Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenyaa?
MASARAA EEGUMSAA Elba 1
“Fakkiin kun Irbaanni Gooftaa yeroo kabajamu kan argisiisuudha. [Fuula jalqabaafi dhumaa barreeffamichaa itti argisiisi.] Ayyaanni Kristiyaanonni akka kabajan ajajaman kana qofa ta’uusaa beekta turtee? [Hanga deebii kennutti eegiitii, Luuqaas 22:19 dubbisiif.] Barruun kun barbaachisummaa ayyaana kanaafi akkamitti akka si’ilaalu ibsa.”
Dammaqaa! Ebla 2003
“Waaqayyo ijoollee xixiqqoo dabalatee ilmaan namaa hundi hanqina nyaata madaalamaatiin akka rakkatan ni barbaada jettee yaaddaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Abdii nama jajjabeessu, kan Macaafa qulqulluurra jiru kana qalbeeffadhu. [Faarfannaa 65:9 dubbisiif.] Dammaqaan! kun sababiiwwan hanqina nyaata madaalamaafi, caalaattimmoo kana hambisuuf abdiin Waaqayyo kenne dhihootti akka raawwatamu dubbata.”
MASARAA EEGUMSAA Elba 15
“Waggoota dhihoodhaa as namoonni baay’een qabeenya hafuuraatiif iddoon isaan kennan xinnaachaa dhufeera. Atoo kana hubatteettaa? [Hanga deebii kennutti eegiitii, Faarfannaa 119:105 dubbisiif.] Dhimmiwwan hafuuraa jireenya keenya keessatti adeemmii balaa nurraan ga’urraa akka fagaannu nugargaara. Barruun kun qabeenyi hafuuraa dhugaan eessaa argamu akka danda’u ibsa.”
April. 22
“Addunyaa jijjiiramni itti baay’ate kanatti, ijoolleen yeroosaanii malee guddachuunsaanii namoota baay’ee ni yaaddessa. Siinoo siyaaddessaa? [Hanga deebii kennutti eegiitii, Lallaba 3:1, 4 dubbisiif.] Ijoollummaan yeroo ba’aa ga’eessotaa itti baatan ta’uu hin qabu. Barruun Dammaqaa! Kun, warri ijoolleesaanii daa’imummaasaaniitii jalqabee akkamitti eeguu akka danda’an yaada dhiheessa.”