Gaaʼela Isa Kennaa Waaqayyoo Taʼe Ni Dinqisiifattaa?
“Waaqayyo, mana itti uffee jettan akka argattaniif bultii isiniif haa kennu!”—RUT. 1:9.
DEEBIISAANII ARGACHUUF YAALI:
Tajaajiltoonni Waaqayyoo durii gaaʼela isa kennaasaa taʼe dinqisiifataniiru kan jennu maaliifi?
Yihowaan carraaqqii hiriyaa gaaʼelaa filachuuf goonuuf xiyyeeffannaa akka kennu akkamitti beekna?
Gaaʼela ilaalchisee gorsa Macaafni Qulqulluun kennu kam hojiirra oolchuuf yaaddeetta?
1. Addaam haadha manaa argachuusaatti maal akka isatti dhagaʼame ibsi.
“AMMA reefuu taʼe; isheen kun lafeen ishee lafee koo keessaa, foon ishees foon koo irraa fuudhame; isheen kun namattii waan argamteef, ‘Namee’ jedhamtee haa waamamtu!” (Uma. 2:23) Nama jalqabaa kan taʼe Addaam haadha manaa argachuusaatti baayʼee gammadeera! Kanaaf, waaʼeeshee walaloodhaan dubbachuunsaa kan nama dinqisiisu miti! Yihowaan Addaam rafee akka of wallaalu erga godhee booda, cinaachasaa isa tokkorraa dubartii bareedduu kana uume. Achiis Addaam dubartii kana Hewwaan jedhee moggaase. Waaqayyo namoota lamaan kana gaaʼela gammachuu qabuun tokko godheera. Yihowaan cinaacha Addaam isa tokkorraa Hewwaaniin waan uumeef, hiriyoota gaaʼelaa yeroo harʼaa jiran kamiyyuu caalaa baayʼee walitti dhihaatu turan.
2. Dhiiraafi dubartiin kan walitti dhihaatan maaliifi?
2 Yihowaan ogummaasaa isa hangana hin jedhamneen, namoonni saala faallaatiif jaalala qabaachuu akka dandaʼan godhee kan uume siʼa taʼu, kunis dhiiraafi dubartiin tokko akka walitti dhihaatan godha. Kitaabni Za Worlid Buuk Insaayikilooppeediyaa jedhamu, “Dhiiraafi dubartiin gaaʼela godhatan tokko saalqunnamtii raawwachuufi jaalala barabaraa waliif qabaatu” jedheera. Haalli akkasii saba Yihowaa gidduutti yeroo baayʼee ni mulʼata.
GAAʼELA ISA KENNAA TAʼEEF GALATEEFFANNAA QABU TURAN
3. Yisihaq haadha manaa kan argate akkamitti?
3 Abrahaam inni amanamaa taʼe gaaʼelaaf ilaalcha guddaa qaba ture. Kanaaf ilmasaa Yisihaqiif haadha manaa akka barbaaduuf hojjetaasaa isa jaarsa gara Mesophotaamiyaatti erge. Yeroo kanatti kadhannaan hojjetaan kun dhiheesse buʼaa gaarii argamsiiseera. Ribqaan isheen Waaqayyoon sodaattu Yisihaqiif haadha manaa jaallatamtuu taʼuudhaan sanyiin Abrahaam akka itti fufu gochuurratti gaʼee argattee turte. (Uma. 22:18; 24:12-14, 67) Seenaan kun dhiirri ykn dubartiin tokko ilaalcha gaarii waan qabaniif qofa, hiriyaa gaaʼelaa gaarii taʼuu dandaʼu jennee akka yaannu nu hin godhu. Namoonni yeroo harʼaa jiran hedduun hiriyaa gaaʼelaa ofumasaanii filatu. Waaqayyo yeroo harʼaa hiriyaa gaaʼelaa akka namaa hin fille beekamaadha. Haataʼu malee, Kiristiyaanni tokko dhimma kanas taʼe kan biraa ilaalchisee qajeelfama argachuuf kan kadhatuufi hafuura qulqulluutiin kan geggeeffamu taanaan Waaqayyo isa gargaaruu dandaʼa.—Gal. 5:18, 25.
4, 5. Shulaamittiifi tikseen sun garaadhaa wal jaallatu turan akka jettu kan si godhe maalidha?
4 Shamarreen bareedduun, Shulaamittiin Israaʼel durii keessa turte, haadhotii manaa Solomoon Mootichaa hedduu keessaa tokko akka taatuuf michoonnishee dhiibbaa akka isheerratti godhan hin barbaanne. Kanaaf, “Yaa intaloota Yerusaalem, [jaalalli] koo hamma inni ofiin kaʼutti, akka hin dammaqsine, isin nan kaksiisa” jetteetti. (Wed. 8:4) Shulaamittiifi tikseen tokko baayʼee wal jaallatu turan. Shamarreen kun gad of deebisuudhaan, “Ani arfaasee Shaaron, daraaraa dachaa keessaa ti” jetteetti. Tikseen sunis deebisee, “Hiriyeen koo durboota gidduutti, akka daraaraa qoraattii keessa jiruu ti” jedheera. (Wed. 2:1, 2) Dhugumayyuu lamaanuu garaadhaa wal jaallatu turan.
5 Shulaamittiifi tikseen kun hunda caalaa Waaqayyoon waan jaallataniif, gaaʼellisaanii cimaa taʼuu dandaʼa. Shulaamittii kun jaalalleeshee isa tiksee taʼeen akkas jetteetti: “Akka mallattootti garaa keettii fi irree keetti na mallatteeffadhu! Jaalalli jabaa akka duʼaa ti, hinaaffaan gara-jabeessa akka awwaalaa ti; arrabni isaas akka arraba ibiddaa [“giimii ibiddaa akka bobaʼaa Waaqayyooti” hiika bara 1899] ti, akka giimii ibiddaa isa xaph godhuu ti. Bishaan baayʼeen iyyuu ibidda jaalalaa hin dhaamsu, lolaanis haree isa hin balleessu; namni qabeenya qeʼee isaa jiru hundumaan jaalala bitachuu barbaaduun gowwummaa dha.” (Wed. 8:6, 7) Namni Yihowaa tajaajilu tokko, nama hiriyaa gaaʼelaa godhachuu barbaadurraa ulaagaa akkasii akka guutu eeguu hin qabuuree?
FILANNOO WAAQAYYO DURATTI BAKKA GUDDAA QABU
6, 7. Yihowaan carraaqqii hiriyaa gaaʼelaa filachuuf goonuuf xiyyeeffannaa kan kennu taʼuusaa akkamitti beekna?
6 Yihowaan hiriyaa gaaʼelaa filachuuf carraaqqii isin gootaniif xiyyeeffannaa kenna. Namoota biyya Kanaʼaan jiraatanii wajjin haala wal qabateen, Israaʼelootaaf abboommiin akkas jedhu kennamee ture: “Isaanitti hin soddoomin, intaloota kee ilmaan isaaniitti hin heerumsiisin, ilmaan kees intaloota isaanii hin fuusisin! Kanaa achi isaan ilmaan kee waaqayyolii biraaf akka hojjetaniif Waaqayyo biraa in deebisu, dheekkamsi Waaqayyoo si irratti in bobaʼa, dafees si balleessa.” (Kes. 7:3, 4) Izraa lubichi jaarraa hedduu booda, “Isin hin amanamne, intaloota ormaa fuudhuun keessan yakka Israaʼel irratti yakka dabaltaniittu” jedhee ture. (Ez. 10:10) Phaawulos ergamaanis Kiristiyaanota hidhatasaa taʼaniin, “Haati manaa, hamma abbaan manaa ishee jirutti seera gaaʼelaatiin isatti hidhamtee jiraatti. Erga abbaan manaa ishee duʼee garuu, abbaa feetetti heerumuu in dandeessi, garuu nama amanetti haa heerumtu” jedheera.—1 Qor. 7:39.
7 Namni Waaqayyoof of murteesse tokko nama Yihowaatti hin amanee wajjin gaaʼela yoo godhate abboommiisaa cabseera jechuudha. Israaʼeloonni bara Izraa turan, ‘intaloota ormaa fuudhuudhaan’ gorsa Caaffata Qulqullaaʼoo ifa taʼe tuffachuudhaan amanamoo utuu hin taʼin hafaniiru. (Ez. 10:10; 2 Qor. 6:14, 15) Kiristiyaanni nama Yihowaatti hin amannee wajjin gaaʼela godhatu fakkeenya taʼuu hin dandaʼu; kana malees gaaʼela isa kennaa Waaqayyoo taʼeef dinqisiifannaa akka hin qabne argisiisa. Dhugaa Baatuun tokko erga cuuphamee booda gaaʼela akkasii keessa seenuunsaa saba Waaqayyoo gidduutti mirga tokko tokko isa dhabsiisuu dandaʼa. Kana malees, ‘Yihowaa, ani taʼe jedhee seerakee cabseera, waanuma fedheefuu na eebbisi’ jedhanii kadhachuudhaan eebba argachuun waan hin dandaʼamnedha.
ABBAAN KEENYA INNI SAMII HUNDA CAALAA BEEKA
8. Gaaʼela ilaalchisee qajeelfama Waaqayyoo hordofuu kan qabnu maaliif akka taʼe ibsi.
8 Namni maashinii tokko hojjete, maashinii sanaan akkamitti ittiin hojjechuun akka dandaʼamu beeka. Kutaawwan maashinii kanaa walitti suphuun yoo barbaachise, qajeelfama waaʼee meeshichaa gad fageenyaan ibsu nuu kennuu dandaʼa. Qajeelfama namichaa fudhachuu dhiisnee karaa mataa keenyaan meeshicha walitti suphuuf yoo yaalle maaltu uumama? Maashinichi yoo hojjetellee balaa guddaan uumamuu dandaʼa. Haaluma wal fakkaatuun, gaaʼela gammachiisaa taʼe qabaachuu yoo barbaanne, qajeelfama Yihowaan inni gaaʼela hundeesse kenne hordofuu qabna.
9. Yihowaan miira kophummaas taʼe, gammachuu gaaʼela keessatti argamuu dandaʼu beeka kan jennu maaliifi?
9 Yihowaan waaʼee ilmaan namootaafi waaʼee gaaʼelaa waan hundumaa beeka. Namoonni ‘horanii akka baayʼataniif’ keessasaaniitti fedhii saalqunnamtii uumeera. (Uma. 1:28) Waaqayyo dubartii jalqabaa uumuusaa dura, “Namichi kophaa isaa taʼuun gaarii miti; kan akka isaatii kan isa gargaartu, ani isaaf nan tolcha” waan jedheef miira kophummaa namatti dhagaʼamu ni hubata. (Uma. 2:18) Yihowaan gammachuu namni tokko gaaʼela keessatti argachuu dandaʼus guutummaatti beeka.—Fakkeenya 5:15-18 dubbisi.
10. Hiriyoonni gaaʼelaa saalqunnamtii ilaalchisee qajeelfama kam hordofuu qabu?
10 Cubbuufi mudaa Addaamirraa ilmaan namootaatti darbeen kan kaʼe, gaaʼelli yeroo harʼaa jiru hundi mudaa kan qabu taʼeera. Tajaajiltoonni Yihowaa garuu Dubbii Waaqayyoo yoo hojiirra oolchan gammachuu argachuu dandaʼu. Fakkeenyaaf gorsa ifaa Phaawulos hiriyoota gaaʼelaatiif kenne ilaalaa. (1 Qorontos 7:1-5 dubbisi.) Caaffanni Qulqullaaʼoon hiriyoonni gaaʼelaa saalqunnamtii kan raawwatan ijoollee godhachuuf qofa akka taʼe hin dubbatu. Hariiroon akkasii karaa miiraafi qaamaa fedhiisaanii guutuufii dandaʼa. Gochi jalʼaan garuu Waaqayyoon akka hin gammachiisne beekamaadha. Kiristiyaanonni hiriyaa gaaʼelaa taʼan, hariiroo jireenyasaanii keessatti iddoo guddaa qabu kana karaa jaalala dhugaa walitti argisiisuuf isaan gargaaruun gaarummaadhaan itti fayyadamuu akka barbaadan hin shakkisiisu. Kanaaf gocha Yihowaa hin gammachiisne kamirraayyuu fagaachuu qabu.
11. Ruut wanta tokko karaa Yihowaan barbaaduun raawwachuunshee eebbaa kan argamsiiseef akkamitti?
11 Hiriyoonni gaaʼelaa gaddaan utuu hin taʼin, gammachuudhaan guutamuu qabu. Keessumaa manni Kiristiyaana tokkoo bakka boqonnaafi nagaa itti argatan taʼuu qaba. Waggaa 3,000 dura yommuu Naaʼomii isheen maanguddoo taateefi haadhotii manaa ilmaanshee Orphaafi Ruut biyya Moʼaabii gara Yihudaatti deebiʼan wanta raawwatame ilaalaa. Naaʼomiin, dubartoonni kun gara sabasaaniitti akka deebiʼan isaan kadhattee turte. Ruut isheen nama Moʼaab taate Waaqa dhugaadhaaf amanamtuu taatee Naaʼomiitti kan maxxante siʼa taʼu, ‘Waaqa isa bobaasaa jalatti kooluu galte biraa waan gaarii’ akka argattu mirkanaaʼaa taateetti. (Rut. 1:9; 2:12) Ruut gaaʼela isa kennaa Waaqayyoo taʼeef dinqisiifannaa akka qabdu argisiisuudhaan, Boʼaz maanguddicha isa Yihowaa waaqeffatutti heerumteetti. Ruut addunyaa haaraa keessatti duʼaa kaatee abaabilii Yesus Kiristos taʼuushee yommuu beektu baayʼee akka gammaddu hin shakkisiisu. (Mat. 1:1, 5, 6; Luq. 3:23, 32) Wanta tokko karaa Yihowaan barbaaduun raawwachuunshee eebbaa guddaa argamsiiseeraaf.
GORSA GAARII GAAʼELLI MILKAAʼAA AKKA TAʼUUF GARGAARU
12. Namni tokko gaaʼela ilaalchisee gorsa gaarii eessaa argachuu dandaʼa?
12 Yihowaan inni gaaʼela hundeesse gaaʼela keessatti milkaaʼina argachuuf wanta beekuu qabnu nutti himeera. Gama kanaan namni hammasaa beeku hin jiru. Wanti Macaafni Qulqulluun dubbatu yeroo hunda sirrii siʼa taʼu, namni tokko ulaagaa achi keessa jiru qoruudhaan gaaʼela ilaalchisee gorsa gaarii argachuu dandaʼa. Fakkeenyaaf Phaawulos hafuuraan geggeeffamee, “Dubbiin kun isinis immoo in ilaala; tokkon tokkon abbaa manaa akkuma kanatti haadha manaa isaa akka ofii isaatiitti haa jaallatu; haati manaas abbaa manaa isheetiif ulfina haa kennitu!” jedhee barreesseera. (Efe. 5:33) Gorsa Macaafa Qulqulluu keessatti argamu akkasii hubachuun Kiristiyaana gaʼeessa taʼe tokkotti hin ulfaatu. Gaaffiin kaʼu garuu, ‘Dubbii Yihowaa hojiirra ni oolchaa?’ kan jedhudha. Gaaʼela isa kennaa taʼe dhugumaan kan dinqisiifatu taanaan hojiirra akka oolchu beekamaadha.a
13. Gorsa 1 Phexros 3:7rra jiru hojiirra oolchuu dhiisuun maal geessisuu dandaʼa?
13 Abbaan manaa Kiristiyaana taʼe tokko haadha manaasaa jaalalaan kunuunsuu qaba. Phexros ergamaan akkas jedhee barreesseera: “Akkasuma isinis dhiirota nana, dubartoota keessaniif beekaatii wajjin jiraadhaa! Walii wajjin jireenya isa tola isiniif kennamutti galuuf waan jirtaniif, kadhanni keessan gufuu argatee akka hin ittifamnetti, dubartii keessan akka gar tokko[o] dhagna keessanii isa dadhabaatti ulfina kennaaf[ii]!” (1 Phe. 3:7) Abbaan manaa tokko gorsa Yihowaa hojiirra hin oolchu taanaan kadhannaansaa ittifamuu dandaʼa. Hiriyoonni gaaʼelaa lamaanuu hariiroo isaan Yihowaa wajjin qaban mancaʼuu dandaʼa. Akkasumas garmalee dhiphachuu, wal falmuufi miidhaa walirraan geessisuu dandaʼu.
14. Haati manaa jaalala qabdu maatiisheerratti dhiibbaa akkamii geessisuu dandeessi?
14 Haati manaa Dubbii Yihowaafi hafuura qulqulluutiin geggeeffamtu mannishee bakka nagaafi gammachuu qabu akka taʼu gochuurratti gaʼee guddaa qabdi. Abbaan manaa Waaqayyoof bulus haadha manaasaatiif karaa qaamaas taʼe karaa hafuraa eegumsa gochuun dirqama isarra jirudha. Haati manaasaa jaalalasaa argachuu kan barbaaddu siʼa taʼu, kunimmoo gamasheetiin wanta akka jaallatamtu ishee godhu raawwachuu gaafata. Fakkeenyi 14:1, “Dubartoonni ogeeyyiin hundinuu mana isaanii in ijaaru, warri gowwoonni garuu, harka isaaniitiin mana ofii isaanii in diigu” jedha. Haati manaa ogeettiifi jaallatamtuu taate milkaaʼinaafi gammachuu maatiisheetiif gumaacha guddaa gooti. Kana malees, gaaʼela isa kennaa Waaqayyoo taʼeef dinqisiifannaa guddaa akka qabdu argisiisti.
15. Efesoon 5:22-25rraa gorsa akkamii arganna?
15 Abbaan manaafi haati manaa gaaʼelasaanii keessatti akkaataa Yesus gumiisaa itti qabe hordofan gaaʼela isa kennaa Waaqayyoo taʼeef galateeffannaa akka qaban argisiisu. (Efesoon 5:22-25 dubbisi.) Hiriyoonni gaaʼelaa dhugumaan yoo wal jaallatan, kooruurraa, waliin ooduurraa ykn amala gadhee gaaʼela miidhurraa yoo fagaatan eebba guddaa argatu.
EENYUYYUU GARGAR ISAAN HIN BAASIN
16. Kiristiyaanonni tokko tokko qeentee taʼanii kan jiraatan maaliifi?
16 Namoonni hedduun yeroo taʼe tokkotti gaaʼela godhachuuf kan yaadan taʼus, tajaajiltoonni Yihowaa tokko tokko hiriyaa gaaʼelaa, isaaniinis taʼe Yihowaa gammachiisu argachuu waan hin dandeenyeef qeentee taʼanii jiraachuu filataniiru. Kaanimmoo akka kennaatti qeentee taʼuu Waaqayyo biraa waan argataniif, gaaʼelaan utuu yaannisaanii hin hihhiramin garaa guutuudhaan Yihowaa tajaajilu. Kiristiyaanonni qeentee taʼan tajaajila Yihowaarratti yeroo dheeraa dabarsuu waan dandaʼaniif, yeroo qeentee taʼanii jiraatanitti gammachuu argachuu dandaʼu.—Mat. 19:10-12; 1 Qor. 7:1, 6, 7, 17.
17. (a) Gaaʼela ilaalchisee wanta Yesus dubbate kam yaadachuu qabna? (b) Kiristiyaanni tokko hiriyaa gaaʼela nama kaanii hawwuu yoo jalqabe dafee maal gochuu qaba?
17 Qeentee kan taanes taʼe, gaaʼela kan godhanne, hundi keenya wanta Yesus akkas jedhee dubbate yaadachuu qabna: “Waaqayyo inni jalqabatti isaan uume ‘Dhiiraa fi dubartii akka uume’ hin dubbifnee ree? Itti dabalees, ‘Sababii kanaaf dhiirri abbaa isaa fi haadha isaa in dhiisa haadha manaa isaattis in maxxana; isaan lachanuus foon tokko in taʼu.’ Egaa isaan lama miti, foon tokko malee; kanaafis waan Waaqayyo walitti qabsiise, namni gargar hin baasin!” jedheera. (Mat. 19:4-6) Hiriyaa gaaʼelaa nama kaanii hawwuun cubbuudha. (Kes. 5:21) Kiristiyaanni tokko hawwiin akkasii keessasaatti uumamuu yoo jalqabe, amala xuraaʼaa akkasii of keessaa baasuun dhiphina guddaa kan geessisu yoo taʼellee dafee of keessaa baasuu qaba. (Mat. 5:27-30) Ilaalchaafi hawwa cubbuu garaan keenya inni haxxeen barbaadu akkasii moʼuun keenya barbaachisaadha.—Er. 17:9.
18. Gaaʼela isa kennaa Waaqayyoo taʼeef ilaalcha akkamii qabda?
18 Namoonni waaʼee Yihowaafi waaʼee gaaʼela isa kennaa Waaqayyoo dinqisiisaa taʼee xinnoo beekanis taʼe homaayyuu hin beekne hedduun, gaaʼelaaf hamma tokko galateeffannaa akka qaban ni argisiisu. Nuti warri Yihowaa isa ‘Waaqa gammadaa’ taʼeef of murteessine, namoota kana caalaa kennaasaa hundatti akka gammannuufi gaaʼela kennaa Waaqayyoo taʼe dhugumaan akka dinqisiifannu argisiisu hin qabnuuree?—1 Xim. 1:11, NW.
[Miiljalee]
a Gaaʼela ilaalchisee ibsa dabalataa argachuuf, kitaaba “Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa” jedhamu boqonnaa 10fi 11 ilaali.
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 6rra jiru]
Gaaʼelli gaariin Yihowaadhaaf ulfina fida; miseensonni maatii hundis gammachuu akka argatan godha
[Fakkii fuula 5rra jiru]
Ruut gaaʼela isa kennaa Waaqayyoo taʼeef dinqisiifannaa akka qabdu argisiistetti
[Fakkii fuula 7rra jiru]
Gaaʼela isa kennaa Yihowaa taʼeef dinqisiifannaa guddaa akka qabdu ni argisiistaa?