Hamma Danda’ametti Misiraachoo Namoota Hundumaan Ga’uu
1 Duuka buutonni Yesus jaarraa jalqabaatti turan ergaa Mootummattii hundumaan ga’uuf dhama’anii hojjechaa turan. Misiraachoo kanas namoota hundaan ga’uuf hanga danda’ametti haala bu’a qabeessa ta’een raawwachaa turan. Barreessitoonni Macaafa Kakuu Haaraa geggeessaa hafuuraatiin afaan Giriikii yeroo sanatti afaan biyyoolessaa Impaayera Roomaa tureen barreessaniiru. Caalaattimmoo labsitoonni hinaafoo ta’aniif Dh.K.B jaarraa lammaffaafi sadaffaatti turan, Macaafa Kakuu Haaraa harkaan barreeffameefi koodeeksii jedhamutti fayyadamuun warra jalqabaa turan. Barreeffami kun barreeffama maramaa isa duraan turerra haala salphaan ilaaluuf kan isaan gargaare ture.
2 Bu’aa Teknolojii: Yihowaan karaa Isaayaas raajichaa: “Ati aannan saba warra kaanii in dhugda” jechuudhaan dubbateera. (Isa. 60:16) Tajaajiltoonni Yihowaa hojii lallabaa babal’isuuf bu’aawwan teknolojii ammayyaatiin fayyadamaa waan jiraniif bara keenya kanattis raajiin kun raawwachaa jira. Fakkeenyaaf bara 1914, fiilmiin utuu gabaarra hin oolin dura, Barattoonni Macaafa Qulqulluu fiilmii “Diraamaa Fotoo Uumamaa” jedhu argisiisaa turan. Fiilmii sa’atii saddeetiif dhihaatu kun, kalardiifi sagalee kan qabu yeroo ta’u, fakkii islaayidii qabu kanaan namoota miliyoonaan lakkaa’amaniif lallabuuf tajaajileera.
3 Bara ammaa kana sabni Waaqayyoo meeshaalee maxxansaa saffisoofi kompiitaraawaa ta’aniin akka gaariitti gargaaramuudhaan Macaafa Qulqulluufi barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaa’an afaanota dhibbaan lakkaa’amaniin maxxansuu danda’aniiru. Maloonni geejjibaa saffisoonis barreeffamoota Macaafa Qulqulluu kana biyyoota 235 ta’anitti salphaafi ariitiin ittiin ga’uuf danda’ameera. Yihowaan tajaajiltoonnisaa teknolojii kanatti akka fayyadamaniif hafuurasaatiin isaan gargaaruudhaan, seenaa keessatti haala kanaan dura ta’ee hin beekneen dhugaa Macaafa Qulqulluu namoota hedduun ga’uun danda’ameera.
4 Haala Ofii Sirreessuu: Amantoonni dhugaa misiraachoo kana bal’inaan namootaan ga’uuf haala isaanii sirreessaniiru. Baay’eensaanii tajaajila yeroo hundaarratti hirmaachuuf haala jireenyasaanii salphaa godhaniiru. Warri kaanis bakka labsii Mootummattiif namni barbaachisu dhaquun tajaajilaa jiru. Kaanimmoo tajaajilasaanii guddisuuf afaan garabiraa barataniiru.
5 Akkasumas misiraachoo kana yeroo namoonni manatti argamaniifi bakka namoonni argamanitti lallabuudhaan namoota baay’eedhaan ga’uu dandeenya. Naannoo kee keessatti namoonni yeroo hedduu gara guyyaa manatti hin argaman taanaan, gara galgalaa tajaajiluuf haala kee sirreessuu dandeessaa? Bakki tajaajilaaf ta’uufi namoonni itti baay’atan jiraa? Bilbilaan ykn bakka daldalaatti lallabuuf yaaltee beektaa? Karaa alidilee carraa argatte hundumaan dhugaa ba’uuf ni carraaqxaa?
6 Waa’ee maqaa Yihowaafi Mootummaasaa ilaalchisee misiraachoo yeroo har’aatti lallabamaa jiru kanarratti hirmaachuun keenya mirga guddaa mitii? Kanaafuu dhugaa Sagalee Waaqayyoo keessatti argamuufi jireenya dhugaa argamsiisu, hanga danda’ametti namoota hundumaaf lallabuu keenya itti haa fufnu.—Mat. 28:19, 20.
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
1. Kiristaanonni jaarraa jalqabaa misiraachoo namoota hundaan ga’uuf maal godhan?
2, 3. (a) Isaayaas 60:16 yeroo ammaatti raawwiisaa argachaa kan jiru akkamitti? (b) Teeknooloojiin amantii isa qulqulluu babal’isuuf akkamiin tajaajilaa jira?
4. Misiraachoo namoota hedduun ga’uuf obboloonni tokko tokko haala jireenyaa isaaniirratti sirreeffama akkamii godhan?
5, 6. Naannoo keenya keessatti misiraachoo kana namoota baay’een ga’uuf maal gochuu dandeenya?