Galateeffannaa Keessan Argisiisaa
1 Kan jiraannu ‘guyyoota dhumaa sodaachisaa’ keessa ta’uyyuu, Yihowaa galateeffachuuf sababii hedduu qabna. (2 Xim. 3:1) Kanneen keessaa inni guddaan, ilmasaa nuuf kennuusaati. (Yoh. 3:16) Kana malees, namoonni amantaa sobaa keessa jiran, karaa hafuuraa beela guddaa keessa yommuu jiraatan, nuyi garuu nyaata hafuuraa quubsaa ta’een gammadna. (Isa. 65:13) Nuyi kutaa waldaa obbolummaa addunyaa maraati; hojii gammachiisaa waaqeffannaa dhugaa babal’isuurratti hirmaachuufis mirga addaa qabna. (Isa. 2:3, 4; 60:4-10, 22) Eebba Yihowaan nuuf dhangalaasuuf galateeffachuu keenya argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?—Qol. 3:15, 17.
2 Tajaajila Gammachiisaa Garaa Guutuudhaan Dhihaatu: Phaawulos ergamaan, kennaa qabeenyaa ilaalchisee yommuu dubbatu: “Waaqayyo nama gammachuudhaan kennu in jaallata” jechuudhaan barreesseera. (2 Qor. 9:7) Seerri bu’uuraa kun, tajaajila Waaqayyoof dhiheessinuufis ni hojjeta ni oola. Galateeffannaan keenya, dinqisiifannaa dhugaadhaaf qabnuun, gammachuu walga’iiwwan Kristiyaanaarratti qabnuun, inaaffaa tajaajila dirreerratti argisiisnuun, akkasumas fedha Waaqayyoo raawwachuuf gammachuu argannuun ni argisiifama.—Far. 107:21, 22; 119:14; 122:1; Rom. 12:8, 11.
3 Seerri Israa’el duriitiif kenname, galchaawwan tokko tokkoo hammisaanii kan murteeffame hin turre. Kan Yihowaa waaqeffatu hundi, ‘akka Waaqayyo isaaf kenneetti’ kennuudhaan galateeffannaasaa argisiisuu danda’a ture. (Kes. 16:16, 17) Haaluma walfakkaatuun har’as, garaan keenya inni galateeffannaadhaan guutame, hojii lallabaa Mootummattiifi bartoota taasisuurratti hamma haalli keenya heeyyamu hojjechuuf nukakaasa. Obboloonni tokko tokko, iddoo hojiifi mana barumsaatii heyyama fudhachuudhaan, sa’aatii tajaajilarratti dabarsan ni guddisu; qajeelchaa gargaaraas ni ta’u. Atoo tajaajila kee bali’suu dandeessaa?
4 Galateeffannaadhaan Guutamuu: Karaan inni guddaan galateeffannaa keenya Yihowaadhaaf itti ibsinu, kadhannaadha. (1 Tas. 5:17, 18) Sagaleen Waaqayyoo, “Galata guutee irra dhangala’us dhi’eessaa” jechuudhaan nugorsa. (Qol. 2:7) Yommuu hojiidhaan qabamnu ykn dhiphannuttillee, kadhannaa keenya isa guyyaa guyyaa keessatti yeroo hundumaa galata keenya dabaluu qabna. (Filp. 4:6) Eeyyee, tajaajilaafi kadhannaa keenyaan, “galanni Waaqayyoof dhi’eeffamu caalaatti akka baay’atu” haagoonu.—2 Qor. 9:12.