LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w12 4/15 ful. 32
  • Ni Yaadattaa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Ni Yaadattaa?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yeroo qayyabannaa caalaatti buʼa qabeessa gochuu kan dandeenyu akkamitti?
  • “Guyyaa Hundumaa Isinii Wajjin Nan Jira”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • ‘Qajeeltonni Akka Biiftuu In Ifu’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • Fakkeenya Waaʼee Qamadii fi Inkirdaadaa Dubbatu
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2018
  • ‘Ati Dubartii Miidhagduu Dha’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2017
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
w12 4/15 ful. 32

Ni Yaadattaa?

Barruulee Masaraa Eegumsaa dhiheenyatti baʼan dubbisuudhaan faayidaa argatteettaa? Mee gaaffiiwwan armaan gadii deebisuu yaali:

Fakkeenyi Solomoon akeekkachiisa nuuf taʼa kan jennu maaliifi?

Waaqayyo Solomoon Mooticha eebbiseera; akkasumas isatti fayyadameera. Haataʼu malee Solomoon bulchiinsasaa keessatti, gorsa Waaqayyoo utuu hin hordofin hafeera. Intala Faraʼoon dabalatee haadhotii manaa waaqayyolii tolfamoo waaqeffatan hedduu fuudheera, dubartoonni sunis suutuma suuta waaqeffannaa sobaatti isa geessaniiru. Nuyis suutuma suuta ilaalcha ykn amala gadhee akka hin qabaanne of eeggannoo gochuu qabna. (Kes. 7:1-4; 17:17; 1 Mot. 11:4-8)​—12/15, fuula 10-12.

Jaarraa tokkoffaatii jalqabee yeroo hundumaa Kiristiyaanonni dibamoon amanamoo taʼan lafarra akka jiraatan kan argisiisu maalidha?

Fakkeenya Yesus waaʼee ‘qamadiifi inkirdaadaa’ dubbaterratti “sanyiin gaariin ilmaan mootummaa ti.” (Mat. 13:24-30, 38) Qamadiifi inkirdaadni hamma yeroo midhaan sassaabamutti waliin guddatu. Kanaaf gareen kutaa qamadii dibamtootatti fakkeeffame eenyufaa akka taʼan afaan guunnee dubbachuu akka hin dandeenye beekamaadha; taʼus gareen kun hamma bara keenyaatti yeroo hunda jiraachaa akka turan dubbachuu dandeenya.​—1/15, fuula 7.

Hinaaffaarraa fagaachuu kan dandeenyu akkamitti?

Wantoota hinaaffaarraa fagaachuuf nu gargaaruu dandaʼan armaan gaditti caqasamaniiru: Jaalala obbolummaa guddifachuuf carraaquu, namoota Yihowaa waaqeffatan michuu godhachuu, wanta gaarii hojjechuuf carraaquufi ‘warra gammadanii wajjin gammaduu.’ (Rom. 12:15)​—2/15, fuula 16-17.

Yeroo gorsa kenninu, seerawwan buʼuuraa warra kam yaadatti qabachuu qabna?

Haalasaa sirriitti hubadhaa. Ariitiidhaan deebii hin kenninaa. Gad of deebisuudhaan Dubbii Waaqayyoo hojiirra oolchaa. Dandaʼamnaan barreeffamoota hojjetaan amanamaafi ogeessi qopheessetti fayyadamaa. Warra kaaniif murteessuuf yaaluurraa of qusadhaa.​—3/15, fuula 7-9.

Abbootiin ilmaansaaniitti caalaatti dhihaachuu kan dandaʼan akkamitti?

Ijoolleen dhiiraa abbaasaanii fakkaachuuf fedhii qabu. Kanaaf, wantoonni abbootiin ilmaansaaniitti akka gaariitti dhihaachuuf isaan gargaaran armaan gaditti caqasamaniiru: Ilmaansaanii xinnoo taʼanii yommuu jiranitti jalqabuu, wanta isaan gammachiisurratti waliin hirmaachuufi amanannaa ofirratti qaban akka guddifatan gochuudha.​—Ama.-Bit. fuula 18.

Ulfa baasuun dogoggoraa?

Lubbuun fuula Waaqayyoo duratti bakka guddaa waan qabuuf, ulfa gadameessa keessatti reefuu uumamellee akka nama taʼetti ilaala. (Faarfannaa 139:16) Akka Seericha keessatti caqasametti, namni mucaa gadameessa keessa jiru ajjeesu Waaqayyo duratti akka itti gaafatamu dubbata. (Baʼuu 20:13; 21:22, 23)​—Ama.-Bit. fuula 24.

Yeroo qayyabannaa caalaatti buʼa qabeessa gochuu kan dandeenyu akkamitti?

Beekumsa Yihowaa, isa Madda ogummaa hundumaa taʼerraa argamu gad fageenyaan qoruun mirga guddaadha. (Rom. 11:33) Kanaaf, qayyabannaa yeroo goonu, jalqaba Yihowaan yaadaafi garaa gaarii, akkasumas hafuura qulqulluu akka nuu kennu kadhachuu qabna. Achiis al tokko tokko gidduutti dhaabuudhaan waan dubbisnerratti xiinxaluun keenya gaarii taʼa. Wanta barannes sirriitti hordofuudhaan sochii guyyaa guyyaadhaan goonu keessatti hojiirra oolchuuf carraaqqii gochuu qabna. Tarkaanfiiwwan barbaachisaa taʼan kana fudhachuun, qayyabannaan keenya caalaatti gammachiisaafi buʼa qabeessa akka taʼu godha.​—1/15 fuula 15.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi