LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wp17 Lakk. 3 ful. 3
  • Sii fi Abbootii Fardeenii Arfan

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Sii fi Abbootii Fardeenii Arfan
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2017
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Abbootiin Fardeenii Arfan Eenyufaʼi?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2017
  • Ittiin Lixa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2017
  • Abboota Fardeenii Gulufan Arfan
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2019
  • Waraanni Yuukreenitti Geggeeffamaa Jiru Addunyaa Maratti Hanqinni Nyaataa Caalaatti Akka Hammaatu Godheera
    Mata Dureewwan Dabalataa
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2017
wp17 Lakk. 3 ful. 3
Gulufa fardeen arfanii

MATA DUREE FUULA JALQABAA | ABBOOTIIN FARDEENII ARFAN—GULUFUUN ISAANII JIJJIIRAMA SI IRRATTI FIDU QABAA?

Sii fi Abbootii Fardeenii Arfan

Fardeen arfanii fi warri isaan gulufan waanuma ija keenyaan argaa jirru hamma nutti fakkaatutti, saffisa guddaadhaan gara fuulduraatti gulufaa jiru! Fardi inni jalqabaa adii siʼa taʼu, inni ittiin gulufus mootii haaraa ulfina gonfate dha. Isa boodaan immoo fardi diimaan kan dhufe siʼa taʼu, inni ittiin gulufus guutummaatti lafa irraa nagaa akka balleessu aangoon isaaf kenname. Fardi inni sadaffaan itti aanu immoo gurraacha limixii siʼa taʼu, inni ittiin gulufu harka isaatti madaallii qabatee ture; achiis ergaa gaddisiisaan hanqinni nyaataa akka taʼu ibsu ni dhagaʼame. Fardi inni arfaffaan daalacha siʼa taʼu, dhukkubnii fi golfaan nama ajjeesu akka taʼu argisiisa; inni ittiin gulufus Duʼa dha. Awwaalli immoo namoota duʼan liqimsaa itti dhihaatee isa duukaa buʼa ture!—Mulʼata 6:1-8.

“Yeroo jalqabaatiif waaʼee fardeen arfan kanaa yommuun dubbisu baayʼee sodaadheen ture. Guyyaan Murtii dhufaa akka jiru natti dhagaʼame, ani immoo guyyaa kanaaf waan hin qophoofneef badiisa irraa hin oolu jedheen yaadee ture.”—Kiristaal.

“Waaʼeen abbootii fardeenii arfan halluu adda addaa qabaniin gulufanii baayʼee na dinqisiisee ture. Hiika mulʼanni kun qabu ergan hubadhee booda garuu, wanti hundi ifa naaf taʼeera.”—Eed.

Ati hoo waaʼee abbootii fardeenii Kitaaba Mulʼataa keessatti ibsaman yommuu dubbistu, akka Kiristaal moo akka Eed sitti dhagaʼame? Kanas taʼe sana, mulʼanni waaʼee abboota fardeenii gulufan kanaa seenaa namoonni hedduun beekanii fi Kitaaba Mulʼataa isa kutaa Kitaaba Qulqulluu isa xumuraa taʼe keessatti ibsaman keessaa isa tokko dha. Hiikkaa mulʼata kanaa hubachuun kee dhuunfaatti si fayyaduu akka dandaʼu beektaa? Taanaan akkamitti? Waaqayyo, wantoota kitaaba raajii kana keessatti barreeffaman dubbisuun, barachuunii fi wantoota baranne hojii irra oolchuun gammachuu dhugaa akka nuuf argamsiisu waadaa nuuf galeera.—Mulʼata 1:1-3.

Namoonni tokko tokko mulʼanni waaʼee abboota fardeenii arfan kanaa dubbatu kan isaan sodaachisu taʼus, raajiin kun kan ibsame siin sodaachisuuf miti. Kanaa mannaa, namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman, mulʼanni kun amantii namaa kan cimsuu fi waaʼee gara fuulduraa abdii amansiisaa kan namaaf kennu taʼuu isaa hubataniiru. Atis raajii kana irraa faayidaa akkasii argachuu ni dandeessa! Kanaaf, dubbisuu kee akka itti fuftu si jajjabeessina.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi