LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 3/04 ful. 3-4
  • Sagantaa Haaraa Walga’ii Aanaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Sagantaa Haaraa Walga’ii Aanaa
  • Tajaajila Mootummaa—2004
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • “Jabaatanii Dhaabachuun Hojii Isaa Fiixaan Akka Baasu Godhaa”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
  • Isa Jabaatee Dhaabbate Sana Akka Gaariitti Yaadaa
    “Kottuutii Duuka Buutuu Koo Taʼi”
  • Jaarmiyaa Yihowaatti Dhihaadhaa Jiraadhaa
    Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu
  • Sagantaa Haaraa Walga’ii Aanaa
    Tajaajila Mootummaa—2004
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2004
km 3/04 ful. 3-4

Sagantaa Haaraa Walga’ii Aanaa

1 Gooftaan keenya Yesus, bartootasaarra rakkinni akka ga’u raajiidhaan dubbateera. (Mat. 24:9) Qorumsaaf ilaalcha akkamii qabaachuu qabna? Rakkoowwan akka obsaan dabarsinu maaltu nu gargaaruu danda’a? Sagantaan walga’ii aanaa 2004, gaaffiiwwan kanaaf deebii kenna. Mata dureen walga’iichaa: “Abdii Qabdanitti Gammadaa; Rakkina Obsaa!” kan jedhudha.​—Rom. 12:12.

2 Simpooziyamii Lama: Matadureen simpooziyamii jalqabaa, “Obsaan Ija Godhadhaa” kan jedhu yeroo ta’u, karaa ija godhachuu itti dandeenyu ibsa. Miira ariifannaatiin akkamitti akka lallabaniifi barsiisan ilaalchisee babal’istoota hedduudhaaf gaaffiifi deebiin ni godhama. Haasawaan mata duree “Waaqayyo Yeroo Nu Adabu” jedhamu sababii gahaa dhiheessuudhaan ijoolleensaanii maaliif akka adabaman amansiisuu akka danda’an waan ibsuuf, warri ijoollee hasawaa kanaaf xiyyeeffannaa kennuu qabu. Obboleessi simpooziyamii isa dhumaa dhiheessu, suutuma suuta ilaalcha addunyaa kanaa nu miidhaniifi wantoota akka ija hin godhanne nutaasisanirraa fagaachuuf maal gochuu akka qabnu addeessa.​—Mar. 4:​19.

3 Mata dureen simpooziyamii lammataa “Obsaan Fiigaa” kan jedhudha. Kutaan kun, jireenyi keenya wal’aansoo wajjin akkamitti akka wal fakkaatu ibsa gaarii kenna. Akka seerasaatti dorgomuu kan qabnu maaliifi? Wanta ba’aa nutti ta’u hunda ofirraa fuudhuufi, dorgommii jireenyaaf goonu dadhabbii malee itti fufuu kan dandeenyu akkamitti? Gorsi yeroosaatti Caaffata Qulqulluurraa dhihaatu, hundi keenya dorgoommii keenya obsaan akka itti fufnu nu gargaara.

4 Obsaan Danda’uun Ayyaana Waaqayyoo Namaaf Argamsiisa: Haasaawwan daawwattootaa olaanaatiin dhihaatan, amantii namoota gorsa kana dhaga’aniifi hojiirra oolchan jajjabeessu. Mata dureen haasawaa ilaaltuu olaanaa konyaatiin kennamu keessaa tokko: “Obsi, Qoramanii Ba’uu Fida” kan jedhudha. Haasawaan sabaa gaaffiiwwan: Saboonni abdii gochuu kan qaban maqaa eenyuutiini? Kunoo maal dabalata? Jedhaniif deebii kenna. Haasawaan xumuraa mata dureensaa, “Rakkina Obsuu Keessaniin Jireenya Keessan Isa Dhugaa in Argattu” jedhu, Yesus daba isarratti raawwatameen utuu hin gumgumin akkamitti akka obsuu danda’e ibsa.

5 Kitaaba Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii jedhamuufi Masaraa Eegumsaa torbee sanatti qayyabatamu fuutee deemuu hin irraanfatin. Barumsicharratti akka xiyyeeffattuufi gara fuulduraatti irra deebitee ilaaluuf waan si dandeessisuuf yaadannoo qabadhu. Barumsiwwan walga’ii kanarratti fudhattan yeroo booda gumiitti irra deebi’ama.

6 Nyaata hafuuraa akkasii kana kan qopheesse Yihowaadha. Kottaa! Nyaadhaa! Guutummaa sagantichaarraa fayyadamuuf achitti yoo argamne, garaa keenyaa gammadnee ni faarfanna.​—Isa. 65:14.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi