuu” (“Beeriingi Sooroow Wiitnas” Abaawut Goodsi Kiingidam,) fuula 108-114. (Ingiliffa)