LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 2/09 ful. 2
  • ‘Wangeelaaf Jecha Waan Hundumaa Godhaa’

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • ‘Wangeelaaf Jecha Waan Hundumaa Godhaa’
  • Tajaajila Mootummaa—2009
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Sirreeffama Barbaachisu Gochuuf Fedhii Qabdaa?
    Tajaajila Mootummaa—2013
  • Sagantaa Keessan Akkuma Haalasaatti Sirreessuu Dandeessuu?
    Tajaajila Mootummaa—2006
  • Hamma Danda’ametti Misiraachoo Namoota Hundumaan Ga’uu
    Tajaajila Mootummaa—2005
  • Namoota kan Qabdan Taʼuuf Qophooftaniittuu?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2020
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2009
km 2/09 ful. 2

‘Wangeelaaf Jecha Waan Hundumaa Godhaa’

1. Babal’isaan Mootummichaa tokko warra kaaniif maal gochuuf fedhii qabaachuu qaba? Maaliif?

1 Phaawulos ergamaan warra kaanitti misiraachoo lallabuun dirqamasaa akka ta’e itti dhaga’amee ture. (1 Qor. 9:16, 19, 23) Haaluma wal fakkaatuun nuyis, namoonni jireenya barabaraa akka argataniif isaanii yaaduun keenya misiraachoo isaanii hiruuf carraaqqii akka goonu nu kakaasa.

2. Yeroo lallabnu sirreeffama akkamii gochuuf of qopheessuu qabna? Maaliif?

2 Bakkaafi Yeroo Namoonni Argamanitti Lallabaa: Namni qurxummii akka gaariitti qabu tokko, kiyyoosaa bishaanitti kan darbatu bakkaafi yeroo isaa mijatutti utuu hin ta’in, bakkaafi yeroo qurxummiin itti argamuu danda’anittidha. Nuyis warra ‘nama walitti qabnu’ waan taaneef hojii addaa kanarratti hirmaachuufi tajaajilaarratti namoota haasofsiisuudhaan gammachuu guddaa argachuuf carraaquu nu barbaachisa. Kanaafimmoo “akaakuu qurxummii hundumaa walitti” qabuuf sirreeffama barbaachisu tokko tokko gochuu qabna ta’a. (Mat. 4:19; 13:47) Sa’aatii gara galgalaa namoonni manatti argamanitti ykn ganama barii karaarratti lallabuudhaan namoota argachuuf yaaluu dandeenyaa? Kaayyoon Phaawulos “hojii wangeela ayyaana Waaqayyoof [“guutummaatti,” NW] dhugaa ba’uu” waan ta’eef carraa argatetti fayyadameera.—HoE. 17:17; 20:20, 24.

3, 4. Tajaajilarratti karaawwan kamiin akkaataa dhiheenyaa keenya jijjiiruu qabna? Bu’aansaa maalidha?

3 Haala Fedhii Namoota Naannichaaf Ta’uun Akkaataa Dhiheenyaa Keessan Jijjiiraa: Namoonni qurxummii qaban yeroo baay’ee mala ittiin qaban jijjiiruudhaan qurxummii barbaadan qabu. Namoota naannoo tajaajilaatti argannu haala miirasaanii hawwatuun misiraachoo Mootummichaa itti himuu kan dandeenyu akkamitti? Dhimma namoota hundumaa yaaddessu malaan erga dubbannee booda, dhimmicha ilaalchisee yaada isaan kennan xiyyeeffannaan hordofuu qabna. (Yaq. 1:19) Ilaalcha maalii akka qaban baruuf gaaffii gaafachuu dandeenya. (Fak. 20:5) Haala kanaan karaa isaan tuquu danda’uun misiraachicha isaanitti himuuf akkaataa dhiheenyaa keenya jijjiiruu dandeenya. Phaawulos “namoota hundumaa biratti waan fakkaatu hundumaa ta’eera.” (1 Qor. 9:22) Garaa namootaa tuquuf akka haalasaatti akkaataa dhiheenyaa keenya jijjiiruun wanta ijoo ta’edha.

4 Warra kaanitti ‘misiraachoo himuu’ caalaa wanti nama gammachiisu jiraa? (Isa. 52:7) Misiraachicha namoota hedduudhaan ga’uuf ‘wangeelaaf jecha waan hundumaa’ haa goonu.—1 Qor. 9:23.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi