LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 6/13 ful. 1
  • Sirreeffama Barbaachisu Gochuuf Fedhii Qabdaa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Sirreeffama Barbaachisu Gochuuf Fedhii Qabdaa?
  • Tajaajila Mootummaa—2013
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • ‘Wangeelaaf Jecha Waan Hundumaa Godhaa’
    Tajaajila Mootummaa—2009
  • Sagantaa Keessan Akkuma Haalasaatti Sirreessuu Dandeessuu?
    Tajaajila Mootummaa—2006
  • Qophii Gaarii Gochuudhaan —Namootaaf Akka Yaaddan Argisiisaa
    Tajaajila Mootummaa—2006
  • Akkaataa Dhiheenyaa Keessan Akka Haala Namootaatti Jijijjiiruudhaan —Akka Isaaniif Yaaddan Argisiisaa
    Tajaajila Mootummaa—2005
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2013
km 6/13 ful. 1

Sirreeffama Barbaachisu Gochuuf Fedhii Qabdaa?

1. Jijjiiramni addunyaarratti arginu sirreeffama akkamii gochuun akka nu barbaachisu argisiisa?

1 Macaafni Qulqulluun addunyaa kana taatota doʼii addaddaa hojjechuuf waltajjiirratti jijijjiiramanii wajjin wal fakkeessa. Jijjiiramni addunyaan kun yeroodhaa gara yerootti gochaa jiru, malawwan tajaajilaa, sagantaafi akkaataa dhiheenyaa keenyarratti sirreeffama tokko tokko gochuun barbaachisaa akka taʼu godheera. Atoo sirreeffama barbaachisu gochuuf fedhii qabdaa?

2. Jaarmiyaan Yihowaa yommuu sirreeffama godhu, nutis isa faana sirreeffama gochuu kan qabnu maaliifi?

2 Malawwan Tajaajilaa: Gumiin Kiristiyaanaa yeroo barbaachisaa taʼe hundatti sirreeffama ni godha. Yesus yeroo jalqabaatiif duuka buutotasaa yommuu erge, galaa ykn horii akka hin qabanne itti himee ture. (Mat. 10:9, 10) Haataʼu malee, yeroo booda ariʼatama isaanirra gaʼuufi hojiin lallabaa naannoowwan kan biraatti akka babalʼatu tilmaama keessa galchuudhaan ajaja sanarratti sirreeffama godheera. (Luq. 22:36) Jaarmiyaan Dhugaa Baatota Yihowaa, jaarraa tokko dura, wantoota yeroo sanatti barbaachisoo taʼan, jechuunis kaardii tajaajilaa, raadiyoofi konkolaataa meeshaa sagalee guddisu qabutti fayyadamaa tureera. Yeroo harʼaammoo, namoonni baayʼeen manasaaniitti waan argamaniif, manaa gara manaa, bakka namoonni argamanittiifi karaa al idilee taʼeen lallabuudhaaf xiyyeefannaa addaatu kennama. Akkasumas, namoonni guyyaa bakka hojiisaanii oolu taanaan, gara galgalaa manaa gara manaa deemuudhaan akka tajaajillu jajjabeeffamneerra. Konkolaataan Yihowaa inni samii kallattiisaa yommuu jijjiiru, atis yeruma sana isaa wajjin kallattiikee ni jijjiirtaa?—His. 1:20, 21.

3. Sirreeffama gochuuf qophaaʼoo taʼuun, naannoo tajaajilaa keenya keessatti buʼa qabeeyyii taʼuuf kan nu gargaaruu akkamitti?

3 Akkaataa Dhiheenyaa: Yeroo ammaatti, namoota naannookee jiraatan waaʼee maaliitu yaaddessa? Waaʼee dinagdeetii? Waaʼee maatiitii? Moo waaʼee yakkaati? Akkaataa dhiheenyaa haala naannoo keenyaa wajjin walsimu qopheessuu akka dandeenyuuf, rakkoowwaniifi haalawwan yeroo ammaa jiran beekuun keenya gaariidha. (1 Qor. 9:20-23) Namoonni haasofsiisnu rakkinasaanii yommuu ibsan, dafnee deebii kennuudhaan gara akkaataa dhiheenyaa qophoofnetti darbuu mannaa, rakkina isaaniirratti hundoofnee sirreeffama gochuun keenya barbaachisaadha.

4. Sirreeffama gochuuf qophaaʼoo taʼuu kan qabnu maaliifi?

4 Yeroo dhihoo keessatti, doʼiin addunyaa kanaa inni dhumaa kan xumuramu siʼa taʼu, rakkinni guddaanis ni jalqaba. “Yeroon siʼanaa kun dhumuuf jedha.” (1 Qor. 7:29) Kanaaf, yeroo hafe keessatti hojii gaarii hojjechuu akka dandeenyuuf, utuu abdii hin kutatin sirreeffama gochuun keenya barbaachisaadha!

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi