AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Qoʼannaa Dhuunfaa Kee Caalaatti Gammachiisaa Godhi
BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI? Dubbii Waaqayyoo irratti qoʼannaa dhuunfaa gochuun, ‘balʼinni, dheerinni, ol fageenyii fi gad fageenyi dhugaa hammam akka taʼe guutummaatti hubachuuf’ nu gargaara. (Efe 3:18) Kana malees, addunyaa hamaa keessatti mudaa kan hin qabnee fi qulqulloota taane akka jiraannu, akkasumas ‘dubbii jireenyaa cimsinee akka qabannu’ nu gargaara. (Flp 2:15, 16) Qoʼannaan dhuunfaa wanta dhuunfaatti nu barbaachisu filannee qoʼachuuf nu dandeessisa. Wanta Kitaaba Qulqulluu irraa dubbisnee fi qoʼanne irraa hamma dandeenye fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?
KANA GOCHUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?
Kitaaba Qulqulluu dhuunfaa keessan isa waraqaadhaanis taʼe bifa elektiroonikiitiin fayyadamtan irratti halluu dibuu fi yaadannoo qabachuu dandeessu
Kitaaba Qulqulluu yommuu dubbistan gaaffiiwwan armaan gadii of gaafadhaa: ‘Eenyu? Maal? Yoom? Eessatti? Maaliif? Akkamitti?’
Odeeffannoo guutuu argachuuf carraaqaa. Barreeffamoota qorannaa argamanitti fayyadamuudhaan mata duree mata dureedhaan ykn caqasa caqasaan qorannaa godhaa
Odeeffannoon argattan kan isin fayyadu akkamitti akka taʼe hubachuuf wanta dubbistan irratti xiinxalaa
Wanta barattan yeroo hunda jireenya keessan keessatti hojii irra oolchuuf carraaqaa.—Luq 6:47, 48
VIIDIYOO QOʼANNAA DHUUNFAA BUʼA QABEESSA TAʼE GOCHUUDHAAN DHUGAA ‘CIMSAA QABADHAA’ JEDHAMU ILAALAA; ACHIIS GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:
Obboloonni tokko tokko qoʼannaa dhuunfaa kan ibsan akkamitti?
Qoʼannaa dhuunfaa yeroo goonu hundatti kadhannaadhaan jalqabuu kan qabnu maaliifi?
Yaada Kitaaba Qulqulluu tokko akka gaariitti hubachuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa?
Kitaaba Qulqulluu qoʼannaa gochuuf itti fayyadamnu irratti mallattoowwan akkamii gochuu dandeenya?
Dubbii Waaqayyoo yommuu qoʼannu xiinxaluun baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
Wanta baranne ilaalchisee maal gochuu qabna?
“Ani seera kee attam nan jaalladha! Ani guyyaa guutuu irra-deddeebiʼee itti nan yaada.”—Far 119:97