LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 5/05 ful. 8
  • Fedhii Maamila Barruu Keessanii Kakaasaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Fedhii Maamila Barruu Keessanii Kakaasaa
  • Tajaajila Mootummaa—2005
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yaada Namoota Yeroo Hunda Barruulee Geessinuuf Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Jalqabsiisuuf Gargaaru
    Tajaajila Mootummaa—2014
  • Dandeettii Tajaajila Irratti Qabnu Fooyyeffachuu—Dandeettii Barruulee Raabsuu Guddifachuu
    Tajaajila Mootummaa—2015
  • Tajaajilarratti Barruulee Raabsaa
    Tajaajila Mootummaa—2005
Tajaajila Mootummaa—2005
km 5/05 ful. 8

Fedhii Maamila Barruu Keessanii Kakaasaa

1 Namoonni tajaajilarratti argannu baay’een deebinee isaan gaafachuu keenyatti ni gammadu; barruulee keenyas gammachuudhaan fudhatu; garuu qayyabannaa Macaafa Qulqulluu dhaabbataa ta’e jalqabuuf duubatti jedhu. Fedhiisaanii kakaasuuf karaan inni tokko, yeroo barruulee isaaniif geessinutti gargaaramuudha. Barruulee ennaa raabsitu, maqaa namichaafi teessoosaa, guyyaa itti isa hasoofsiisite, barruu fudhate, caqasa irratti mari’attaniifi wanta fedhii namichaa argisiisu kan biraas galmeeffadhu. Akkuma barruu haaraan dhufeetti, barumsa maamila kee tuquu danda’u ilaaliitii yeroo barruu geessituufitti yaada argatte sana ibsiif. (1 Qor. 9:19-23) Yeroo booda, yaadni barruu keenyarratti dubbisan tokko, fedhiisaanii kakaase caalaatti barachuu akka barbaadan gochuu danda’a.

2 Haata’u malee, namoonni baay’een mataasaaniitiin barruulee dubbisuu qofaadhaan tajaajiltoota Yihowaa ta’uu akka hin dandeenye beekna. Namoonni ammuma Yihowaa barbaaduunsaanii ariifachiisaa waan ta’eef, caalaatti isaan gargaaruuf maal gochuu dandeenya? (Sef. 2:2, 3; Mul. 14:6, 7) Yeroo barruulee geessinuuf hundaatti, caqasa of eeggannoodhaan filatame dubbisuufiidhaan fedhiinsaanii dabalaa akka deemu gochuu dandeenya.

3 Maree Caqasa Tokkorratti Hundaa’e: Waa’ee maamiloota barruu keetii yaadi; akkasumas haalasaa tokkoon tokkoonsaanii tilmaama keessa galchuudhaan, maree caqasa tokkorratti hundaa’e utuu walirraa hin kutin mari’achuuf qophii godhi. (Filp. 2:4) Fakkeenyaaf, inni tokko dhihoo kanatti nama jaallatu du’aan yoo dhabeera ta’e, haala namoonni du’an irra jiraniifi abdii du’aa ka’uu ilaalchisee Macaafni Qulqulluun maal akka jedhu yeroo yerootti deemtee isa mariisisuu dandeessa. Kitaaba Ragaa Dhiheessuurraa mata duree “Du’aa” fi “Du’aa Ka’uu” jedhanitti fayyadamuudhaan maree caqasa tokkorratti hundaa’e qophaa’uun ni danda’ama. Achiis dhukkubni, dullumniifi duuni guutummaatti kan balleeffaman akkamitti akka ta’e maree dabalataa gochuu dandeessu. Kaayyoon keenya, mata duree fedhii namichaa kakaasu beekuufi kana ilaalchisee wanta Macaafni Qulqulluun jedhu irraa jalaan ibsuufiidha.

4 Akka Hubatan Gargaaruu: Yeroo baay’ee mareewwan akkasii kana salphaafi gabaabaa gochuun gaarii ta’uyyuu, caqasa filanne dubbisuu caalaa wanti gochuu qabnu jira. Seexanni, namoonni misiraachicha akka hin fudhanneef yaadasaanii jaamseera. (2 Qor. 4:3, 4) Warrumti Macaafa Qulqulluu beekanillee hubachuuf gargaarsi isaan barbaachisa. (HoE. 8:30, 31) Kanaaf, akkuma Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii keessatti haasawaa dhiheessitutti, caqasa caqasterratti ibsa keennuufi fakkeenya dhiheessuuf yeroo ramadi. (HoE. 17:3) Sagaleen Waaqayyoo jireenyasaatiif faayidaa qabeessa ta’uusaa akka hubatu gargaari.

5 Namichi wanta baratetti yoo gammade, suuta suutaan mareen keessan caqasa Macaafa Qulqulluu lama ykn sadirratti akka hundaa’u godhi. Achiis Birooshuura Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa? jedhamu ykn kitaaba Beekumsaa beeksisuuf carraa barbaadi. Karaa kanaan, maamilli barruu deddeebii gaaffiin godhamuuf suuta suutaan barataa Macaafa Qulqulluu ta’uu danda’a.

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

1. Fedhii maamila barruu tokkoo kakaasuu kan dandeenyu akkamitti?

2. Namoonni ammuma Yihowaa barbaachuunsaanii ariifachiisaa kan ta’e maaliif? Caalaatti isaan gargaaruuf maal gochuu dandeenya?

3. (a) Maree walitti aanaa caqasa tokkorratti hundaa’e qophaa’uu kan dandeenyu akkamitti? (b) Namoota naannoo keetti argaman caalaatti kan yaaddessu maalidha?

4. Yeroo Macaafa Qulqulluurraa caqasnu akka hubatan gochuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi? Kana gochuu kan dandeenyuhoo akkamitti?

5. Maamilli barruu tokko barataa Macaafa Qulqulluu ta’uu kan danda’u akkamitti?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi