LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 4/08 ful. 1
  • ‘Warra Galata Galchitan Ta’aa!’

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • ‘Warra Galata Galchitan Ta’aa!’
  • Tajaajila Mootummaa—2008
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Galateeffachuu kan Qabnu Maaliifi?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
  • Kadhannaa Galataa
    Yihowaa ‘Gammachuudhaan Faarfadhaa’
  • Dinqisiifannaa Keenya Haa Argisiisnu Ayyaanni Yaadannoo Ebla 17 Kabajama
    Tajaajila Mootummaa—2011
  • Namichi Dhukkuba Nadaayiitiin Qabame Galata Qabeessa Taʼuu Isaa Argisiise
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
Tajaajila Mootummaa—2008
km 4/08 ful. 1

‘Warra Galata Galchitan Ta’aa!’

1 Yesus namoota kudhan dhukkuba lamxii qaban yeroo fayyisetti, isaan keessaa isa galateeffachuuf garasaatti kan deebi’e nama tokko qofa ture. Yesus, “Namoota kudhantoo qullaa’ee, salganuu meerree ree?” jedhee gaafate. (Luq. 17:11-19) Kennaa gaariifi guutuun hundi Yihowaa Abbaa keenya isa samii, arjaafi jaalala qabeessa ta’een kan nuu kenname waan ta’eef, isa dinqisiifachuufi galateeffachuun baay’ee barbaachisaadha!—Qol. 3:15; Yaq. 1:17.

2 Sababiiwwan itti galateeffachuu qabnu tokko tokko maalfa’i? Aarsaa furii, kennaa Waaqayyoo isa guddaa inni ilmaan namootaaf kenneef guddaa galateeffanna. (Yoh. 3:16) Yihowaan garasaatti waan nu harkiseefis ni galateeffanna. (Yoh. 6:44) Tokkummaan Kiristiyaanaa keenya sababii gara biraa itti galateeffachuu qabnudha. (Far. 133:1-3) Kennaawwan Yihowaarraa argattan hedduun jiraachuusaanii akka yaaddan beekamaadha. Nuyi tasumaa akka Israa’eloota warra gocha Yihowaan isaaniif jecha raawwate irraanfataniifi isa hin galateeffannee ta’uu hin barbaannu!—Far. 106:12, 13

3 Kan Galateeffattan Ta’uu Keessan Argisiisaa: Namoonni dhukkuba lamxii qaban kurnan wanta Yesus isaaniif godhe dinqisiifataniyyuu, galateeffannaa isaaf qabu kan argisiise garuu isa tokko qofa ture. (Luq. 17:15) Haaluma wal fakkaatuun nuyis tajaajilarratti hinaaffaadhaan hirmaachuudhaan dinqisiifannaa qabnu argisiisuu dandeenya. Wantoota Abbaan keenya inni samii jaalala qabeessa ta’e nuu godheef garaadhaa kan galateeffannu taanaan, waa’eesaa namootatti himuudhaan jaalalasaafi arjummaasaa calaqqisuuf kakaana. (Luq. 6:45) ‘Gochasaa isa dinqisiisaafi yaada gaarii nuuf qabu’ yeroo warra kaanitti himnus, jaalalaafi dinqisiifannaan Yihowaaf qabnu ni guddata.—Far. 40:5.

4 Warri Kaan Akka Dinqisiifatan Jajjabeessaa: Ijoollee keenyas ta’e namoonni Macaafa Qulqulluu nuu wajjin qayyabatan dinqisiifannaa akka guddifatan gargaaruuf dammaqoo ta’uu qabna. Warri waa’ee uumamawwan Yihowaa yeroo ijoolleesaanii wajjin mari’atan kana raawwachuuf carraa qabu. (Rom. 1:20) Yeroo qayyabannaa geggeessinu nama nuu wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabatu, ‘Barumsi kun Yihowaan Waaqa akkamii ta’uusaa nutti hima?’ jennee gaafachuu dandeenya. Dinqisiifannaan baratichaa dabalaa ennaa adeemu, jaalala inni Waaqayyoof qabuufi murtoo inni isa gammachiisuuf godhe caalaatti guddata.

5 Namoonni guyyoota gara dhumaa kanatti argaman baay’een kan hin dinqisiifanneefi hin galateeffannedha. (2 Xim. 3:1, 2) Yihowaan tajaajiltoota galateeffannaa qaban argisiisuuf jecha hinaaffaadhaan tajaajilarratti hirmaatan arguunsaa guddaa isa gammachiisa!—Yaq. 1:22-25.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi