Tajaajilli Keenya Maal Raawwata?
1 Sagaleen Waaqayyoo Kiristiyaanota akka namoota tajaajila Yihowaatiin mo’anii duulaa galanitti isaan ibsa. (2 Qor. 2:14-16) Yeroo beekumsa Waaqayyoo beeksisnutti aarsaan tajaajilaa nuyi dhiheessinu akka ixaana garaa Yihowaa ciibsuuti. Namoonni tokko tokko foolii urgaa misiraachichaatiin harkifamaa kan jiran yommuu ta’u, kaanimmoo hin barbaadan. Garri caalaan namootaa misiraachichaaf deebii sirrii kan hin kennine ta’aniyyuu, hojiin keenya bu’aa hin qabu jechuu miti. Wanta tajaajilli keenya raawwatu mee haa ilaallu.
2 Yihowaa Ol Ol Godha: Seexanni, ilmaan namootaa bu’aa argachuuf jecha Yihowaa tajaajilu jechuudhaan morma. (Iyo. 1:9-11) Tajaajilli jaalala dhugaa Yihowaadhaaf qabnu ibsuuf carraa nuu bana. Babal’istoonni baay’een, haalawwan dhuunfaa rakkisaa ta’an ykn dantaa dhabuu namootaatiif utuu iddoo hin kennin, ajaja akka lallabaniifi bartoota taasisaniif kenname raawwachuusaanii itti fufaniiru. Amanamummaan akkasii kun garaa Yihowaa baay’ee gammachiisa!—Fak. 27:11.
3 Akkasumas tajaajilli keenya kaayyoon Yihowaa akka raawwatamuuf shoora guddaa qaba. Yihowaan haala badiisa addunyaa isa Seexanni seerratuu wajjin wal qabateen akkas jedha: “Sabni warri kaan ani Waaqayyo . . . akkan ta’e in beeku.” (His. 39:7) Saboonni kana akka beekaniif, tajaajiltoonni Yihowaa “saba hundumaatti, gosa hundumaatti, afaan dubbatamu hundumaatti, nama hundumaattis” maqaasaafi kaayyoosaa beeksisuusaanii itti fufuunsaanii barbaachisaadha.—Mul. 14:6, 7.
4 Firdii Kennuuf Bu’uura Ta’a: Misiraachoo lallabuun bu’uura firdiin itti kennamu ta’ees ni tajaajila. Phaawulos, Yesus Kiristos “warra Waaqayyoon beekuu hin barbaadin, warra wangeela gooftaa keenya Yesusiif hin abboomaminis in adaba” jechuudhaan dubbateera. (2 Tas. 1:8, 9) Namoonni misiraachoo nuti isaanitti himnuuf deebii kennaniin firdiin kennamaaf. Dhugumayyuu tajaajiltoonni Waaqayyoo itti gaafatamummaa guddaa qabu! Dhiiga namoota hundaarraa walaba ta’uuf, ergaa Mootummatti lubbu baraarsaa kana dubbachuurraa duubatti jechuu hin qabnu.—HoE. 20:26, 27.
5 Ollaawwan keenya araara Waaqayyoo akka argataniif carraaqqii walirraa hin cinne gochuun keenya araara Yihowaa kan argisiisudha. (1 Xim. 2:3, 4) Jireenyi namootaa yeroodhaa gara yerootti akka jijjiiramu beekuudhaan, ammayyuu yeroon waan jiruuf deddeebinee Yihowaa akka barbaadaniif itti himuu qabna. Akkas gochuudhaan, “araara isaa [Waaqayyoo] isa oo’aan guute” isa ‘garri tokkoyyuu akka badan waan hin barbaanneef obsaan danda’uu’ calaqqisuu dandeenya.—Luq. 1:78; 2 Phe. 3:9.
6 Ofis Ni Fayyanna: Yihowaa tajaajiluutti qabamuun keenya eegumsa nuu ta’a. Akkasumas ‘dhufa guyyaa Waaqayyoo akka eeggannuufi’ wantoota gadhee addunyaa kanarra jiraniin akka hin xuroofne nu gargaara. (2 Phe. 3:11-14; Tit. 2:11, 12) Kanaafuu, carraaqqiin tajaajilarratti goonu akka hin irraanfatamne yaadachuudhaan, ‘utuu hin socho’in jabaannee haa dhaabannu! Yeroo hundumaa hojii gooftaa caalchisnee haa hojjennu!’—1 Qor. 15:58.
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
1. Yihowaan tajaajila keenya akkamitti ilaala? Deebiin namootaahoo maalidha?
2. Tajaajilli keenya maal argisiisuuf carraa nuu bana?
3. Maqaafi kaayyoo Waaqayyoo beeksisuu keenya itti fufuun baay’ee barbaachisaa kan ta’e maaliifi?
4. Hojiin lallabaa bu’uura firdiin itti kennamu ta’ee kan tajaajilu akkamitti?
5. Araarri Waaqayyoo tajaajila keenyaan kan mul’atu akkamitti?
6. Yihowaa tajaajiluutti qabamuun keenya kan nu fayyadu akkamitti?