LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 11/03 ful. 4
  • Firooma Yihowaa Wajjin Qabdan Cimsaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Firooma Yihowaa Wajjin Qabdan Cimsaa
  • Tajaajila Mootummaa—2003
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Walitti Dhufeenyi Yihowaa Wajjin Qabdu Hammam Cimaa Dha?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
  • Qayyabannaan Nama Kiisa
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Qoʼannaa Dhuunfaa Kee Caalaatti Gammachiisaa Godhi
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2019
  • Qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu Guddina Argisiisan Geggeessuu
    Tajaajila Mootummaa—2005
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2003
km 11/03 ful. 4

Firooma Yihowaa Wajjin Qabdan Cimsaa

1 “Waggoota 20 darbaniif, walga’ii deemuufi tajaajila dirreerratti hirmaachuu qofaanin dabarse jechuu nandanda’a” jechuudhaan obboleettiin tokko dhugaasaa dubbatteetti. Haata’u malee itti aansitee, “Wantoonni kun barbaachisaa ta’aniyyuu yeroo rakkisaatti wantooni kun qofaan jabeessanii nadhaabuu akka hin dandeenye nan hubadhe. . . . Yihowaa sirriitti beekuufi jaalachuu akkan danda’utti, akkasumas Ilmisaa lubbuusaa dabarsee nuukennuusaa dinqisiifachu akkan danda’utti, ammumaa kaasee yaada koo sirreessuufi qayyabannaa bu’a qabeessa ta’e gochuuf sagantaa baasuun akka narrajiru nan hubadhe.”

2 Yihowaa wajjin firooma dhihoo ijaaruun carraaqqii guddaa gaafata. Sochiiwwan Kristiyaanaa irratti hirmaachuun kophaasaa ga’aa miti. Firooma dhihoo Yihowaa wajjin qabnu yoo dhiisnee, booddee haalli keenya akkuma hiriyoota walirraa fagaatani ta’a. (Mul. 2:4) Qayyabannaan dhuunfaa Macaafa Qulqulluufi kadhannaan firooma Yihowaa wajjin qabnu akkamitti akka cimsu mee haa ilaallu.—Far. 25:14.

3 Kadhannaafi Xiinxaluun Baay’ee barbaachisaadha: Qayyabannaan dhuunfaa laphee tuqu, barreeffama qayyabannu sana jala muruufi caqasawwan kennaman dubbisuu caalaa dabalata. Karaa, sadarkaawwan ejjennoofi amalawwan Yihowaarratti yaaduu nugaafata. (Bau. 33:13) Wantoota hafuuraa hubachuun miira keenya tuqa; akkasumas waa’ee jireenya keenyaa akka yaadnu nu kakaasa. (Far. 119:35, 111) Qayyabannaa dhuunfaa yeroo goonu, kaayyoon keenya gara Yihowaatti dhihaachuu ta’uu qaba. (Yaq. 4:8) Akka gaariitti qayyabachuuf yeroofi haalli mijaa’aan barbaachisaadha. Kana gochuun of adabuu gaafata. (Dan. 6:10) Jiruun sitti baay’atuyyuu amalawwan Yihowaarratti xiinxaluuf yeroo ni ramaddaa?—Far. 119:147, 148; 143:5.

4 Kadhannaan lapheerraa madde kutaa qayyabannaa dhuunfaa isa barbaachisaa ta’edha. Dhugaan Macaafa Qulqulluu laphee keenya akka tuquufi, ‘sodaadhaan Waaqayyoof akka sagadnu’ akka nukakaasu, hafuurri qulquluun nubarbaachisa. (Ibr. 12:28) Kanaafuu qayyabannaa jalqabuu keenya dura Yihowaan akka hafuurasaa nuukeennu kadhachuu qabna. (Mat. 5:3) Wantoota hafuurarratti yaaduudhaaniifi kitaaboota qayyabannaadhaaf nugargaaran kan jaarmiyaa Yihowaatiin qophaa’an gargaaramuudhaan laphee keenya Yihowaadhaaf banuu dandeenya. (Far. 62:8) Qayyabannaan karaa kanaan godhamu waaqeffannaa jaalala Yihowaaf qabnu ittiin ibsinudha; akkasumas walittidhufeenya isaa wajjin qabnu nuucimsa.—Yih. 20, 21.

5 Akkuma firooma garabiraa firoomni Yihowaa wajjin qabnu bara jireenya keenya guutuu akka guddachaa deemuuf kunuunsuu qabna. Kanaafuu, egaa, Waaqayyootti yoo dhihaanne innis akka nutti dhihaatu beekuudhaan isatti dhihaachuuf yeroo haaramadnu.—Far. 1:2, 3; Efe. 5:15, 16.

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

1. Sochi hafuuraa qabdu ilaalchisee obboleettiin tokko maal hubatteetti?

2. Firooma Yihowaa wajjin qabnu cimsuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

3. Yihowaatti dhihaachuuf qayyabannaa dhuunfaa akkamiitu nugargaara?

4. Qayyabannaa dhuunfaa jalqabuu keenya dura kadhachuun firooma Yihowaa wajjin qabnu kan nuucimsu akkamitti?

5. Yeroo hundumaa Sagalee Waaqayyoorratti xiinxaluun keenya barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi