Magaalaa Joorjiyaatti birooshura Gammachuu maatii jedhamu yommuu kennamu
Ittiin Lixa
MASARAA EEGUMSAA
Gaaffii: Uumama cufa keessatti kennaa kennuudhaan inni hunda irra caalu eenyu dha?
Caqasa: Yaq 1:17
Barreeffamicha Kennuuf: Masaraan Eegumsaa kun kennaa Waaqayyoo isa hunda irra caalu akka dinqisiifannu nu gargaara.
DHUGAA BARSIISAA
MAATIIN KEESSAN GAMMACHUU QABAACHUU NI DANDAʼA
Ittiin Lixa: Viidiyoo gabaabaa waaʼee maatii ibsu kana argisiisaa jirra. [Viidiyoo ittiin lixa birooshura Maatiin Keessan Gammachuu Qabaachuu Ni Dandaʼa jedhamu taphachiisi.]
Barreeffamicha Kennuuf: Birooshura viidiyoo kana keessatti ibsame dubbisuu ni barbaadda taanaan, birooshuricha siif kennuu ykn akkamitti birooshuricha intarneetii irraa garagalfachuu akka dandeessu sitti argisiisuu nan dandaʼa.
ITTIIN LIXA MATAA KEE QOPHEEFFADHU
Ittiin lixa mataa kee qopheeffachuuf haala fakkeenyonni armaan olii ittiin qophaaʼan hordofi