Dargaggoota Nana—Fulduraaf Bu’uura Gaarii Kaa’adhaa
1 Waan hundumaa caala jettee kan yaaddu maalinni? Kana ilaalchiseehoo maal yaadda? Kan duraandursee si yaaddessu wanta amma keessa jirtu moo jireenya gara fulduraafi abdii Waaqayyo kenneedhaa? (Mat. 6:24, 31-33; Luq. 8:14) Akka fakkeenya Abrahaamfi Museerraa arguu dandeenyutti abdii Waaqayyo kenne hundeeffachuudhaan hojiif kaka’uudhaaf amantii cimaa qabaachuu nubarbaachisa. (Ibr. 11:8-10, 24-26) Amantii akkanaa kana dagaagsuuf “bara dhufuuf ijaarsa jireenya sanaaf hundee gaarii” kaa’achu kan dandeessu akkamitti? —1 Xim. 6:19.
2 Yihowaa Barbaadi: Maatii kee wajjin sochii hafuuraa gochuu amala godhatteetta taanaan, kun waan sigalateeffachiisuudha. Haata’u malee akkas gochuun qofti amantii cimaa namaa horachiisa jettee hin yaadin. Beekuumsa Waaqayyoo argachuuf dhuunfaatti Yihowaa barbaaduu qabda. (Fak. 2:3-5; 1 Sen. 28:9) Yosiyaas, Mootichi dargaggeessi akkas godheera. Naannoo karaa hafuuraa guddachuuf isa hin gargaarretti guddatuyyuu yeroo umuriinsaa 15 ta’u, “Waaqayyoon isa kan Daawit abaabilii isaa in barbaaddate.”—2 sen. 34:3.
3 Yihowaa barbaaduu kan dandeessu akkamitti? Waan amantu dhugaa ta’usaa of eegannoodhaan qorachuufi wanti sun dhuguumaan sirrii ta’uusaa ‘hubachuudhaani.’ (Rom. 12:2) Fakkeenyaaf, dhiiga ilaalchisee Macaafni Qulqulluun maal akka jedhu ibsuu ykn Mootummaan Waaqayyoo samiirratti bara 1914 bituu akka jalqabde ragaa quubsaa dhiheessuu ni dandeessaa? ‘Dhugaa beekuuf’ fedhii qabaachuun, fulduraaf bu’uura gaarii kaa’achuuf waan barbaachisaadha.—1 Xim. 2:3, 4.
4 Yosiyaas Waaqayyoon barbaaduunsaa bu’aa gaarii argamsiiseeraaf. Umuriinsaa waggaa 20 utuu hin guutiin waaqolii tolfamoofi iddoowwan isaanii ija jabinaan balleesseera. (2 Sen. 34:3-7) Akkuma kanaan, karaa hafuuraa guddachuun kee hojii keetiin ni mul’ata. (1 Xim. 4:15) Babal’isaa hin cuuphamne yoo taate, bifa dandeettii tajaajila keetii fooyyessuuf carraaqi. Barreeffamawwan raabsuu qofatti hin murteeffamin. Macaafa Qulqulluutti fayyadamuuf, namootaaf ragaa dhiheessuuf, akkasumas fedhii nama argatte sanaa kakaasuuf karoora baafadhu. (Rom. 12:7) Kunimmoo karaa hafuuraa akka guddattuuf sigargaara.
5 Yihowaadhaaf Waan Qabdan Keessaa Isa Hunda Caalu Kennaafii: Yihowaadhaaf ofmurteessuu kee bishaaniin cuuphamuudhaan yeroo argisiistu, tajaajilaa Waaqayyo duratti fudhatama qabdu taateetta. (2 Qor. 3:5, 6) Kunimmoo yeroo guutuudhaan Yihowaa tajaajiluuf carraa siif bana. Kunis kan akka qajeelchummaa, Beeteeliifi Ijaarsa Galma Mootummaa dabalata. Kana malees, afaan biraa barachuu ykn iddoo barbaachisaa ta’e dhaquudhaan tajaajila kee bal’isuu dandeessa.
6 Dhugaadha, hundisaanii mirga addaa tajaajilaa kanarratti hirmaachuu hin danda’an. Haata’u malee, tokkoon tokkoo keenya Yihowaadhaaf waan qabnu keessaa isa caalu kennuufii ni dandeenya. (Mat. 22:37) Haalli kee kan akkamiiyyuu yoo ta’e, Yihowaa tajaajiluu jireenya kee keessatti xiiyyeeffannaa guddaa keenniif. (Far. 16:5) Kana gochuudhaan fulduraaf bu’uura gaarii kaa’achuu dandeessa.
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
1. Dargaggoonni Kristiyaanaa amantii jabaa dagaagsuu kan isaan barbaachisuu maalifi?
2. Fakkeenya Yosiyaas Mootichaarraa maal baranna?
3. Dargaggoonni Kristiyaanaa yeroo ammaa jiran Yihowaa barbaaduu kan danda’an akkamitti?
4. Babal’istoonni hin cuuphamin guddina gochuusaanii akkamitti argisiisuu danda’u?
5. Kristiyaanonni cuuphaman tajaajilasaanii bal’isuudhaaf carraa akkamii qabu?
6. Hundi keenya fulduraaf bu’uura gaarii kaa’achuu kan dandeenyu akkamitti?