Yaada Namoota Yeroo Hunda Barruulee Geessinuuf Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Jalqabsiisuuf Gargaaru
1. Jaarmiyaan Yihowaa waggoota hedduudhaaf babalʼistoonni namootaaf yeroo yeroodhaan barruulee keenya akka geessan jajjabeessaa kan ture maaliifi?
1 Namoonni hedduun nuu wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf fedhii kan hin qabne taʼanis, barruulee keenya dubbisuun isaanitti tola. Kanaan kan kaʼes, jaarmiyaan Yihowaa waggoota hedduudhaaf babalʼistoonni namoota akkasiitiif yeroo yeroodhaan barruulee akka geessan jajjabeessaa tureera. Namoonni yeroo hunda barruulee keenya yommuu dubbisan, yeroo baayʼee fedhiin isaan Dubbii Waaqayyoo beekuuf qaban dabalaa deema. (1 Phe. 2:2) Oolee bulee, wanti isaan dubbisan tokko garaasaanii tuquudhaan Macaafa Qulqulluu akka qayyabatan afeerrii isaaniif dhihaatu akka fudhatan isaan gochuu dandaʼa.
2. Fedhii namoota barruulee kenninuuf guddisuu kan dandeenyu akkamitti?
2 Sanyii Dhugaa ‘Bishaan Obaasaa’: Barruulee isaaf kennitanii qofa biraa deemuu mannaa, nama sanaa wajjin mariʼachuufi michummaa uumuuf yaalii godhaa. Kana gochuun keessan, haalasaa, fedhasaafi wanta inni itti amanu beektanii hubannaadhaan isaa wajjin mariʼachuuf isin gargaara. (Fak. 16:23) Yeroo hunda qophaaʼaatii deemaa. Hamma dandaʼametti barreeffama sanarraa qabxii tokko ykn caqasa dhimma kanaa wajjin walitti dhufeenya qabu tokko caqasuudhaan sanyii dhugaa garaasaa keessa jiru bishaan obaasaa. (1 Qor. 3:6) Yeroo deddeebii gaaffii gootan hundatti, barreeffama isaaf kennitan, dhimma irratti mariʼattaniifi caqasa isaaf caqastan galmeessaa qabadhaa.
3. Namoota yeroo hunda barruulee keenya fudhatan siʼa meeqa deddeebinee gaafachuu qabna?
3 Siʼa Meeqa Deddeebinee Deemuu Qabna? Jiʼatti al tokko yeroo barruulee haaraan isin gaʼu deddeebii gaaffii isaaniif gochuu akka qabdan beekamaadha. Haataʼu malee, haala keessaniifi fedhii namoota sanaarratti hundaaʼuudhaan yeroo tokkoo ol deddeebitanii isaan gaafachuu dandeessu. Fakkeenyaaf barruulee sana erga isaaniif kennitanii torban tokko ykn lama booda deebitanii deemuudhaan, “Barreeffaman sii kenne sanarraa yaada na gammachiise tokko daqiiqaa muraasaaf sitti argisiisuufan dhufe” jechuu dandeessu. Akkas gochuun keessan namni sun mataduree sana dubbisuuf fedhii akka qabaatu isa kakaasuu dandaʼa. Mataduree sana dubbiseera taanaanimmoo, waaʼeesaa wanta itti dhagaʼame isa gaafachuufi yeroo muraasaaf irratti mariʼachuu dandeessu. Yookiin namni kun barreeffamoota keenya dubbisuu kan jaallatu yoo taʼe, yeroo deddeebii gaaffii isaaf gootanitti tiraaktii, birooshura ykn kitaaba jiʼa sanatti raabsinu kennuufii dandeessu.
4. Namoonni yeroo hunda barruulee geessinuuf Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf fedhii qabaachuusaanii beekuuf darbee darbee maal gochuu dandeenya?
4 Namni sun akka isa qayyabsiistan hanga isin gaafatutti hin eeginaa. Kanaa mannaa, dursa fudhadhaatii isa gaafadhaa. Kanaan dura Macaafa Qulqulluu qayyabachuu akka hin barbaanne kan dubbate taʼus, yeroo yeroodhaan mataduree “Deebii Gaaffii Macaafa Qulqulluu” jedhuufi Masaraa Eegumsaarratti baʼurratti isinii wajjin mariʼachuuf fedhii qabaachuusaa beekuuf yaalii godhaa. Tarii akkuma balbalarra dhaabattaniin qayyabannaa jalqabsiisuu dandeessu. Haataʼu malee, qayyabannaa jalqabsiisuu hin dandeenye taanaan, fedhiisaa guddisuuf barruulee isaaf geessuu keessan itti fufuu dandeessu.