Sagantaa Keessan Akkuma Haalasaatti Sirreessuu Dandeessuu?
1 Kiristiyaanota dhugaa amma taanetti, affeerrii ‘nama akka walitti qabnuuf’ nuu kenname fudhanneerra. (Mat. 4:19) Akkuma namoota qurxummii walitti qabanii, nuyis sa’aatii namoonni manatti argamanitti lallabuuf sagantaa yoo baafanne hojii namoota walitti qabuutiin bu’aa gaarii argachuu dandeenya. Namoonni baay’een waaree booda ykn gara galgalaa manasaaniitti argamu. Yeroo baay’ee sa’aatii sanatti waan hojiin isaanitti hin baay’anneef namoota simachuu danda’u. Maarree yeroo kanatti lallabuuf sagantaa keessan sirreessuu dandeessuu?—1 Qor. 9:23.
2 Gara Galgalaa Lallabuu: Gara galgalaa lallabuuf karoora baafachuun namoota baay’ee haasofsiisuu nu dandeessisa. (Fak. 21:5) Dargaggoonni yeroo mana barumsaati deebi’an lallabuu ni danda’u. Warri kaanimmoo sa’aatii hojii booda lallabuu ni danda’u. Tuutiwwan qayyabannaa kitaabaa tokko tokkos torban torbaniin qayyabannaasaanii dura sa’aatii tokkoof lallabuuf haalasaanii qindeeffachuu ni danda’u.
3 Sa’aatii booda ykn gara galgalaa manaa gara manaatti lallabuun, namoota yeroo kaanitti mana hin oollee argachuuf nu dandeessisa ta’a. Naannoowwan hedduutti, gara galgalaa karaarratti lallabuunis ta’e bifa tajaajilaa kan biraarratti hirmaachuun ni danda’ama. Kaanimmoo, garri galgalaa deddeebii gaaffii gochuufi qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessuuf yeroo gaarii ta’ee argataniiru.
4 Hubannaan Barbaachisaadha: Galgala lallabuuf hubannaan barbaachisaadha. Yeroo baay’ee yommuu namoonni rafuuf qophaa’anitti manasaanii dhaquu mannaa, baay’ee utuu hin dhihin tajaajila keenya xumuruun gaarii ta’a. (Filp. 4:5) Yeroo balbala rurrukuttu, iddoo mul’achuu dandeessu dhaabadhu; eenyummaakees sirriitti ibsi. Kaayyoo manasaanii dhaqxeef dafii itti himi. Yeroo mijaa’aa hin taanetti, jechuunis utuu isaan irbaata nyaatanii yoo dhaqxe guyyaa biraa akka deebitu itti himi. Yeroo hundumaa kan namootaaf yaaddu ta’i.—Mat. 7:12.
5 Haalawwan balaa geessisan uumamuu akka danda’an eeguu qabna. Erga dukkanaa’ee booda yeroo lallabdanitti iddoo balaadhaaf isin hin saaxille qofarratti tajaajilaa. Naannoowwan erga dhihee booda rakkina qabaachuu danda’anirraa fagaadhaa.—Fak. 22:3.
6 Waaree booda ykn gara galgalaa lallabuun, qajeelchaa gargaaraafi qajeelchaa yeroo hundaa taanee akka tajaajilluuf nu gargaaru danda’a. (Rom. 1:12) Tajaajila kanarratti hirmaachuuf sagantaa mijaa’aa ta’e baafachuu ni dandeessaa?
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
1. Lallabuuf sagantaa keenya sirreessuu kan qabnu maaliifi?
2. Karaawwan namoota baay’eef misiraachoo lallabuuf nu dandeessisan maalfa’i?
3. Sa’aatii booda ykn gara galgalaa bifa tajaajilaa akkamiirratti hirmaachuu dandeessa?
4. Yeroo gara galgalaa tajaajillutti, hubannaafi namootaaf kan yaannu ta’uu keenya argisiisuun barbaachiisaa kan ta’e maaliifi?
5. Yeroo tajaajilutti balaadhaaf of saaxiluurraa fagaachuu kan dandeenyu akkamitti?
6. Waaree boodaafi galgalaan lallabuun bu’aawwan dabalataa akkamii argamsiisa?