Fedhiidhaan Of Dhiheessaniiru—Ikuwaadoritti
DARGAGGEESSA biyya Xaaliyaanii tokkorra dhiibbaan gaʼaa jira. Mana barumsaa sadarkaa lammaffaa dhiheenyatti kan xumure siʼa taʼu, kutaasaatti qabxii olaanaa waan fideef firoonniifi barsiistonnisaa barumsa sadarkaa olaanaa akka baratuuf dhiibbaa isarratti gochuutti kaʼan. Haataʼu malee waggoota muraasa dura, Biruunoon hunda caalaa jireenyasaa keessatti fedha Waaqayyootiif dursa kennuuf Yihowaadhaaf of murteessee ture. Biruunoon filannaa akkamii godhe? Akkas jedheera: “Murtoon godhee wajjin haala walsimuun jiraachuufi Waaqayyoof dursa kennuu akkan barbaadun kadhannaadhaan Yihowaatti hime. Sochii hafuuraa garaagaraatiin qabamuu malee, jireenya kaayyoo hin qabne jiraachuu akkan hin barbaannes nan kadhadhe.”
Biruunoon waggoota muraasa booda Ameerikaa Kibbaa, biyya Ikuwaadoritti ramadame. “Yihowaan hamman eegeen ol kadhannaa kootiif deebii naa kenneera” jedheera. Yommuu achi gaʼu, dargaggoota caalaatti Yihowaa tajaajiluuf biyya sana dhaqan hedduu arguun baayʼee isa dinqisiise.
DARGAGGOOTA ‘WAAQAYYOON QORANII’ ILAALAN
Biruunoon akkuma dargaggoota kuma hedduutti lakkaaʼamaniifi addunyaa maratti argamanii, afeerrii Yihowaan, “Ittisa bantii waaqaa banee, eebba danuu isin irratti yoon dhangalaasuu dhaabaadheef qoraa ana ilaalaa!” jechuudhaan dhiheesse fudhateera. (Mil. 3:10) Jaalala Yihowaadhaaf qabaniin kakaʼanii ‘Waaqayyoon qoranii’ ilaaluuf, biyya labsitoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisan dhaqanii tajaajiluudhaan, fedha Waaqayyoo raawwachuuf yeroo, humnaafi qabeenyasaanii fedhiisaaniitiin aarsaa godhaniiru.
Hojjettoonni fedhaan of dhiheessan kun bakka haaraa itti ramadaman kana akkuma gaʼaniin ‘midhaan sassaabamu baayʼee, hojjettoonni sassaaban garuu muraasa’ taʼuusaanii hubataniiru. (Mat. 9:37) Fakkeenyaaf, Yaakiliin isheen Jarmanii gara Ikuwaador deemte waajjira damee biyyichaatiif akkas jettee barreessiteetti: “Ikuwaadoritti tajaajiluu ergan jalqabee waggaa lamaa ol yommuu taʼu, namoota 13 Macaafa Qulqulluu qayyabsiisaan jira; isaan keessaa namoonni 4 yeroo hunda walgaʼiirratti argamu. Kun baayʼee nama hin gammachiisuu?” Shaanteel isheen Kaanaadaadhaa achi deemte akkas jetteetti: “Bara 2008tti qarqara galaanaa Ikuwaador bakka gumiin tokko qofti jiruttan ramadame. Yeroo ammaa gumii sadiifi qajeelchitoota 30 oltu naannoo kana jira. Namoonni haaraa hedduun yommuu guddina argisiisan arguu caalaa wanti nama gammachiisu hin jiru.” Itti dabaluudhaanis akkas jetteetti: “Yeroo ammaa magaalaa galaanaarraa ol kaʼiinsa meetira 2,743rratti argamtuufi Gaarreen Aandiisirra jirtuttin ramadamee tajaajilaa jira. Magaalattiin jiraattota 75,000 ol kan qabdu taʼus gumii tokko qofatu achi jira. Naannoo baayʼee itti hojjetamuu qabudha. Kanaaf tajaajila kootti baayʼee gammadaan jira.”
RAKKOOWWAN MUDATAN
Biyya alaa dhaqanii tajaajiluun rakkina guddaa akka qabu beekamaadha. Dargaggoonni tokko tokko biyya alaa deemuusaanii durallee rakkinni isaan mudateera. Kaayilaa isheen Yunaayitid Isteetisii deemte akkas jetteetti: “Haallin obboloota naa yaadan tokko tokkorraa hubadhe abdii kan na kutachiisu ture. Qajeelchaa taʼee biyya alaatti tajaajiluu maaliif akkan barbaade isaaniif hin galle. Kunimmoo yeroo tokko tokko, ‘Murtoon godhe sirrii mitii?’ jedhee akkan gaafadhu na godheera.” Taʼus Kaayilaan deemuuf murteessite. “Yihowaatti kadhannaa baayʼee dhiheessuufi obboloota muuxannoo qabanii wajjin maree dheeraa gochuun, fedhii ofii aarsaa gochuuf carraaqqii godhamu Yihowaan akka eebbisu arguuf na gargaareera” jetteetti.
Afaan haaraa barachuun namoota hedduudhaaf rakkisaadha. Shaabuu isheen Ayerlaandii deemte akkas jetteetti: “Yaadakoo ibsuu dadhabuun na gaddisiisa ture. Obsa qabaachuu, afaanicha dhamaʼee barachuufi yeroon dogoggoru ofitti kolfuu barachuun qaban ture.” Aannaa isheen Istooniyaadhaa deemte akkas jetteetti: “Qilleensa hoʼaatti baruu, awwaara keessa deemuufi bishaan hoʼaa ittiin dhiqatan dhabuu, afaan Ispaanish barachuu wajjin walbira qabee yommuun ilaalu wayittuu kan lakkaaʼamu miti. Al tokko tokko abdiin kutadhan ture. Dogoggora koorratti utuu hin taʼin, guddinan godhurratti xiyyeeffachuu barachuun qaban ture.”
Maatiifi michoota ofii yaaduunis akka laayyootti kan ilaalamu miti. Jonaataan inni Yunaayitid Isteetisii deeme akkas jedheera: “Bakkan ramadame dhaqee utuma hin turin, michootaafi maatii koorraa waanan adda baʼeef abdiin kutadhe. Haataʼu malee, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu dhuunfaa gochuufi tajaajilarratti xiyyeeffachuudhaan miira kana moʼuu dandaʼeera. Muuxannoo ajaaʼibsiisaa ani tajaajilarraa argadheefi michoonni haaraa ani gumii keessaa argadhe deebisee gammachuu akkan argadhu na gargaaraniiru.”
Rakkinni garabiraanimmoo haala jireenyaati. Jireenyi biyya alaa naannoo itti guddattee wajjin tokko taʼuu dhiisuu dandaʼa. Buu inni Kaanaadaadhaa deeme akkas jedheera: “Biyya keetti wantoota barbaachisoo taʼan kan akka elektiriikiifi bishaan boombaa argatta. Asitti garuu yeroo hunda argachuun hin dandaʼamu.” Biyyoota guddachaa jiran hedduu keessatti, hiyyummniifi geejjibni mijaaʼaa hin taane baramaadha. Eenes isheen Ostiriyaadhaa deemte, amalawwan gaggaarii namoonni naannichaa qabanirratti xiyyeeffachuudhaan rakkina akkasii moʼuu dandeesseetti. “Namoonni kun kan nama simatan, garraamii, kan nama gargaaraniifi kan gad of deebisanidha. Hunda caalaammoo waaʼee Waaqayyoo barachuuf fedhii guddaa qabu” jetteetti.
‘EEBBA DANUU ISAANIIF DHANGALAʼE’
Dargaggoonni Ikuwaadoritti tajaajilaa jiran kun hundi aarsaa kan godhan taʼus, Yihowaan hamma isaan yaadan caalaa ‘hundumaarra safara malee caalchisee’ kennuu akka dandaʼu hubataniiru. (Efe. 3:20) Dargaggoonni kun ‘eebbi danuun akka isaaniif dhangalaʼe’ isaanitti dhagaʼameera. (Mil. 3:10) Tajaajilasaanii ilaalchisee wanta isaan armaan gaditti dubbatan hubadhu:
Biruunoo: “Ikuwaadoritti tajaajilakoo kanan jalqabe naannoo Amaazon baayʼee namatti toluttidha. Boodas, ijaarsa waajjira damee Ikuwaador babalʼisuurratti hirmaadheera. Yeroo ammaa Betʼel keessattan tajaajila. Xaaliyaanii yommuun ture Yihowaadhaaf dursa kennuu filadheera; Yihowaanis tajaajila garaagaraarratti akkan hirmaadhu gochuudhaan fedhiikoo naa guuteera.”
Buu: “Ikuwaadoritti yerookoo hunda sochiiwwan hafuuraarratti waanan dabarsuuf caalaatti Yihowaatti dhihaachuu dandaʼeera. Bakkawwan dinqisiisoo yeroo hunda dhaqee ilaaluu barbaadu arguudhaanis eebba dabalataa argadheera.”
Aannaa: “Obboleettii qeenteen akka kootii jireenya misiyoonotaa jiraachuu ni dandeessi jedhee yaadee hin beeku. Amma garuu akka dandaʼamu bareera. Yihowaan, bartoota gochuu, Galmawwan Mootummaa ijaaruurratti hirmaachuufi hiriyoota haaraa akkan argadhu gochuudhaan waan na eebbiseef baayʼeen isa galateeffadha.”
Elkaa: “Yeroon biyyakoo Ostiriyaa turetti Yihowaan naman Macaafa Qulqulluu qayyabsiisu tokko akka naa kennu kadhachaan ture. Asitti garuu namoota 15 Macaafa Qulqulluu qayyabsiisaan jira. Gammachuu fuula namoota haaraa ani qayyabsiisuufi guddina gochaa jiranirraa mulʼatu arguun baayʼee na gammachiisa.”
Jooʼel: “Yihowaa tajaajiluuf jecha bakka hin beekne dhaquun muuxannoo guddaa kan argamsiisudha. Caalaatti Yihowaatti amanamuu kan barattu siʼa taʼu, yommuu inni carraaqqiikee sii eebbisu arguunis kan nama gammachiisudha. Yunaayitid Isteetisii deemee waggaa tokkotti tuutni ani keessatti tajaajiluufi babalʼistoota 6 qabu gara 21tti guddate. Ayyaana Yaadannoo goonerratti namoonni 110 argamaniiru.”
ATOO MAAL GOCHUU YAADDA?
Obboloonni dargaggoota taatan, bakka labsitoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisan dhaqxanii tajaajiluuf haalli keessan isinii heyyamaa? Murtoo guddaa akkasii gochuun xiyyeeffannaadhaan irratti yaaduu akka gaafatu beekamaadha. Hunda caalaammoo, bakka biraa dhaqanii tajaajiluuf Yihowaafi namootaaf jaalala cimaa qabaachuun barbaachisaadha. Jaalala, akkasumas mirga kanarratti hirmaachuuf gaʼumsa kan qabdu taanaan, biyya alaa dhaqxee tajaajiluuf akka si gargaaru garaadhaa Yihowaa kadhadhu. Kana malees warrakee Dhugaa Baatota taʼaniifi jaarsolii gumiitti fedhiikee himi. Atis taanaan hojii dinqisiisaa kanarratti hirmaachuudhaan hojii kanarraa gammachuu argachuu akka dandeessu yaada xumuraarra gaʼuu dandeessa.
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 3rra jiru]
“Yihowaatti kadhannaa baayʼee dhiheessuufi obboloota muuxannoo qabanii wajjin maree dheeraa gochuun, fedhii ofii aarsaa gochuuf carraaqqii godhamu Yihowaan akka eebbisu arguuf na gargaareera.” —Kaayilaa Yunaayitid Isteetisirraa
[Saanduqa/Fakkii fuula 6rra jiru]
Akkatti biyya alaatti lallabuuf qophaaʼuun dandaʼamu
[Fakkii fuula 6rra jiru]
• Qayyabannaa dhuunfaatiif amaleeffannaa cimaa qabaadhu
• Tajaajila Mootummaa Hagayya 2011, fuula 4-6 irra deebiʼii ilaali
• Namoota biyya alaatti tajaajilaa turan haasofsiisi
• Aadaafi seenaa biyyichaa qoradhu
• Afaan biyyichaa baradhu
[Saanduqa/Fakkii fuula 6rra jiru]
Wantoota namoonni biyya alaatti tajaajilaa turan tokko tokko qarshiidhaan of deggeruuf godhan:
[Fakkii fuula 6rra jiru]
• waggaa waggaadhaan biyyasaaniitti deddeebiʼanii jiʼoota muraasaaf hojjechuu
• mana, appaartaamaa ykn daldalasaanii kireessuu
• karaa Intarneetii hojjechuu
[Fakkii fuula 4, 5rra jiru]
1 Yaakiliin Jarmanirraa
2 Biruunoo Xaaliyaaniirraa
3 Buu Kaanaadaarraa
4 Shaabuu Ayerlaandirraa
5 Jooʼel Yunaayitid Isteetisirraa
6 Jonaataan Yunaayitid Isteetisirraa
7 Aannaa Istooniyaarraa
8 Elkaa Ostiriyaarraa
9 Shaanteel Kaanaadaarraa
10 Eenes Ostiriyaarraa