Dandeettii Tajaajila Irratti Qabnu Fooyyeffachuu—Dandeettii Barruulee Raabsuu Guddifachuu
Barbaachisaa Kan Taʼe Maaliifi? Namoonni barruulee keenya dubbisuu jaallatan hedduun nuu wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf fedhii hin qaban. Amantii qabanitti kan gammadan ykn qayyabachuuf yeroo akka hin qabne isaanitti dhagaʼama taʼa. Haa taʼu malee, barruulee keenya dubbisuu isaanii yommuu itti fufan, fedhiin isaan Dubbii Waaqayyootiif qaban guddachaa deemuu dandaʼa. (1 Phe. 2:2) Mata dureen taʼe tokko xiyyeeffannaa isaanii harkisuu ykn haalli isaanii jijjiiramuu dandaʼa. Utuu wal irraa hin kutin isaan gaafachuun keenya nuu wajjin haasaʼuun akka isaanitti salphatu gochuu, akkasumas wanta fedhii isaanii harkisus taʼe wanta isaan yaaddessu beekuuf nu gargaaruu dandaʼa. Yeroo booda immoo qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabuu dandaʼu.
Jiʼa Kanatti Akkas Gochuuf Yaali:
Namoota maamila barruulee keessanii taʼuu dandaʼan barreessaatii qabadhaa. Barruulee jiʼa sanatti raabsamaa jiran isaaniif kennaa, akkasumas maxxansa itti aanus akka isaaniif fiddan itti himaa.