Suwiizarlaanditti Galmi Mootummaa yommuu kunuunfamu
Ittiin Lixa
MASARAA EEGUMSAA
Ittiin Lixa: Namoota farda gulufan arfan ilaalchisee wantoonni Kitaaba Mulʼataa keessatti ibsaman namoota hedduu biratti akka gaariitti beekamu. Ibsi kun namoota tokko tokko ni sodaachisa. Namoota tokko tokkotti immoo gaaffii isaanitti uuma.
Caqasa: Mul 1:3
Barreeffamicha Kennuuf: Barruun Masaraa Eegumsaa kun fardeen arfan gulufuun isaanii oduu gammachiisaa kan taʼe maaliif akka taʼe ibsa.
DHUGAA BARSIISAA
Gaaffii: Yeroon gara fuulduraa maal akka nuuf qabate beekuu kan dandeenyu sitti fakkaataa?
Caqasa: Isa 46:10
Dhugaa: Waaqayyo waaʼee gara fuulduraa karaa Kitaaba Qulqulluu isa Dubbii isaa taʼeen nuuf ibseera.
MAATIIN KEE GAMMACHUU QABAACHUU NI DANDAʼA (hf )
Ittiin Lixa: Viidiyoo gabaabaa waaʼee maatii ibsu kana argisiisaa jirra. [Viidiyoo birooshura Maatiin Kee Gammachuu Qabaachuu Ni Dandaʼa jedhamu beeksisu taphachiisi.]
Barreeffamicha Kennuuf: Birooshura viidiyoo kana keessatti ibsame dubbisuu ni barbaadda taanaan birooshuricha siif kennuu ykn akkamitti birooshuricha intarneetii irraa buufachuu akka dandeessu sitti argisiisuu nan dandaʼa.
ITTIIN LIXA MATAA KEE QOPHEEFFADHU
Ittiin lixa mataa kee qopheeffachuuf haala fakkeenyonni armaan olii ittiin qophaaʼan hordofi