‘Hafuura Qulqulluudhaan Geggeeffamaniiru’
“Raajii dubbachuun takkaa jaalala namaatiin hin taane; garuu namoonni hafuura qulqulluudhaan geggeeffamanii, wanta Waaqayyo biraa fudhatan dubbataniiru.”—2 PHE. 1:21.
QABIXIIWWAN IRRATTI XIINXALUUF GARGAARAN
Ergaan Waaqayyoo karaa hafuura qulqulluutiin barreessitoota Macaafa Qulqulluu bira kan gaʼe akkamitti?
Macaafni Qulqulluun hafuura Waaqayyootiin akka barreeffame ragaan argisiisu kamidha?
Dinqisiifannaa Dubbii Waaqayyootiif qabdu eegdee jiraachuuf guyyaa guyyaadhaan maal gochuu dandeessa?
1. Dubbiin Waaqayyoo inni geggeessaa hafuuraatiin barreeffame kan nu barbaachisu maaliifi?
JIREENYA kan arganne akkamitti? Lafarra kan jiraannu maaliifi? Garamitti deemaa jirra? Haalli addunyaa akkas kan taʼe maaliifi? Yeroo duunu maal taana? Namoonni addunyaarra jiran gaaffiiwwan kana gaafatu. Dubbii Waaqayyoo isa geggeessaa hafuuraatiin barreeffame utuu hin qabnu taʼee gaaffiiwwan kanaafi kanneen barbaachisaa taʼan gara biraatiif akkamitti deebii argachuu dandeenya turre? Macaafni Qulqulluun utuu hin jiru taʼee, barumsa kan argannu muuxannoo keenyarraa qofa ture. Haataʼu malee, muuxannoo keenya qofarraa barachuudhaan, ilaalcha Daawit ‘seera Waaqayyootiif’ qabu qabaachuu ni dandeenyaa?—Faarfannaa 19:7 dubbisi.
2. Macaafa Qulqulluu isa kennaa gaarii Waaqayyo biraa arganneef, dinqisiifannaa qabnu eeguuf maaltu nu gargaara?
2 Kan nama gaddisiisu garuu, namoonni tokko tokko jaalalli isaan dhugaa Macaafa Qulqulluutiif qaban akka qabbanaaʼu heyyamaniiru. (Mulʼata 2:4 waliin ilaali.) Karaa Yihowaa gammachiisurra deddeebiʼuu dhiisaniiru. (Isa. 30:21) Wanti akkasii akka nurra gaʼu heyyamuu hin qabnu. Macaafa Qulqulluufi wanta inni barsiisuuf dinqisiifannaa qabnu eegnee jiraachuu dandeenya, jiraachuu qabnas. Macaafni Qulqulluun kennaa guddaa Uumaa keenya isa jaalala qabeessa taʼerraa argannedha. (Yaq. 1:17) Dinqisiifannaa ‘Dubbii Waaqayyootiif’ qabnu guddifachuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa? Wanti nu gargaaru inni guddaan namoonni Caaffata Qulqullaaʼoo barreessan hafuura qulqulluutiin akkamitti akka geggeeffaman xiinxaluudha. Kunimmoo ragaa Macaafni Qulqulluun geggeessaa hafuuraatiin akka barreeffame argisiisan tokko tokkorratti yaaduu kan dabalatudha. Kana gochuun keenya Macaafa Qulqulluu guyyaa guyyaadhaan akka dubbisnuufi gorsasaa hojiirra akka oolchinu nu kakaasuu qaba.—Ibr. 4:12.
‘HAFUURA QULQULLUUDHAAN GEGGEEFFAMANIIRU’—AKKAMITTI?
3. Raajonniifi barreessitonni Macaafa Qulqulluu ‘hafuuraan kan geggeeffaman’ akkamitti?
3 Macaafni Qulqulluun kan barreeffame Dh.K.D. bara 1513 hanga Dh.K.B. bara 98tti waggoota 1,610 keessatti yommuu taʼu, kan barreessanis gara namoota 40 turan. Isaan keessaa tokko tokko raajota “hafuura qulqulluudhaan geggeeffamanii” barreessan turan. (2 Phexros 1:20, 21 dubbisi.) Jechi afaan Giriikii ‘hafuuraan geggeeffamuu’ jedhu, “baachuu ykn iddoo tokkoo fuudhanii iddoo biraatti geessuu” jedhamee kan hiikame siʼa taʼu, “geeffamuu, oofamuu, akka nama geessu heyyamuu” jedhamees karaa garaagaraa hiikamuu dandaʼa.a Jechi kun Hojii Ergamootaa 27:15rratti, doonii qilleensaan dhiibamee karaa tokkorra adeemu argisiisuuf itti hojjetameera. Raajonniifi barreessitoonni Macaafa Qulqulluu, Waaqayyo hafuurasaatiin waan isaanitti dubbateef, isaan kakaaseefi qajeelfama isaanii kenneef, “hafuura qulqulluudhaan geggeeffamanii” turan. Yaada mataasaanii utuu hin taʼin, yaada Waaqayyoo kan barreessan kanaaf ture. Raajonniifi barreessitoonni kun yeroo tokko tokko wanti dubbatan ykn barreessan hiika maalii akka qabullee hin beekan turan. (Dan. 12:8, 9) Eeyyee, “Caaffanni qulqullaaʼaan hundinuu geggeessaa hafuura Waaqayyootiin caafame,” kanaaf yaada namootaarraa walaba kan taʼedha.—2 Xim. 3:16.
4-6. Yihowaan ergaasaa barreessitoota Macaafa Qulqulluutti kan dabarse karaawwan kamiini? Fakkeenyaan ibsi.
4 Haataʼu malee, ergaan Waaqayyoo karaa hafuura qulqulluutiin barreessitoota Macaafa Qulqulluu bira kan gaʼe akkamitti? Wanta isaan barreessan tokko tokkoon isaanitti himemoo, jecha mataasaaniitiin akka ibsaniif yaadasaa qofa isaanitti hime? Fakkeenyaaf, hogganaan dhaabbata tokkoo xalayaa akkamitti akka barreessu ilaali. Jechoonni xalayicha keessa jiran barbaachisaa yoo taʼan, ofiisaa barreessa ykn jechaa jechatti barreessituusaatti hima. Isheenis kan barreessitu yommuu taʼu, achiis hogganaan sun irratti mallatteessa. Yeroo gara biraattimmoo, yaada ijoo xalayichaa qofa itti himuudhaan jechootaafi mala mataasheetiin xalayicha akka qindeessitu isheef dhiisa. Achiis xalayaa kana irra deebiʼee dubbisuudhaan yaada jijjiiramuu qabu isheetti hima. Dhumarratti hogganaan sun xalayicharratti kan mallatteessu yommuu taʼu yaada hoggantichaa akka taʼetti ilaalama.
5 Haaluma wal fakkaatuun, kutaan Macaafa Qulqulluu tokko “quba” Waaqayyootiin barreeffameera. (Bau. 31:18) Kana malees, jechaa jechatti kaaʼuun yommuu barbaachisaa taʼutti, Yihowaan wanta barreessuu qaban isaanitti hima ture. Fakkeenyaaf, Baʼuu 34:27rratti, “Waaqayyo ammas Museedhaan, ‘Dubbii ani sii fi saba Israaʼelii wajjin ittiin kakuutti gale kana akkuma inni jirutti caaffadhu!’” kan jedhu dubbisna. Akkasumas Yihowaan Ermiyaas raajichaan, “Wanta ani amma sitti dubbadhu kana hundumaa caaffadhu” jedhee ture.—Er. 30:2.
6 Haataʼu malee, yeroo baayʼee, Waaqayyo barreessitoonni Macaafa Qulqulluu jechaa jechatti utuu hin taʼin, jechoota mataasaaniitti fayyadamanii akka ittiin ibsaniif, yaadasaa dinqiidhaan gaaraafi sammuusaaniitti dabarseera. Lallabni 12:10, “Inni dubbii nama gammachiisu walitti qabee, dubbii qajeelaa, dubbii dhugaas in caafe” jedha. Barreessaa Wangeelaa kan taʼe Luqaas, ‘jalqaba isaatii jalqabee, keessa lixee qoruudhaan tarreetti galchee caafeera.’ (Luq. 1:3) Hafuurri Waaqayyoo cubbuun namoonni dhaalan ergaasaa akka hin jallisne eegeera.
7. Waaqayyo namootatti fayyadamee Macaafa Qulqulluu barreessuusaatiin ogummaasaa kan mulʼise akkamitti?
7 Ogummaan Waaqayyoo inni guddaan Macaafa Qulqulluu akka barreessan namootatti fayyadamuusaarratti mulʼateera. Jechoonni odeeffannoo qofa utuu hin taʼin, miira namootatti dhagaʼamus ni dabarsu. Yihowaan Macaafa Qulqulluu barreessuuf ergamootatti fayyadameera utuu taʼee, miira ilmaan namootaa kan akka sodaa, gaddaafi abdii kutachuu fakkaatan ibsuu dandaʼu turanii? Waaqayyo namoonni cubbuu dhaalan yaada karaa hafuura qulqulluu isaanitti dabarfame jecha filataniin akka barreessan isaanii heyyamuudhaan, ergaansaa karaa miira namaa tuquufi nama gammachiisu garaagaraatiin akka barreeffamu godheera.
RAGAA JIRU QALBEEFFADHU
8. Macaafni Qulqulluun akka kitaabota amantii kaanii miti kan jennu maaliif?
8 Macaafni Qulqulluun geggeessaa hafuuraatiin akka barreeffame ragaan argisiisu hedduun jira. Macaafni kun, kitaaba amantii kamiyyuu caalaa Waaqayyoon beekuuf nu gargaara. Fakkeenyaaf, kitaabonni amantii Hinduuʼiizimii, waaʼee sirna amantii, falaasamaa, afoolaafi seera amalaa ibsu. Kitaabonni amantii Budiizimii seerawwan namoonni moloksee taʼan hordofuu qaban ibsu. Kana malees, barumsa amantii Budiizimiifi wanta Budihaan barsiise kan ibsanidha. Budihaan waaqa akka taʼe kan hin dubbanne taʼuusaarrayyuu, Waaqa ilaalchisee kan inni dubbate waan muraasa ture. Kitaabonni Konfishaaniizimii waaʼee wantoota kanaan dura raawwataman, seera amalaa, waaʼee ayyaana heduufi waaʼee faarfannaa dubbatu. Kitaabni amantii Islaamummaa Waaqani tokko qofti akka jiruufi waaʼee gara fuulduraa waan hundumaa akka toʼatu kan barsiisu taʼuunsaa hin haalamu. Haataʼu malee, maqaa Waaqayyoo isa Yihowaa jedhuufi Macaafa Qulqulluu keessatti al kumaatama argamu hin caqasu.
9, 10. Waaqayyoon ilaalchisee Macaafa Qulqulluurraa maal baranna?
9 Kitaabonni waaʼee amantii dubbatan hedduun waaʼee Waaqayyoo kan hin ibsine ykn waan muraasa qofa kan dubbatan taʼus, Macaafni Qulqulluun Yihowaafi hojiisaa beekuuf nu gargaara. Macaafni kun amalawwan Yihowaa garaagaraa hubachuuf nu gargaara. Waaqayyo hundumaa kan dandaʼu, ogeessaafi firdii qajeelaa kan qabu taʼuusaa qofa utuu hin taʼin, kan nu jaallatu akka taʼes ni ibsa. (Yohannis 3:16; 1 Yohannis 4:19 dubbisi.) Hunda caalaammoo, ‘Waaqayyo nama kan wal hin caalchisne, saba biyya lafaa hundumaa keessaa namni isa sodaatu, inni waan qajeelaa hojjetus isa biratti fudhatamaa’ akka taʼe nutti hima. (HoE. 10:34, 35) Macaafni Qulqulluun baayʼinaan argamuunsaa kun dhugaa taʼuusaa mirkaneessa. Hayyoonni afaanii, yeroo harʼaa addunyaarra afaanonni gara 6,700 taʼan akka jiran ibsu. Afaanota kana keessaa 100 kan taʼan namoota yeroo harʼaa jiran keessaa harka 90 kan taʼaniin dubbatamu. Taʼus hanga ammaatti, Macaafni Qulqulluun guutummaatti ykn gar tokkoonsaa afaanota 2,400 oliin hiikameera. Namoonni addunyaarra jiran hundi yoo xinnaate gar tokkoosaa argachuu dandaʼu.
10 Yesus, “Abbaan koo amma iyyuu hojjechuutti jira, anis immoo nan hojjedha” jedheera. (Yoh. 5:17) Yihowaan ‘barabaraa jalqabee hamma barabaraatti Waaqayyodha.’ Kanaaf wanta inni hojjete hundaa yaadi. (Far. 90:2) Wanta Waaqayyo kanaan dura hojjete, yeroo ammaa hojjechaa jiruufi gara fuulduraatti raawwatu nu barsiisuu kan dandaʼu Macaafa Qulqulluu qofadha. Caaffanni Qulqullaaʼoon wanti isa gammachiisuufi gaddisiisu maal akka taʼe, akkasumas akkamitti isatti dhihaachuu akka dandeenyus nuu ibsu. (Yaq. 4:8) Kanaaf hojiin ykn yaadni kamiyyuu isarraa akka nu fageessu heyyamuu hin qabnu.
11. Macaafa Qulqulluu keessa ogummaa guddaafi amansiisaa akkamiitu jira?
11 Ogummaa hedduufi amansiisaan Macaafa Qulqulluu keessatti argamus, kitaabni kun qaama namaa ol taʼe tokkorraa akka dhufe argisiisa. Phaawulos, “Eenyutu yaada gooftichaa beeka? Eenyutus isa gorsuu dandaʼa?” jedhee barreesseera. (1 Qor. 2:16) Caqasni kun gaaffii Isaayaas raajichi, “Eenyutu humna hafuura Waaqayyoo shallaguu dandaʼa? Eenyutus Waaqayyoon gorsee barsiisuu dandaʼa?” jedhee namoota barasaa turan gaafaterratti kan hundaaʼedha. (Isa. 40:13) Deebiinsaa, ‘Namni kamiyyuu hin dandaʼu’ kan jedhu akka taʼe beekamaadha. Gaaʼela, ijoollee guddisuu, bashannana, michooma, jabaatanii hojjechuu, amanamummaafi amala gaarii qabaachuu ilaalchisee gorsa Caaffata Qulqullaaʼoo hojiirra oolchuun buʼaa hangana hin jedhamne akka argamsiisu hin shakkisiisu. Macaafa Qulqulluu keessa matumaa gorsi gadheen hin jiru. Faallaa kanaatiinimmoo ilmaan namootaa gorsa yeroo hundaa hojiirra oolu kennuu hin dandaʼan. (Er. 10:23) Gorsi isaan kanaan dura kennan hanqina akka qabu yommuu hubatan hundatti ni jijjiiru ykn ni fooyyessu. Macaafni Qulqulluun, ‘Wanti namni yaadu, akka qilleensa shuf jedhuu’ taʼuusaa dubbata.—Far. 94:11.
12. Macaafni Qulqulluun jaarraa heduudhaaf maalirraa ooleera?
12 Seenaa keessatti carraaqqii guddaa Seexanni ergaa macaafa kanaa balleessuuf gochaa ture, Yihowaan Abbaa Barroo Macaafa Qulqulluu taʼuusaa mirkaneessa. Dh.K.D. bara 168tti Mootii Sooriyaa kan taʼe, Antaayikas 4ffaa kitaabota Seerichaa geggeessaa hafuuraatiin barreeffaman gubuuf yaalee ture. Dh.K.B. bara 303tti Mootii Roomaa kan taʼe Diyookileeshiyaan bakka Kiristiyaanonni itti walgaʼan balleessuufi Caaffata Qulqullaaʼoosaanii gubuuf labsii baaseera. Gochisaa kun waggaa kudhaniif itti fufee ture. Phaaphaasonni jaarraa 11ffaa booda, Caaffanni Qulqullaaʼoon afaan namoonni hedduun ittiin walii galanitti akka hin hiikamne mormuudhaan, beekumsi Macaafa Qulqulluu akka hin babalʼanne dhowwaa turaniiru. Seexanniifi bakka buutonnisaa carraaqqii akkasii godhanis, Macaafni Qulqulluun badiisarraa oolee hanga harʼaatti turuu dandaʼeera. Yihowaan kennaa inni ilmaan namootaatiif kenne eenyuyyuu akka balleessu hin heyyamu.
RAGAA NAMOOTA BAAYʼEE AMANSIISE
13. Macaafni Qulqulluun geggeessaa hafuuraatiin barreeffamuusaatiif ragaa kamfaa caqasuu dandeenya?
13 Macaafni Qulqulluun geggeessaa hafuuraatiin akka barreeffame ragaan argisiisu gara biraanis jira. Isaanis, yaannisaa kan walsimuu, gama saayinsiitiin dhugaa taʼuusaa, raajiin achi keessa jiru raawwatamuusaa, yaada ifa taʼe qabachuusaa, jireenya namaa jijjiiruu dandaʼuusaa, seenaa dhugaa qabachuusaafi gaaffiiwwan keeyyata 1rratti ibsamaniif deebii quubsaa kan kennu taʼuusaati. Mee namoonni tokko tokko Macaafni Qulqulluun Waaqayyo biraa akka dhufe amanuuf maaltu akka isaan gargaare ilaali.
14-16. (a) Musiliima, Hinduufi shamarree Waaqayyo jiraachuusaa shakkitu tokko Macaafa Qulqulluutti akka amanan maaltu isaan kakaase? (b) Tajaajilarratti Macaafni Qulqulluun Waaqayyo biraa akka dhufe amansiisuuf ragaa kamitti fayyadamuu barbaadda?
14 Anwaarb ijoollummaasaatii kaasee amantii Musiliimaa hordofaa kan ture siʼa taʼu, biyya Baha Giddu Galeessaa tokko keessatti guddate. Ameerikaa Kaabaa keessa yeroo muraasaaf yommuu turetti Dhugaa Baatonni Yihowaa gara manasaa dhaqanii isa haasofsiisan. Anwaar akkas jedha: “Yeroo sanatti, amantii Kiristiyaanaatiif ilaalcha gaarii hin qabun ture. Ilaalcha akkasii qabaachuu kanan dandaʼe ajjeechaa namoonni Kiristiyaanota jedhaman raawwatan dhagaʼuu kootiin kan kaʼedha. Haataʼu malee, uumama kootiin nama waa beekuu barbaadu waanan taʼeef Macaafa Qulqulluu qayyabachuufan walii gale.” Taʼus Anwaar utuma hin turin gara biyyasaatti waan deebiʼeef Dhugaa Baatota Yihowaa argachuu hin dandeenye. Waggoota hedduu booda Awurooppaatti kan gale ennaa taʼu, achitti Macaafa Qulqulluu qayyabachuusaa itti fufe, achiis murtoo akkas jedhurra gaʼeera: “Raajii Macaafa Qulqulluu raawwiisaanii argatan, Caaffanni Qulqullaaʼoon kan walsimaniifi kan wal hin faallessine taʼuunsaanii, akkasumas jaalalli namoonni Yihowaa waaqeffatan argisiisan Macaafni Qulqulluun Dubbii Waaqayyoo akka taʼe na amansiiseera.” Anwaar bara 1998tti cuuphame.
15 Aashaa isheen umriinshee waggaa 16, maatii amantii Hinduu cimsee hordofu keessatti guddatte. Aashaan, “Kadhannaa kanan dhiheessu yeroon mana sagadaa dhaqu ykn rakkinni cimaan yeroo na mudatu qofattidha. Yeroon rakkina hin qabnetti garuu waaʼee Waaqayyoo matumaa hin yaadu. Yommuu Dhugaa Baatonni Yihowaa manakoo dhufan garuu jireenyikoo guutummaatti jijjiirame” jetteetti. Aashaan Macaafa Qulqulluu qayyabachuudhaan Waaqayyoon akka Michuu isheetti beekuu dandeesseetti. Macaafni Qulqulluun geggeessaa hafuura Waaqayyootiin barreeffamuusaa kan ishee amansiise maalidha? “Macaafni Qulqulluun gaaffiin qabu hunda naa deebiseera. Waaqayyoon utuun hin argin, jechuunis mana sagadaa dhaqee waaqayyolii tolfamoof sagaduun utuu na hin barbaachisin amantii akkan qabaadhu na gargaareera” jechuudhaan ibsiteetti.
16 Poolaan maatii amantii Kaatolikii hordofu keessatti kan guddatte taʼus, yommuu gaʼeessa taatu Waaqayyo jiraachuusaa akka shakkitu hubatte. Achiis wanti tokko ni raawwatame. Akkas jetteetti, “Michuun jiʼoota hedduudhaaf hin argin ture tokkoo wajjin wal argine. Yeroo sana namoonni hedduun rifeensasaanii guddifatu, akkasumas qoricha sammuu hadoochuu fudhatu turan. Namni kun akka jijjiirame jechuunis, rifeensasaa akka murateefi gammachuu akka qabu yommuun argu, ‘Maaltu si jijjiire? Eessa turte?’ jedheen isa gaafadhe. Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachaa akka jiru natti himuudhaan naa lallabuu jalqabe.” Intalli Waaqayyo jiraachuusaa shakkitu kun, Macaafni Qulqulluun humna guddaa akka qabu hubachuudhaan geggeessaa hafuuraatiin barreeffamuusaa amanteetti.
“DUBBIIN KEE MIILLA KOOTIIF IBSAA DHA”
17. Macaafa Qulqulluu guyyaa guyyaadhaan dubbisuufi irratti xiinxaluun faayidaa maalii sii kennuu dandaʼa?
17 Macaafni Qulqulluun kennaa dinqisiisaa Yihowaan karaa hafuurasaa kennedha. Guyyaa guyyaan dubbisuudhaan jaalalli ati kitaabichaafi Abbaa Barroo kitaabichaatiif qabdu akka guddatu godhi. (Far. 1:1, 2) Yeroo qayyabattu hundatti, Waaqayyo hafuurasaatiin yaadakee akka sii qajeelchuuf kadhannaadhaan jalqabi. (Luq. 11:13) Macaafni Qulqulluun yaada Waaqayyoo waan qabateef, waan inni dubbaturratti xiinxaluudhaan yaannikee yaada Waaqayyoo wajjin akka walsimu gochuu dandeessa.
18. Macaafa Qulqulluurraa barachuu itti fufuu kan qabdu maaliifi?
18 Dhugaa ilaalchisee beekumsa sirrii taʼe argachaa yommuu deemtu, wanta barattee wajjin haala walsimuun jiraadhu. (Faarfannaa 119:105 dubbisi.) Akkuma daawwitii keessatti of ilaaltu, Caaffata Qulqullaaʼoo keessattis of ilaali. Jijjiirama gochuu akka qabdu yoo hubatte, hojiirra oolchi. (Yaq. 1:23-25) Amantii keetiif falmuufi garaa namoota gad of deebisan keessaa barumsa sobaa baasuuf Dubbii Waaqayyoo isa akka billaatti ilaalamutti fayyadami. (Efe. 6:17) Kana yommuu gootutti, raajonniifi namoonni ‘hafuura qulqulluutiin geggeeffamanii’ Macaafa Qulqulluu barreessuusaaniitiif galateeffannaa qabdu argisiisi.
[Miiljaleewwan]
a Ee Giriik Ingilish Leeksiikon oov za Niiwu Teestaamanti eendi Aazer Eerlii Kiristiyaan Liitireechar.
b Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 29rra jiru]
Jaalalli ati Abbaa Barroo kitaabichaatiif qabdu akka guddatuuf Macaafa Qulqulluu guyyaa guyyaadhaan dubbisi
[Fakkii fuula 26rra jiru]
Xalayaan tokko nama itti mallatteesse sana biraa akka dhufetti ilaalama