LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 8/06 ful. 4
  • Dammaqaa! Adda Ta’e Raabsuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Dammaqaa! Adda Ta’e Raabsuu
  • Tajaajila Mootummaa—2006
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Sadaasatti Dammaqaa! Maxxansa Addaatu Raabsama!
    Tajaajila Mootummaa—2007
  • Namoota Barruulee Kenninuuf Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Jalqabsiisuu Kan Dandeenyu Akkamitti?
    Tajaajila Mootummaa—2007
  • Amantii Uumaa Irratti Qabdu Cimsadhu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2021
  • Duula Addaa Fulbaanatti Masaraa Eegumsaa Raabsuuf Godhamu
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii(2016)
Tajaajila Mootummaa—2006
km 8/06 ful. 4

Dammaqaa! Adda Ta’e Raabsuu

1 Namoonni hundi jechuun ni danda’amaa, faarfannaa simbirrootaa yeroo dhaga’aniifi yommuu lixa biiftuu ilaalan ni gammadu. Baay’eensaanii garuu wantoota kana kan uume Abbaa jaalala qabeessa samiirra jiru ta’usaa hin amanan. Dammaqaa! adda ta’e kana raabsuudhaan wantoota kana kan uume Yihowaa ta’uusaa dhugaa ba’uuf carraa arganna. (Isa. 40:28; 43:10) Dammaqaan! ji’a Fulbaanaa guutummaatti mataduree “Dhugumaan Uumaan Jiraa?” jedhurratti kan hundaa’e ta’a.

2 Naannoo Tajaajilaatti: Danda’amnaan guyyaa Sanbadduraa hundumaatti gumii keessanii wajjin manaa gara manaa tajaajiluuf qophii godhaa. Guyyaa kan biraattis barruu adda ta’e kana raabsuu ni dandeessu. Barsiisonnis ta’e namoonni hojii barumsaa wajjin wal qabaterratti hirmaatan barruu kana fudhachuuf fedhii qabaachuu danda’u. Kanaafuu namoota akkasii naannoo keessan jiran kana akka haasofsiistaniif qophiin adda ta’e godhamuu danda’a.

3 Fedhii yoo argisiisan gaaffii yeroo itti aanutti deebistan tokko kaasaa. Fakkeenyaaf, Uumaa jaalala qabeessa ta’e rakkoo kana hundumaa maaliif akka heyyame gaafachuu dandeessu. Achiis deebitanii yeroo isa gaafattan, kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamu, boqonnaa 1 ykn boqonnaa 11 itti argisiisuu dandeessu. Yookiin kaayyoo Waaqayyo lafaaf qabu ilaalchisee gaaffii kaasuu barbaaddu ta’a; deddeebii gaaffiirratti boqonnaa 3 itti argisiisuu dandeessu.

4 Mana Barumsaatti: Barataa yoo taate, Dammaqaa! kana akka kennaatti maaliif barsiisaa keetiif akkasumas ijoollee si wajjin barataniif hin kennitu? Barruu sana deeskiirra kaa’uunkee amantii keenya ilaalchisee gaaffii akka kaasan gochuu danda’a. Odeeffannoo Dammaqaa! kanarra jirutti fayyadamtee, marii kutaa keessatti godhamurratti amantaakee ilaalchisee gaaffii ka’uuf deebii kennu ykn gabaasa dhiheessuu dandeessa. Barruun kun si gargaaruuf jecha “Gaaffii Dargaggootaa” jalatti mataduree, “Amantaan Uumamarratti Qabu Ilaalchisee Gaaffii Ka’uuf Deebii Kennuu Kanan Danda’u Akkamitti?” jedhu qabateera.

5 Yihowaan waan hundumaa waan uumeef ulfina argachuun isaaf ta’a. (Mul. 4:11) Dammaqaa! ji’a Fulbaanaa kana miira ho’aadhaan raabsuudhaan Uumaa keenyaaf ulfina laachuufi warri kaanis akkas akka godhan gargaaruu dandeenya.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi