Yeroo Hundumaa Walga’iidhaaf Dursa Kennaa
1 Maatiin Kristiyaanaa yeroo hundumaa gumiirratti argamuuf dursa kenna. Haata’u malee, yeroo har’aatti wanta jireenyaaf barbaachisu argachuun rakkisaa ta’uu danda’a. Hojiin mana keessaa, hojiin qacaramnee hojjennu, ykn kan mana barumsaa, yeroo waaqeffannaa Yihowaatiif ramadde sijalaa tuquu jalqabeeraa? Wantootaaf ilaalcha Yihowaan qabu qabaachuun keenya, wanta dursuu qabnu dursuuf nugargaara.—Fak. 3: 5.
2 Namni Israa’el tokko, guyyaa Sanbataatti qoraan funaanuudhaan ta’e jedhee ilaalcha Yihowaa tuffateera. Tarii namni kun wanta maatiisaatiif barbaachisu qopheessuuf, ykn qoraan funaanuu akka waan salphaatti ilaalee ta’uu danda’a. Haata’u malee, Yihowaan murtoo dabarseen, yeroo Waaqeffannaadhaaf ramadametti sochii jireenya addunyaa kanaa hordofuun akka laayyootti wanta hin ilaalamne ta’uusaa argisiiseera.—Lak. 15:32-36.
3 Rakkoowwan Nurra Ga’an Mo’uu: Namoota baay’eedhaaf yeroon hojiisaanii sagantaa walga’ii wajjin akka walitti hin buune gochuun carraaqqii gaafata. Obboloonni tokko tokko, warra isaan hojjechiisanitti himuudhaan, warra wajjin hojjetaniin yeroo wal jijjiiruudhaan, carraa leenjii ykn hojii dabalataa dhihaateef tokko tokko dhiisuudhaan, hojii sa’aatii walga’iitiif caalaatti mijaa’aa ta’e barbaaduudhaan, ykn jireenyasaanii salphaa gochuudhaan rakkoowwan kana mo’ataniiru. Waaqeffannaa dhugaatiif jecha aarsaawwan kaffalaman kun Waaqayyoon akka gammachiisan hin shakkinu.—Ibr. 13:16.
4 Hojiin mana barumsaas rakkina uumuu danda’a. Shamarreen tokko: “Hojii mana barumsaa tokko tokko walga’ii dura, isa hafemmoo ergan manatti deebi’ee boodan hojjedha” jetteetti. Hojiin mana barumsaa hundi galgala walga’iin godhamu sanatti yoo dhumuu baate, warri tokko tokko maatiinsaanii walga’ii Kristiyaanummaarratti argamuuf dursa akka kennan barsiisotatti himu.
5 Maatiin walga’iidhaaf yeroosaatti qophaa’uu akka danda’utti, hojii mana keessaa raawwachuuf Tokkummaaniifi karoorri gaariin baay’ee barbaachisaadha. (Fak. 20:18) Ijoolleen xixinnoonillee uffata uffachuufi yeroo ramadametti walga’iirratti argamuuf qophaa’oo akka ta’an barumsi kennamuufi qaba. Warri ijoolleesaaniitiif fakkeenya ta’uudhaan faayidaa walga’ii isaan barsiisuu danda’u.—Fak. 20:7.
6 Sirna wantootaa dhiphinni itti dabalaa adeemu kanatti, dursa kenninee yeroo hundumaa walga’iirratti argamuun keenya barbaachisaadha. Wantootaaf ilaalcha Yihowaa qabaachuudhaan, yeroo hundumaa walga’iirratti argamuuf dursa haa laannu.—Ibr. 10:24, 25.