LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb23 Fulbaana ful. 13
  • Namoonni Amantaa hin Qabne Uumaa Isaanii Akka Beekan Gargaaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Namoonni Amantaa hin Qabne Uumaa Isaanii Akka Beekan Gargaaraa
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2023
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Garaa Namoota Waaqayyotti hin Amannee Tuquu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
  • Meeshaalee Buʼuuraa Barsiisuuf Itti Fayyadamnutti Karaa Buʼa Qabeessa Taʼeen Itti Gargaaramuu
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2018
  • Dhugaa Barsiisuu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
  • Ragaa Jiru Qori
    Dammaqaa!—2021
Dabalataan Ilaaluuf
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2023
mwb23 Fulbaana ful. 13
Obboleettiin takka dubartii Eeshiyaa takkaaf dhugaa baʼaa jirti.

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Namoonni Amantaa hin Qabne Uumaa Isaanii Akka Beekan Gargaaraa

Namoonni amantaa hin qabne deebii gaarii nuuf hin kennan jettanii yaaduudhaan isaaniif dhugaa baʼuu irraa duubatti jettanii beektuu? Taanaan namoota Waaqayyo hin jiru jedhanii amanaa turan dabalatee, namoonni amantaa hin qabne hedduun yeroo booda Dhugaa Baatota Yihowaa akka taʼan yaadadhaa. Yeroo baayʼee, wanti isaan barbaachisu ragaalee Waaqayyo jiraachuu isa ibsan akka qoraniif gargaarsa muraasa isaaniif gochuu qofa ture.—Rom 1:20; 10:14.

VIIDIYOO NAMOONNI AMANTII HIN QABNE AMANTII QABAACHUU AKKA DANDAʼAN YAADADHAA!—NAMOONNI AMANTAA HORDOFAN HIN QABNE JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFII ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

Muuxannoon Tomaasoo namoota amantaa hin qabneef lallabuuf ilaalcha gaarii akka qabaattu kan si gargaare akkamitti?

Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti?

Namni tokko Waaqayyotti akka hin amanne yoo sitti hime, gaarummaa itti argisiisi, malaan itti dubbadhu, akkasumas yaada isaa fi miira isaatiif garaadhaa akka yaaddu argisiisi. (2Xi 2:24) Dhimmoota isa hawwachuu dandaʼan irratti mariʼadhaa. Ragaalee namoonni hedduun Uumaatti akka amanan isaan gargaare irratti mariʼachuuf fedhii qabaa? Taanaan barreeffamootaa fi viidiyoowwan kaayyoo kanaaf qophaaʼanitti fayyadami. Birooshuroonni Jireenyi Uumamaan Argamee?, akkasumas Madda Jireenyaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Deebii Argachuu Qaban Shan jedhaman salphaatti argachuu akka dandeenyuuf kutaa Meeshaalee Barsiisuuf Itti Fayyadamnu jedhu jalatti dabalamaniiru.

Jalqaba irratti, nama Waaqayyotti hin amannee wajjin waaʼee dhugaa mariʼachuu yaaduun si sodaachisa taʼa. Babalʼisaan muuxannoo qabu tokko akka si gargaaru maaliif hin gaafattu? Yihowaan namoota jalqaba irratti inni jiraachuusaa hin amanne dabalatee, carraaqqii garaa namoota kakaʼumsa sirrii qabanii tuquuf goonu irratti akka nu gargaarus yaadadhu.—HoE 13:48.

Birooshura “Jireenyi Uumamaan Argamee?”
Birooshura “Madda Jireenyaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Deebii Argachuu Qaban Shan.”
    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi