LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 1/03 ful. 3
  • Saanduqa Gaaffii

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Saanduqa Gaaffii
  • Tajaajila Mootummaa—2003
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Naannoo Tajaajilaa Afaan Biyya Alaa Guddisuu
    Tajaajila Mootummaa—2009
  • Malawwan Misiraachichi Ittiin Lallabamu
    Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu
  • Ilaaltoota Ol Aanaa Tuuta Hoolotaa Tiksan
    Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu
  • Biyya Biraatti Yeroo Tajaajiltan Karaa Hafuuraa Akka hin Miidhamne Of Eeggadhaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2003
km 1/03 ful. 3

Saanduqa Gaaffii

◼ Tuuta afaan biyya alaatiin geggeeffamu gurmeessuun kan barbaachisaa ta’u yoomii?

Naannoo tajaajila gumii keessatti namoonni afaan biyya alaa dubbatan baay’inaan yoo jiraatan, afaan sanaan lallabuun akka danda’amutti jaarsoliin gumii qindoominaan hojjechuu qabu. Namoonni kun naannoo gumii ollaa ta’an adda addaa keessatti faffaca’anii argamu ta’a. Yoo akkas ta’u gumiileen adda addaa kun waliin ta’anii akkaataa isaan itti hojii lallabaa kana geggeessan, daawwattootni olaanaa aanaa qajeelfama barbaachisaa ta’e ni kennu. Namoota afaan kanaan dubbatan keessaa hammam isaanii akka walga’ii irratti argaman eega ilaalamee booda sadarkaa sadarkaadhaan, walga’iin sabaa yookiin Qo’annaan Masaraa Eegumsaa afaan isaanitiin akka geggeeffamu gochuu ni danda’ama.

Tuutni afaan biyya alaatiin geggeeffamu gurmaa’udhaaf ulaagaan armaan gadii guutamuu qaba: (1) Baball’istoonni yookiin namoonni fedhii agarsiisanii fi misiraachoo afaan kanaan labsamu akka gaarriitti hubatan jiraachuu qabu. (2) Jaarsoliin yookiin tajaajiltoonni dandeettii qaban, yoo xinnaate torbanitti walga’ii tokko kan gegeessan jiraachuu qabu. (3) Qaamni jaarsolii tuuta kana deeggaruuf fedha agarsiisuu qabu. Ulaagaan barbaachisaa ta’e kun yoo guutame qaamni jaarsolii tuuta kana ilaalchisee damee biirootiif yaada dhiheessu. Isaaniis kana hubannoo keessa galchuudhaan tuuta kana gurmeessuuf qajeelcha barbaachisu ni kennu.

Tuutawwan hedduun Qayyabannaa Kitaabaa torban torbaniin godhamuun jalqabamu. Booddees jaarsoliin walga’iin gara biraa jechuuniis, Walga’iin Sabaa fi Qayyabannaan Masaraa Eegumsaa akka geggeeffamu ni heeyyamu ta’a. Tuuta kanaaf qophiin walga’ii bobba’a tajaajilaas godhamuufii danda’a. Jaarsi yookiin tajaajilaan gumii afaan kanaan gorsa kennuu danda’u yoo jiraate kutaan Mana Barumsaa Ti’ookraasii lakkoofsa 2, 3 fi 4 Galma lammaffaatti dhihaachuu danda’a. Haata’u malee tuutni kun, Amalawwan haasawaa ilaalchisee haasawaa dhihaatu, haasawaa qajeelfamaa, ijoo yaada Macaafa qulqulluu fi Walga’ii Tajaajilaa irratti gumii isaan gargaaru wajjiin hirmaatu. Tuuta kanaaf Wal ga’iin bobba’a tajaajilaa qophaawufii ni danda’a.

Miseensonni tuuta kanaa hundi to’annaa qaama jaarsolii jalatti walitti dhiheenyaan hojjachuun isaan irraa eegama. Jaarsoliin karaa madaalamaa ta’een fedha tuuta kanaa guutuudhaaf kaka’uu qabu. Karaa hafuuraa tuuta kana jajjabeessuuf daawwataan ol’aanaa aanaa yeroo gumii sana daawwatu bobba’a tajaajilaa irratti tuuta sanaa wajjiin tajaajiluuf qophii gochuu qaba. Eebba Yihowaatiin tuutni afaan biyya alaatiin geggeeffamu kun yeroo booda sadarkaa gumiitti ol guddachuu danda’a.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi