LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w19 Adoolessa ful. 20-24
  • Garaa Namoota Waaqayyotti hin Amannee Tuquu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Garaa Namoota Waaqayyotti hin Amannee Tuquu
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • MATUMAA HIN JIJJIIRAMAN JETTANII HIN YAADINAA
  • GARAA NAMOOTAA TUQAA
  • NAMOOTA LAMMII EESHIYAA TAʼANITTI DHUGAA HIMUU
  • Namoonni Amantaa hin Qabne Uumaa Isaanii Akka Beekan Gargaaraa
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2023
  • Tajaajila Keessaniif Ilaalcha Sirrii Qabaadhaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2021
  • Namoota Kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu Qayyabachuuf Fedhii Hin Qabne Gargaaruu
    Tajaajila Mootummaa—2013
  • Dargaggootaa, Amantii Keessan Cimsadhaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
w19 Adoolessa ful. 20-24

MATA DUREE QOʼANNAA 30

Garaa Namoota Waaqayyotti hin Amannee Tuquu

“Hamma anaaf dandaʼametti namoota tokko tokko oolchuuf akaakuu namootaa hundaaf waan hundumaa nan taʼe.”—1 QOR. 9:22.

FAARFANNAA 82 ‘Ifni Keessan haa Ifu’

QABIYYEEa

1. Waggoottan kurnan darban iddoowwan tokko tokkotti jijjiiramni akkamii taʼeera?

WAGGOOTA kumaan lakkaaʼamaniif, namoonni addunyaa irra jiran garri caalaan isaanii, amantii taʼe tokko waan qaban fakkaatu turan. Haa taʼu malee, waggoottan kurnan dhihoodhaa asitti jijjiiramni guddaan taʼeera. Namoonni lakkoofsi isaanii baayʼinaan dabalaa jiru amantii hin qaban. Biyyoota tokko tokko keessatti uummata biyya sanaa keessaa harki caalaan amantii akka hin qabne dubbatu.b—Mat. 24:12.

2. Namoonni hedduun amantii kan hin qabne kan taʼan maaliif taʼuu dandaʼa?

2 Namoonni amantii akka hin qabne dubbatan lakkoofsi isaanii yeroodhaa gara yerootti dabalaa kan jiru maaliifi?c Tokko tokko gammachuu argachuu ykn rakkina isaanii irratti xiyyeeffachuudhaan yaadni isaanii hihhiramee taʼuu dandaʼa. (Luq. 8:14) Warri tokko tokko immoo Waaqayyotti amanuu dhiisaniiru. Isaan kaan immoo, Waaqayyotti kan amanan taʼus, amantiin yeroon kan itti darbee, barbaachisaa kan hin taane, akkasumas saayinsii fi sababa qabeessa taʼuu wajjin akka wal hin simne yaadu. Michoonni, barsiisonni ykn sabqunnamtiin jireenyi jijjiirama tirannaatiin dhufe yommuu jedhan dhagaʼanii taʼuu dandaʼa, Waaqayyotti amanuuf sababii gaariin akka jiru garuu dhagaʼanii hin beekan. Warri kaan immoo luboonni qarshii fi aangoodhaaf sassatoo taʼuun isaanii isaan nuffisiiseera. Iddoowwan tokko tokkotti mootummoonni sochii amantii seeraan daangessaniiru.

3. Kaayyoon mata duree kanaa maali dha?

3 Yesuus, ‘dhaqnee saba hundumaa keessaa namoota barattoota akka goonu’ nu ajajeera. (Mat. 28:19) Namoonni amantii akka hin qabne dubbatan Waaqayyoon akka jaallatanii fi barattoota Kiristoos akka taʼan akkamitti isaan gargaaruu dandeenya? Deebiin namni tokko ergaa keenyaaf kennu bakka inni guddate irratti hundaaʼuu akka dandaʼu beekuu qabna. Fakkeenyaaf, namoonni Awurooppaatti guddatan, akka namoota Eeshiyaatti guddatanitti deebii nuu kennuu dhiisuu dandaʼu? Maaliifi? Awurooppaa keessatti, namoonni waaʼee Kitaaba Qulqulluu hamma tokko beekan, waan hundumaa kan uume Waaqayyo akka taʼe yaada ibsu ni beeku. Eeshiyaa keessatti garuu, namoonni hedduun waaʼee Kitaaba Qulqulluu waan xinnoo qofa beeku ykn homaa hin beekan, akkasumas Uumaatti amanuu dhiisuu dandaʼu. Kaayyoon mata duree kanaa, bakki isaan itti guddatan ykn wanti isaan itti amanan maali iyyuu yoo taʼe, garaa namoota tajaajila irratti argannuu tuquu akka dandeenyu nu gargaaruu dha.

MATUMAA HIN JIJJIIRAMAN JETTANII HIN YAADINAA

4. Ilaalcha sirrii qabaachuu keenya itti fufuu kan qabnu maaliifi?

4 Ilaalcha Sirrii Qabaadhaa. Waggaa waggaadhaan, namoonni amantii akka hin qabne dubbatan Dhugaa Baatota Yihowaa taʼu. Namoota kana keessaa baayʼeen duruma iyyuu naamusa gaarii kan qaban siʼa taʼu, fakkeessaa amantii baayʼee kan jibban turan. Warri kaan immoo sadarkaan naamusaa isaanii gad aanaa siʼa taʼu, isaan keessaa baayʼeen isaanii barsiifata mancaʼaa dhiisuun isaan barbaachisu qabu turan. Nutis gargaarsa Yihowaatiin, ‘warra jireenya bara baraa argachuuf kakaʼumsa sirrii qaban’ argachuu akka dandeenyu mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya.—HoE. 13:48; 1 Xim. 2:3, 4.

Obboleessi tokko hospitaala keessatti nama isaa wajjin hojjetuuf kan lallabe siʼa taʼu, namichis booda, Barumsa Kitaaba Qulqulluu Intarneetiidhaan kennamu ilaale

Namoota Kitaaba Qulqulluutti hin amanneef yommuu dhugaa baatan akka haala isaatti jijjiirama godhaa (Keeyyata 5-6 ilaali)d

5. Yeroo baayʼee namoonni ergaa keenyaaf deebii gaarii akka kennan kan godhu maali dha?

5 Gaarummaa fi Tooftaa kan Qabdan Taʼaa. Namoonni yeroo baayʼee ergaa keenyaaf deebii gaarii kan kennan, wanta nuti dubbannuun kan kaʼe utuu hin taʼin, akkaataa itti dubbannuun kan kaʼe dha. Gaarummaa kan isaanitti argisiisnuu fi tooftaa kan qabnu yoo taʼe, ergaa keenya ni dinqisiifatu, akkasumas fudhachuuf fedhii qabaatu. Wanta nuti dubbannu akka dhaggeeffatan isaan hin dirqisiisnu. Kanaa mannaa, amantiidhaaf ilaalcha akkamii akka qaban hubachuuf yaalii goona. Fakkeenyaaf, namoonni tokko tokko namoota hin beeknee wajjin waaʼee amantii dubbachuu akka hin jaallanne hubachuu dandeenya. Warri kaan immoo waaʼee Waaqayyoo yaada akkamii akka qabu nama tokko gaafachuun amala gaarii akka hin taane isaanitti dhagaʼama. Kaan immoo nama tokko wajjin keessumaa immoo Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin utuu Kitaaba Qulqulluu dubbisanii namni yoo isaan arge ni qaanaʼu. Haalli isaa maal iyyuu yoo taʼe, miira namootaa hubachuuf yaalii goona.—2 Xim. 2:24, milj.

6. Phaawulos ergamaan akka haala isaatti yaada isaa akka jijjiiru kan argisiise akkamitti? Nuti hoo fakkeenya isaa akkamitti hordofuu dandeenya?

6 Jechootaa “Kitaaba Qulqulluu,” “uumama,” “Waaqayyo,” ykn “amantii” jedhanitti fayyadamuun keenya nama tokko akka hin gammachiisne yoo hubanne maal goona? Fakkeenya Phaawulos ergamaa hordofuudhaan, akkaataa isaan itti mariisisnu jijjiiruu ni dandeenya. Phaawulos Yihudootaa wajjin yommuu dubbatu Kitaaba Qulqulluu irraa isaaniif caqaseera. Yeroo Aariyophaagositti falaasota Giriikii wajjin dubbatu garuu kallattiidhaan Kitaaba Qulqulluu hin caqasne. (HoE. 17:2, 3, 22-31) Fakkeenya Phaawulos hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Yommuu nama Kitaaba Qulqulluutti hin amannee wajjin wal argitanii mariʼattan kallattiidhaan Kitaaba Qulqulluu irraa caqasuu dhiisuun keessan gaarii taʼuu dandaʼa. Namni tokko utuu isin wajjin Kitaaba Qulqulluu dubbisuu namoonni kaan yoo isa argan akka itti hin tolle yoo hubattan, caqasoota karaa namootatti hin mulʼanneen, kan akka meeshaa elektirooniksiitiin itti argisiisuuf yaalaa.

7. Akkuma 1 Qorontos 9:20-23 irratti ibsame, fakkeenya Phaawulos hordofuuf maal gochuu qabna?

7 Kan Dhaggeeffattanii fi kan Hubattan Taʼaa. Namoonni argannu akkasitti akka yaadan kan isaan godhe maal akka taʼe hubachuuf yaaluu qabna. (Fak. 20:5) Mee ammas fakkeenya Phaawulos haa ilaallu. Inni kan guddate Yihudoota keessatti ture. Namoota saba Waaqayyoo hin taane, warra waaʼee Yihowaa fi waaʼee Kitaaba Qulqulluu waan xinnoo qofa beekan ykn homaa hin beekneef lallabuuf akka haala isaatti jijjiirama godhee akka ture beekamaa dha. Namoota naannoo tajaajilaa keenya keessa jiranitti gara laafina argisiisuu fi yaada isaanii hubachuuf, qorannaa gochuun ykn namoota muuxannoo qaban gaafachuun nu barbaachisuu dandaʼa.—1 Qorontos 9:20-23 dubbisi.

8. Waaʼee Kitaaba Qulqulluu maree jalqabuudhaaf karaan inni tokko maali dha?

8 Galmi keenya namoota ‘ergaa keenya fudhatan’ barbaaduu dha. (Mat. 10:11) Buʼa qabeessa taʼuuf, namoonni yaada isaanii akka ibsan afeeruu fi xiyyeeffannaadhaan isaan dhaggeeffachuu qabna. Obboleessi Ingilaandi keessa jiraatu tokko gaaʼela gammachiisaa qabaachuu, ijoollee guddisuu ykn jalʼina haqaa dandamachuun akkamitti akka dandaʼamu ilaalchisee ilaalcha namoonni qaban isaan gaafata. Achiis wanta isaan dubbatan erga dhaggeeffatee booda, “Waaʼee gorsa gara waggaa 2000 dura barreeffame kanaa maal yaadda?” jedha. Sana booda, jecha “Kitaaba Qulqulluu,” jedhu utuu hin dubbatin, moobaayilii isaa irraa caqasoota filate itti argisiisa.

GARAA NAMOOTAA TUQAA

9. Namoota waaʼee Waaqayyoo mariʼachuu hin jaallanne akkamitti gargaaruu dandeenya?

9 Waaʼee wantoota isaan mudachaa jiranii dubbachuudhaan, garaa namoota waaʼee Waaqayyoo mariʼachuu hin barbaannee tuquu dandeenya. Fakkeenyaaf, namoonni hedduun uumama ni dinqisiifatu. Kanaafuu, yaada akka armaan gadii jechuu dandeenya: “Wantoonni hedduun kan kalaqaman, saayintistoonni wantoota uumamaan jiran irraa koppii waan godhaniif akka taʼe tarii ni beekta taʼa. Fakkeenyaaf namoonni diizaayinii maaykiroofoonii hojjetan gurra irratti qorannaa godhaniiru, diizaayinii kaameeraa kan hojjetan immoo ija irratti qorannaa godhaniiru. Atoo waaʼee uumamaa yeroo yaaddu maaltu gara sammuu keetti dhufa? Ofuma isaatiin akka dhufe moo qaamni tokko ykn wanti kan biraan akka isa uume gootee yaadda?” Xiyyeeffannaadhaan erga isa dhaggeeffannee booda, akkas jechuu dandeenya: “Injiinaroonni diizaayinii gurraa fi ijaa irraa yommuu baratan, eenyu irraa barachaa jiru jennee gaafachuu dandeenya taʼa. Barreessaan walaloo bara durii jiraate tokko wanti inni barreesse na dinqisiiseera. Akkas jedheera: ‘Inni gurra namaaf dhaabe ofii isaatii hin dhaga’uu ree? Inni ija tolche ofii isaatii hin arguu ree? Inni isa beekumsa nama barsiisu dha.’ Saayintistoonni tokko tokko yaada kana irratti walii galuudhaan, xumura kana fakkaatu irra gaʼaniiru.” (Far. 94:9, 10) Sana booda jw.org irraa “Gaafannoo fi Muuxannoo” jalaa “Yaadawwan Dhufaatii Jireenyaa Ilaalchisee Kennaman” keessaa viidiyoo tokko itti argisiisuu dandeenya. (WANTOOTA QOPHAAʼAN > VIIDIYOO jalaa ilaali.) Yookiin birooshura Jireenyi Uumamaan Argamee? Yookiin birooshura Madda Jireenyaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Gaafatamuu Qaban Shan jedhu isaaniif kennuu dandeenya.

10. Nama waaʼee Waaqayyoo mariʼachuu hin barbaanne tokkoo wajjin maree jalqabuu kan dandeenyu akkamitti taʼuu dandaʼa?

10 Namoonni baayʼeen gara fuulduraatti yeroo gaariin akka dhufu ni barbaadu. Haa taʼu malee, namoonni hedduun lafti ni balleeffamti ykn bakka jireenyaaf hin mijanne taati jedhanii sodaatu. Daawwataan ol aanaa Noorweey keessa jiraatu tokko, namoonni waaʼee Waaqayyoo mariʼachuu hin barbaanne, yeroo baayʼee waaʼee haala addunyaa keessa jiruu mariʼachuuf fedhii qabaatu jedheera. Obboleessi kun erga nagaa gaafatee booda akkas jedha: “Gara fuulduraatti yeroo gaariin akka dhufu abdii qabnu ilaalchisee maaltu sitti dhagaʼama? Namoonni siyaasaa, saayintistoonni ykn namni kan biraan abdii keenya kana waan nuuf raawwatan sitti fakkaataa?” Xiyyeeffannaadhaan erga dhaggeeffatee booda, caqasa yeroo gaariin akka dhufu ibsu tokko dubbisa ykn afaanumaan itti hima. Namoonni tokko tokko lafti bara baraaf akka jiraattuu fi namoonni gaariin bara baraaf akka irra jiraatan ilaalchisee abdiin Kitaaba Qulqulluu isaan dinqisiisa.—Far. 37:29; Lal. 1:4.

11. Akkaataa dhiheenyaa gara garaatti fayyadamuuf yaaluu kan qabnu maaliifi? Akkuma Roomaa 1:14-16 irratti ibsame, fakkeenya Phaawulos hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

11 Namoota argannu mariisisuuf akkaataa dhiheenyaa gara garaa fayyadamuun keenya barbaachisaa dha. Maaliifi? Sababiin isaas namni hundi garaa gara dha. Wanti xiyyeeffannaa isa tokkoo harkisu, inni kan biraan akka hin dhaggeeffanne gochuu dandaʼa. Namoonni tokko tokko waaʼee Waaqayyoo ykn Kitaaba Qulqulluu dubbachuu kan hin barbaanne siʼa taʼan, warri kaan garuu waaʼee kanaa irratti mariʼachuuf fedhii qabu. Sanas taʼe kana namoota hundumaa haasofsiisuuf carraa arganne hundumaatti fayyadamuu qabna. (Roomaa 1:14-16 dubbisi) Dhugaa dha, namoota garaa qajeelaa qaban keessatti dhugaan akka guddatu kan godhu Yihowaa akka taʼe beekuu qabna.—1 Qor. 3:6, 7.

NAMOOTA LAMMII EESHIYAA TAʼANITTI DHUGAA HIMUU

Dhugaa Baatuun tokko dubartii biyya amantii Kiristiyaanaa hin hordofne takka wajjin gorsa hojii irra ooluu dandaʼu Kitaaba Qulqulluu irraa yommuu ishiitti argisiisu

Babalʼistoonni Mootummichaa baayʼeen namoota biyyoota Kiristiyaana hin taane irraa dhufaniif ilaalcha sirrii qabu akkasumas ogummaa Kitaaba qulqulluu keessa jiru isaaniif lallabu (Mata duree qoʼannaa 30, keeyyata 12-13 ilaali)

12. Namoota lammii Eeshiyaa taʼanii fi waaʼee Uumaa hin beekneef dhugaa baʼuuf maal gochuu dandeenya?

12 Addunyaa maratti, babalʼistoonni hedduun namoota biyyoota mootummaan sochii amantii irratti daangaa godhe dabalatee, namoota lammii Eeshiyaa taʼanii wajjin wal argu. Biyyoota Eeshiyaa hedduu keessatti, Uumaan jiraachuu fi dhiisuu isaa matumaa gad fageenyaan irratti yaadanii hin beekan. Tokko tokko Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf fedhii guddaa kan qaban siʼa taʼu, warri kaan garuu, jalqaba irratti yaada haaraa barachuuf ni mamu. Garaa isaanii tuquuf maal gochuu dandeenya ree? Babalʼistoonni muuxannoo qaban tokko tokko, nageenya isaaniitiif akka yaadan argisiisuu, dhuunfaatti xiyyeeffannaa isaaniif kennuu fi yeroo sirrii taʼutti immoo dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu tokko tokko yoo hojii irra oolchan jireenyi isaanii akkamitti akka fooyyaʼu dubbachuudhaan salphaatti maree gochuu dandaʼaniiru.

13. Namoonni Kitaaba Qulqulluu akka jaallatan maaltu isaan gochuu dandaʼa? (Suuraa qola isaa irra jiru ilaali.)

13 Namoonni hedduun jalqaba irratti ogummaa gaariin Kitaaba Qulqulluu keessa jiru xiyyeeffannaa isaanii harkiseera. (Lal. 7:12) Niwuu Yoorki keessatti obboleettiin namoota afaan Mandaariin dubbatan haasofsiiste tokko akkas jetteetti: “Namootaaf xiyyeeffannaa kennuu fi isaan dhaggeeffachuuf yaaliin godha. Biyya alaatii kan dhufan dhiheenya akka taʼe yoon hubadhe akkas jedheen gaafadha: ‘Akkam itti baraa jirtaa? Hojii argatteettaa? Namoonni akka gaariitti isin simachaa jiruu?’” Kun yeroo tokko tokko barumsa Kitaaba Qulqulluu beeksisuuf karaa bana. Obboleettiin kun yeroo sirrii taʼutti akkas jetti: “Namootaa wajjin hariiroo gaarii uumuuf wanti baayʼee barbaachisaa taʼe maal sitti fakkaata? Kitaaba Qulqulluu keessaa fakkeenya tokko sitti argisiisuu nan dandaʼaa? Akkas jedha: ‘Lola kaasuun akkuma hidha bishaanii cabsuu ti;lolli kaʼuu isaa dura bakka sanaa deemi!’ Gorsi kun warra kaanii wajjin nagaadhaan jiraachuuf kan nu gargaaruu sitti fakkaataa?” (Fak. 17:14, NW) Mareen akkasii namoota deddeebiin gaaffii akka isaaniif godhamu barbaadan adda baasnee beekuuf nu gargaaruu dandaʼa.

14. Obboleessi Baha Fagoo jiraatu tokko namoota Waaqayyotti akka hin amanne dubbatan kan gargaaru akkamitti?

14 Namoota Waaqayyotti akka hin amanne nutti himan hoo maal gochuu dandeenya? Obboleessi Baha Fagoo keessatti namoota Waaqayyotti akka hin amanne dubbataniif lallabuu irratti muuxannoo guddaa qabu tokko akkas jedheera: “Keessumaa bakka kanatti, namni tokko ‘Waaqayyotti hin amanu’ yommuu jedhu, waaqayyolii namoonni naannoo sanaa waaqeffatan hin waaqeffadhu jechuu isaa ti. Kanaafuu, waaqayyolii hedduun namootaan kan hojjetamanii fi dhugumaan kan jiran akka hin taane irrattan walii gala. Yeroo hedduu Ermiyaas 16:20 isa, ‘Namni ofii isaatiif waaqayyolii tolfachuu danda’aa ree? Waawuu! Wanti namni tolfatu waaqayyolii ta’uu hin danda’u’ jedhu isaaniif nan dubbisa. Achiis akkas jedheen gaafadha: ‘Waaqa dhugumaan jiruu fi waaqayyolii namootaan tolfaman akkamitti adda baasuu dandeenya?’ Xiyyeeffannaadhaan ergan dhaggeeffadhee booda Isaayaas 41:23 nan dubbisa; caqasichi akkas jedha: ‘Nuyi waaqayyolii ta’uu keessan akka beeknutti, mee wanta kana booddeedhaan dhufuuf jiru nutti himaa!’ Sana booda, Yihowaan waaʼee gara fuulduraa akkamitti akka dubbate fakkeenya argisiisu tokkon itti argisiisa.”

15. Fakkeenya obboleessa Baha Eeshiyaa keessa jiraatu tokkoo irraa maal baranna?

15 Obboleessi Baha Eeshiyaa keessa jiraatu tokko deddeebii gaaffii gochuuf akkaataa dhiheenyaa armaan gadiitti fayyadama. Akkas jedha: “Kitaabni Qulqulluun ogummaa qabaachuu isaa, raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu raawwatamanii fi seerawwan uumama cufa toʼatan ilaalchisee yaadawwan fakkeenya taʼan isaanitti nan argisiisa. Achiis wantoonni kun hundi Uumaan jiraataa fi ogeessa taʼe jiraachuu isaa kan argisiisan akkamitti akka taʼe isaanittan argisiisa. Namni tokko Waaqayyo jiraachuu dandaʼa yaada jedhu yommuu fudhatu, Kitaabni Qulqulluu waaʼee Yihowaa maal akka dubbatu isatti argisiisuun jalqaba.”

16. Akka Ibroota 11:6 irratti ibsametti qoʼattoonni, Waaqayyoo fi Kitaaba Qulqulluu irratti amantii qabaachuu kan isaan barbaachisuu maalifi? Akkasumas, amantii kana akka guddifatan isaan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?

16 Namoota amantii akka hin qabne dubbatan yommuu Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisnu, Waaqayyo jiraachuu isaa irratti amantii qaban akka guddifatan gargaaruu keenya itti fufuu qabna. (Ibroota 11:6 dubbisi.) Amantii Kitaaba Qulqulluu irratti qaban akka guddifatan isaan gargaaruun keenyas barbaachisa dha. Kun immoo qabxiiwwan tokko tokko al hedduu irra deddeebinee dubbachuu nu gaafachuu dandaʼa. Yeroo qoʼannaa geggeessinu hundatti, ragaa Kitaabni Qulqulluu Dubbii Waaqayyoo taʼuu isaa argisiisu irratti mariʼachuun nu barbaachisuu dandaʼa. Kunis raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu raawwataman irratti, gama saayinsii fi seenaatiin sirrii taʼuu isaa ykn ogummaa hojii irra ooluu dandaʼu qabaachuu isaa irratti maree gabaabaa gochuu dabalachuu dandaʼa.

17. Jaalalli keenya namoota irratti dhiibbaa akkamii qabaachuu dandaʼa?

17 Namoonni amantii qabaatanis qabaachuu baatanis, jaalala isaanitti argisiisuudhaan barattoota Kiristoos akka taʼan isaan gargaaruu ni dandeenya. (1 Qor. 13:1) Yeroo isaan barsiisnutti galmi keenya Waaqayyo akka nu jaallatuu fi nutis akka isa jaallannu akka barbaadu isaan hubachiisuu dha. Namoonni duraan amantiidhaaf fedhii xinnoo qaban ykn homaa hin qabne, jaalala Waaqayyoof qaban waan guddifataniif namoonni kumaan lakkaaʼaman waggaa waggaadhaan ni cuuphamu. Kanaafuu, ilaalcha sirrii qabaachuudhaan, namoota hundumaaf jaalala akka qabdan argisiisaa, akkasumas xiyyeeffannaa isaaniif kennaa. Isaan dhaggeeffadhaa. Isaan hubachuuf yaalii godhaa. Fakkeenya isaaniif taʼuudhaan barattoota Kiristoos akka taʼan isaan barsiisaa.

MAAL JETTEE DEEBISTA?

  • Tajaajila keenya irratti ilaalcha sirrii qabaachuu kan dandeenyu akkamitti?

  • Namoota amantii hin qabne garaa isaanii tuquu kan dandeenyu akkamitti?

  • Namoota argannu hundumaatti dhugaa himuu kan qabnu maaliifi?

FAARFANNAA 76 Hammam Gammadda?

a Yeroo harʼaatti, isa kanaan duraa caalaa namoota Waaqayyotti hin amannee wajjin yeroo baayʼee wal argina. Mata dureen kun, dhugaa Kitaaba Qulqulluu isaanitti himuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe, akkasumas Kitaaba Qulqulluu irratti amanannaa akka qabaatanii fi Yihowaatti amanuu akka dandaʼan isaan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ibsa.

b Qorannoowwan akka argisiisanitti, biyyoota akkasi keessaa tokko tokko kanneen armaan gadii dabalatu: Albaaniyaa, Awustiraaliyaa, Ostiriyaa, Azarbaajaan, Kaanaadaa, Chaayinaa, Cheek Rippuubliik, Deenmaarki, Faransaayi, Jarman, Hoongi Koongi, Aayerlaandi, Israaʼel, Jaappaan, Neezarlaandi, Noorweeyi, Kooriyaa Kibbaa, Ispeen, Siwiidin, Siwiizarlaandi, Yunaayitid Kiingidamii fi Veetinaam.

c IBSA JECHAA: Mata duree kana keessatti yaadni namoota amantii hin qabne jedhu, namoota miseensa dhaabbata amantii kamii iyyuu hin taane ykn Waaqayyotti hin amanne argisiisa.

d IBSA FAKKII: Obboleessi tokko hospitaala keessatti nama isaa wajjin hojjetuuf kan lallabe siʼa taʼu, namichis booda, Barumsa Kitaaba Qulqulluu Intarneetiidhaan kennamu ilaale.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi