Ittiin Lixa
MAAL SITTI FAKKAATA?
Abbootii fardeenii arfan ilaalchisee wantoonni Kitaaba Mulʼataa keessatti ibsaman namoota hedduu biratti akka gaariitti beekamu. Mulʼanni kun namoota tokko tokko ni sodaachisa. Warra kaanitti immoo gaaffii uuma. Raajiiwwan akkasii ilaalchisee wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu hubadhu:
“Namoonni dubbii raajii kanaa dhagaʼanii fi warri wantoota achi keessatti barreeffaman eegan gammadoo dha.”—Mulʼata 1:3.
Maxxansi Masaraa Eegumsaa kun gulufni abboota fardeenii kana misiraachoo kan nuuf taʼu akkamitti akka taʼe ibsa.