LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wp18 Lakk. 1 ful. 12-13
  • 3 Rakkina Dandaʼuuf Gargaara

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • 3 Rakkina Dandaʼuuf Gargaara
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2018
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • DHUKKUBA HIN FAYYINE
  • GADDA
  • Kadhannaan Maal Siif Gochuu Dandaʼa?
    The Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2021
  • Akka Isaan Jaallattu Isaanitti Himi
    Muuxannoowwan Dhugaa Baatota Yihowaa
  • Dhibee Fayyaa Qabaattus Warra Kaan Jajjabeessuu Dandeessetti
    Muuxannoowwan Dhugaa Baatota Yihowaa
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2018
wp18 Lakk. 1 ful. 12-13
Dubartii iddoo awwaalchaa dhaabbattee boo’aa jirtu; dubartii wiilcherii irra teessee ergaa kitaaba qulqulluu dhaggeeffachaa jirtu

3 Rakkina Dandaʼuuf Gargaara

Rakkoowwan yeroo ammaatti hafuus taʼe furamuu hin dandeenye jiru. Fakkeenyaaf nama jaallattu duʼaan yoo dhabde ykn dhukkubni hin fayyine yoo si qabate rakkina si mudate kana dandeessee jiraachuudhaan alatti filannaa kan biraa qabaachuu dhiisuu dandeessa. Haala baayʼee ulfaataa taʼe akkanaa keessatti Kitaabni Qulqulluun si gargaaruu ni dandaʼaa?

DHUKKUBA HIN FAYYINE

Rooz, “Dhukkuba rakkina jiiniitiin dhufuun kan kaʼe dhukkubbiin cimaanii fi addaan hin cinne natti dhagaʼama. Akkaataan jireenyaa koo gaduma deemaa jira” jetteetti. Wantoota baayʼee ishii yaaddessan keessaa inni tokko darbee darbee sammuun ishii wanta Kitaaba Qulqulluu irraa qoʼattuu fi dhimmawwan hafuuraa irratti akka xiyyeeffatu gochuu dadhabuu ishii ti. Taʼus, wanti Yesuus Maatewos 19:26 irratti, “Waaqayyoof . . . wanti hundi ni dandaʼama” jechuudhaan dubbate baayʼee ishii gargaareera. Rooz karaan itti qoʼatan kan biraanis akka jiru baratteetti. Dhukkubbiin ishiitti dhagaʼamu dubbisuun baayʼee ulfaataa akka ishiitti taʼu waan godheef, Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu sagaleedhaan qophaaʼan dhaggeeffachuu jalqabde.a “Utuun filannaa akkanaa qabaachuu baadhee akkamitti karaa hafuuraa cimee itti fufuu akkan dandaʼu hin beeku” jetteetti.

Rooz wanta kanaan dura raawwachaa turte raawwachuu dadhabuu ishiitiin kan kaʼe yeroo gadditutti yaada 2 Qorontos 8:12 irra jiru irraa jajjabina argatteetti; caqasichi, “Jalqaba fedhiin yoo jiraate, kennaan nama tokkoo keessumaa fudhatama kan argatu, hamma qabuun yoo kenne malee, hamma hin qabneen yoo kenne miti” jedha. Yaadni kun Rooz humni ishii kan daangeffame taʼus wanta dandeessu hunda gochaa waan jirtuuf, wanta gootutti Waaqayyo akka gammadu ishii yaadachiiseera.

GADDA

Delfiin ishiin kanaan dura caqasamte, “Intalli too ishiin umuriin ishii waggaa 18 taʼe erga duutee booda dhiphinni natti dhagaʼamu baayʼee cimaa waan tureef, lubbuudhaan jiraachuu koo itti fufuu akkan dandaʼu amanuun na rakkisee ture. Wanti hundi jijjiirameera” jetteetti. Taʼus, yaada Faarfannaa 94:19 irratti faarfatichi Waaqayyoon, “Yeroo yaaddoon garaa kootti baayʼatu, ati na jajjabeessitee lubbuu koo gammachiifta” jedhe irraa jajjabina guddaa argatteetti. “Wantoota dhiphina koo naaf hirʼisan argachuuf akka na gargaaru Yihowaa nan kadhadhe” jetteetti.

Hojii gammachiisaa taʼe irratti fedhii ishiitiin hirmaachuudhaan hojiidhaan qabamte. Boodas, boronqii wajjin wal of fakkeessuu jalqabde; boronqiin tokko yoo caccabe illee ittiin barreessuuf ooluu dandaʼa. Haaluma wal fakkaatuun, ishiinis akka cabde kan itti dhagaʼame taʼus, amma iyyuu namoota kaan gargaaruu akka dandeessu baratteetti. “Namootan Kitaaba Qulqulluu barsiisu jajjabeessuuf yommuun qajeelfamootaa fi dhugaawwan Kitaaba Qulqulluutti fayyadamu, kun karaa Yihowaan itti na tasgabbeessuu fi itti na jajjabeessu akka taʼe yeruma sanan hubadha” jetteetti. Maqaa namoota Kitaaba Qulqulluu keessatti seenaan isaanii ibsamee fi gaddi cimaan irra gaʼee ture galmeeffatteetti. “Hundi isaanii iyyuu namoota barsiifata kadhannaa qaban akka taʼan” hubatteetti. Kana malees, “rakkina dandamachuun kan dandaʼamu Kitaaba Qulqulluu dubbisuudhaan qofa” akka taʼe baratteetti.

Delfiin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun ishii isa darbe irratti utuu hin taʼin, isa gara fuulduraa irratti xiyyeeffachuus ishii barsiiseera. Abdiin Hojii Ergamootaa 24:15 irratti ibsamee fi ‘Qajeelonnis taʼan jalʼoonni duʼaa ni kaʼu’ jedhu ishii jajjabeesseera. Yihowaan intala ishii duʼaa akka kaasu hammam mirkanaaʼaa dha? Delfiin yommuu deebistu, “Gara fuulduraatti intala too nan arga. Guyyaan itti ishii argadhu sagantaa Yihowaa isa abbaa koo taʼee irratti akka galmeeffamettan ilaala. Yeroon nuti wajjin taanee iddoo biqiltuu keenya keessatti hojjennu akkuma guyyaa itti dhalatte sanaatti ifatti natti mulʼata” jetteetti.

a Weebsaayitii jw.org irratti wantoonni sagaleedhaan qophaaʼan hedduun ni argamu.

Kitaabni Qulqulluun yeroo baayʼee rakkisaa taʼe keessatti illee jajjabina argachuuf si gargaara

WAAQAYYO KAN NU GARGAARU AKKAMITTI?

Deebiin Kitaabni Qulqulluun kennu ifa dha. Akkana jedha: “Waaqayyo warra isa waammatan hundumaatti, warra dhugaadhaan isa waammatan hundumaatti dhiʼoo dha. Inni fedha warra isa sodaatanii fiixaan in baasa; iyya isaaniis immoo in dhagaʼa, isaan in oolchas.” (Faarfannaa 145:18, 19) Kun nama hin gammachiisuu? Garuu, Waaqayyo kadhannaa namoota qajeelfama isaa garaadhaa barbaadanii kan deebisu akkamitti?

JABINA NUUF KENNUUDHAAN:

Rakkoowwan nu mudatan yeroo baayʼee abdii nu kutachiisu; akkasumas karaa qaamaa, karaa miiraa fi karaa hafuuraa nu dadhabsuu dandaʼu. (Fakkeenya 24:10) Taʼus, Yihowaan “warra dadhabaniif humna in kenna, warra aangoo [“humna,” NW] hin qabneefis jabina in kenna.” (Isaayaas 40:29) Phaawulos ergamaan inni rakkoowwan ciccimoo taʼan keessa darbe, “Karaa isa humna anaaf kennu sanaatiin jabina waan hundumaatiif na barbaachisu qaba” jedheera. (Filiphisiyus 4:13) Phaawulos hafuura qulqulluu Waaqayyoo irraa humna argateera. Atis hafuura qulqulluu akka siif kennu Waaqayyoon gaafachuu ni dandeessa.—Luqaas 11:13.

OGUMMAA NUUF KENNUUDHAAN:

Gorsa Kitaaba Qulqulluu hubachuu fi hojii irra oolchuuf gargaarsi yoo si barbaachise hoo? Yaaqoob baratichi, “Isin keessaa namni kam iyyuu ogummaan yoo isatti hirʼate, inni Waaqayyoon kadhachuu isaa itti haa fufu; sababiin isaas Waaqayyo utuu hin ceephaʼin nama hundumaaf arjummaadhaan ni kenna, isaafis ni kennama” jedheera. (Yaaqoob 1:5) Kitaaba Qulqulluu dubbisuudhaan, akkasumas barumsa argattu hojii irra oolchuudhaan tarkaanfii kadhannaa kee wajjin wal simu fudhachuu ni dandeessa. (Yaaqoob 1:23-25) Yommuu akkana gootu, gorsi isaa hammam ogummaa akka qabu hubatta.

NAGAA NUUF KENNUUDHAAN:

Yommuu dhiphinni cimaa taʼe si mudatutti illee Yihowaan akka tasgabbooftu si gargaara. Dubbiin isaa akkana jedha: “Waan hundumaa kadhannaa fi wawwaannaadhaan galataa wajjin iyyannoon keessan Waaqayyo biratti akka beekamu godhaa malee, waaʼee waan tokkoo illee hin yaaddaʼinaa; nagaan Waaqayyoo inni hubannaa hundumaa irra caalus karaa Kiristoos Yesuus garaa keessanii fi yaada keessan ni eega.” (Filiphisiyus 4:6, 7) Yihowaan nagaa akka siif kennu maaliif isa hin gaafattu?

Haa taʼu malee, rakkinni si mudate yoo dafee furamuu baate hoo? Waaqayyo akka si dhiise gootee hin yaadin. Rakkoowwan si mudatan yoo itti fufan illee Waaqayyo ija jabinaa fi humna obsuuf si gargaaru siif kennuu ni dandaʼa. (1 Qorontos 10:13) Kitaabni Qulqulluun yeroon rakkoowwan nu mudatan guutummaatti furmaata itti argatan akka dhufus abdii nuuf kenna!

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi